Lammiileen Chaayinaa amoolee warqii fi doolaara kuma 800 waliin to'ataman

Lammiileen Chaayinaa sadii Baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti amoolee warqee 12 fi maallaqa callaa doolaara kuma 800 (£650,000) waliin to'annoo jala ooluu qondaaltonni himan.

Warqee fi maallaqni kun teessuma konkolaataa ittiin imalaa turan jala dhokatee akka ture bulchaan bulchiinsa Kivuu, Jiin Jaakuus Puruus himan.

Dhiheenya kana gareen lammiilee Chaayinaa gara biraa naannoo sanatti albuuda warqee seeraan ala baasuun himataman erga gadhiifamaniin booda, oppareshiniin namoota kanneen to'annaa jala oolchuuf hojjetamaa ture dhoksaadhaan kan eegamu ta'uu himan.

Baha DR Koongoon kuufama warqee, diyaamandiifi albuuda baatirii bilbila harkaa fi konkolaattota elektirikii hojjechuuf oolu baay'ee qaba.

Qabeenyi albuudaa kun bara koloniirraa eegalee gareewwan biyya alagaatiin kan saamamaa ture yoo ta'u, waggoota 30n darbaniif naannichi tasgabbii dhabuun akka rakkachaa ture sababoota gurguddoo keessaa kun isa tokkodha.

Gareen milishaa baha DR Koongoo keessatti albuuda hedduu kan to'atan yoo ta'u, hoggantoonni isaanii dallaallaatti gurguruun sooreyyii ta'aniiru.

Purusiin akka jedhanitti, daldaltoonni sibiilota gati-jabeeyyii kunneen muraasni namoota dhiibbaa guddaa qaban magaalaa guddoo Kinshaasaa waliin hariiroo gaarii kan qaban yoo ta'u, kanaaf ture ergamni hidhaa tibbanaa raawwachuuf icciitiin kan qabameef.

Odeeffannoo argameen socho'aa akka turan ta'u kan dubbatan aanga'aan kun, warqee fi maallaqni kun kan argame naannoo Waluunguu kan daangaa Ruwaandaa irraa fagoo hin taane keessatti konkolaataan shakkamtootaa erga of eeggannoon sakatta'amee booda akka ta'e himan.

Ji'a darbe bulchaan kun gaazexeessitootaaf akka ibsanitti, lammiileen Chaayinaa 17 kanneen albuuda warqee karaa seeraan alaa baasaa turan jedhamuun to'annoo jala oolan, bilisa ba'anii gara Chaayinaatti akka deebi'an hayyamamuu isaanii dhaga'uutti akka rifate himanii ture.

Adeemsi kunis damee albuudaa DR Koongoo keessatti maqaa gaarii hin qabne qulqulleessuuf tattaaffii taasifamaa jiru kan gufachiisu ta'uu dubbataniiru.

Mootummaadhaaf gibiraa fi adabbii doolaara miiliyoona 10 kanfaluu akka qaban dhaabbanni oduu Rooyitars bulchaa kana wabeeffachuun gabaaseera.

Imbaasiin Chaayinaa hanga ammaatti himannaa kana ilaalchisee yaada hin kennine.

Hidhaan kun kan raawwatame yeroo ammaa bulchiinsa ollaa kan tatatee Kaaba Kiivuu keessatti lolli itti fufee jirutti yoo ta'u, gareen finciltootaa Ruwaandaan deeggaramu naannoo bal'aa qabateera.

Ji'a darbe, DR Koongoon itti fayyadama ''albuudawwan dhiigaa'' irratti Apple himachuu ibsuun, dhaabbanni teeknooloojii guddaan kunis DR Koongoo fi biyya ollaa kan taate Ruwaandaa irraa dhiyeessii argachuu akka dhaabe akka ibsu taasiseera.

Ruwaandaan albuuda seeraan alaa DR Koongoo irraa gara alaatti ergamuuf karaa ta'uu haalteetti.

Himannaa isaanii keessattiis, abukaatonni mootummaa Koongoo bakka bu'uun dhaabbatan, albuudni naannoo waldhabdee irraa fudhatame sana booda ''karaa dhiyeessii idil-addunyaatiin saamaman'' jechuun himatan.

"Gochoonni kunneenis milishootaa fi gareewwan shororkeessummaa maallaqaan gargaaruudhaan marsaa jeequmsaa fi waldhabdee kan cimsan yoo ta'u, saamicha human daa'immanii fi badii naannootiif gumaachaniiru," jedhan.