Dhalataan Itoophiyaa Hamaasin waggaa 10 dura to'atame gadhiifame

Madda suuraa, GPO/Reuters
Dhalataa Itoophiyaa Averaa Mangistuu, kan bara 2014 keessa Hamaasiin qabame namoota shan biraa waliin Sambata Guraandhala 22, 2025 gadhiifameera.
Lammii Israa'el kan ta'e Averaa Mangistuu waggoota 10 oliif Gaazaa keessa tureera.
Haata'u malee haaluma waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'eliifi Hamaas jidduutti taasifameetti, Israa'eloota biroo shan waliin gadhiifameera.
Averaan Itoophiyaa Magaalaa Gondar'tti bara 1987 keessa dhalate. Butamuusaatiin dura Gaazaa irraa kiiloo meetira 13 qofa fagaattee kan argamtu magaalaa qarqara galaanaa Ashkeloon keessa jiraachaa ture.
Fulbaana 7 bara 2014tti Averaa Mangistuun otoo gara Kaaba Gaazaatti qaxxaamuruu himan, achiitti loltoota Hamaasin qabame.
Ergasiin boodas akka gadhiifamuuf maatiinsaa duula gaggeessaa turan.
Fira Averaa kan taatee fi akka gadhiifamuuf duula kan qindeessaa turte Xiilaa Fentaa, mootummaa Israa'el irraa deeggarsa dhabuu bara 2023tti BBC'tti himtee turetti.
Averaa Mangistuu waliin har'a kan gadhiifame biraa, Hishaam al-Saayiid jedhama. Muslima lammii Israa'el kan ta'e Hishaam bara 2015tti Gaazaa seenun Hamaasin qabame ture.
Maatiinsaa maatii Averaa waliin akka gadhiifamaniif duula gaggeessaa turan.

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimmi Averaa fi Hishaam xiyyeeffannoo dhabuunsaa loogii Yihudoota Itoophiyaa fi Araboota Israa'el irra jiruun kan walqabatu ta'uu Xiilaan dubbateetti.
"Averaan nama hawaasni hin jaalanne natti fakkaata. Kunis sababii sanyisaa, rakkoo dhukkuba sammuu fi naannoo hiyyeessaa Ashkeloon keessatti waan guddateefidha.
"Osoo xiqqoo adii ta'ee, ykn naannoo gaarii irraa dhufe ta'ee xiyyeeffannoo guddaa argata ture," jette.
Hamaas Averaa fi Hishaam loltoota Israa'el akka ta'an hima. Garuu sanadoonni Israa'el kanneen Hiyumaan Raayit Wochiin argan akka agarsiisanitti, jarri lamaan kunneen namoota nagaa tajaajila waraanaa irraa bilisa ta'aniidha.
"Isaan loltoota miti, lamaan isaaniituu dhukkubsatoodha, rakkoo sammuu qabu," jette Xiilaan.
Kunis jecha ajajaa waraanaa Israa'el duraanii fi qondaala basaasaa Mosaad Haagaayi Hadaas wajjin kan walsimudha.
"Namoonni nagaa lamaan kunneen bara 2014 irraa eegalee Gaazaa keessatti qabaman malee "hin butamne." Jechuunis sababii rakkoo sammuu qabanitiin ofiisaanitiin gara Gaazaa dhaqan," jedhee ture.
Osoo seeraan ala Gaazaa hin seenin dura Averaa fi Hishaam irra deddeebi'aniidhaan badaa turan, yaala sammuus qabaachuu isaanii qorannoon ni agarsiisa.

Madda suuraa, Handout
Ji'a Amajjii keessa Hamaas viidiyoo gabaabaa garuu guyyaan itti waraabame hin beekamne gadhiise.
Viidiyoo sana keessatti namni afaan Ibrootaatiin gungumu: "Ani booji'amaa Averaa Mangistuuti. Hiriyyoota koo waliin hanga yoomiittiin booji'amnee hafna," jedhuutu dhagahama ture.
Isaan boodas maatiin Averaa Mangistuu kan umuriin waggaa 39, eenyummaa isaa mirkaneessan.
Yeroo sanatti Ministirri Muummee Netaaniyaahuu ilmishee lubbuun jiraachuu mootummaansaa akka mirkaneesse haadha Averaatti hime.
Israa'el ''Averaa fi namoota butaman deebisuuf carraaqqii ishee hin dhaabdu'' jedheera.
Waxabajjii bara 2022 keessa Hamaas viidiyoo Hishaam jedhu gadhiise. Abbaan Hishaamis namni viidiyoo sana irratti mul'ate ilmasaa ta'uu mirkaneessan.
Hamaas fayyaan Hishaam akka hammaate qofa ibse, oduu biraa hin kennine.
Waraqaa eenyummaa isaa kan Israa'eliin kenname cinaatti maaskii qilleensaa godhatee osoo siree irra ciisuu mulata ture.

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, IDF
Hamaas hanga ammaattu namoota butan osoo dabarsanii Fannoo Diimaatti hin kenniin dura waltajjii ol jedhu irratti baasuudhaan uummata argisiisu.
Hishaam garuu dhoksaadhaan Fannoo Diimaatti dabarfamee kenname. Kunis maaliif akka ta'e Hamaas hin ibsine. Garuu Hishaam Muslima Israa'el kan jalqabaa bilisa ba'edha.
Miidiyaaleen Israa'el ammoo gochaan sun, hawaasa Arabaa Israa'el kan Hishaam irraa dhalateef 'kabaja argisiisuuf akka raawwatame gabaasaa jiru.
Averaa fi Hishaam amma maatii isaanii waliin Israa'el keessatti argamu.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












