Maan Siitiin liigicha yoo dursu, Arteettaan ammayyuu waancaa Injifachuuf abdii qabna jedhe

Miidhaa guddaa Maanchister Siitiin Arsenaaliin injifachuun irraan gahe inni tokko miidhaa xiinsammuuti.

Maan Siitiin Isteediyemii Imireetis irratti 3 fi 1'n mo'uu qofa osoo hin taane dursummaa gabatee Priimer Liigiis harkaa fudhate.

Kun erga Sadaasa bara 2022 as yeroo jalqabaaf Arsenaal harkaa bahe jechuudha.

Garaaarummaan isaanii xiqqaa fakkaachuu mala.

Maan Siitiin tapha caalmaa tokko taphachuun garaagarummaa galchiidhaani kan tokkoffaa tahe.

Garuu haalli itti isaan mo'ee fi bakki itti mo'ate akka hedduu isaanitti dhagahamu gochuu danda'a.

Bu'uuruma irraan yoo ilaalle kun hala itti fiigichi waancaa Pirimer Liigiif taasifamu itti jijjiirame jechuu dandeenya.

Bara kana Arsenaal gahumsa guddaa agarsiisaa ture. Qormaata gurguddaa isaan mudates darbaa as gahan.

Maanchister Yuunaayitidii fi Liiverpuuliin qe'ee isaanii Imireetis iratti mo'atan.

Chelsii fi Tootenahaam ammoo dirreen ala injifataniiru.

Yeroo ji'a Amajjii keessa Tootenahaamiin mo'atan taphoota 18 taphatanii Maanchister Siitiidhaan qabxii saddet caala ture.

Maan Siitiin ammoo Haalaandi galchii hedduu lakkoofsisus gahumsa duraa isaarra hin turre.

Bireentifoordiin mo'ame, Everteen waliin qoxa bahe, Tootenahaam waliinis tapahatee mo'amee ture.

Maanchister Siitiin hamma kana cimina isaa durii dhabuyyuu kufaatiin garee Arteettaa ammoo akka isaan dursummaa liigichaatti deebi'an isaan gargaareera.

Gareen Artettaa qabxii argachuu male sagal keessaa tokko qofa argate, Everteeniin mo'ame, Bireentifoordi waliin qixa bahuun ammas Maan Siitiidhaan mo'ame.

Arsenaal ammayyuu dorgommii waancaa keessa jira, yoo taphoota hafan irratti dogogora wal fakkaataa hin hojjetu tahe.

Maan Siitiin dhiibbaa dur kilaboota morkattootaa irraan gahu dhabeera.

Taphni Arsenaal ammas daawwachuuf hawwataadha. Akkasuma tahee Maan Siitiin dursuu jalqabuun garuu Arsenaaliif waan ulfaataa taha.

Tapha Bireentifoordi irratti gahumsa dhabuu ogeessa viidiyoo gargaaraa murteessaa [VAR]n akka qabxii dhaban himan.

Amma garuu nama himatan tokkoyyuu hin qaban.

Amma dogoggora taphattoota dhuunfaatu akka Maan Siitiin isaan adabuuf carraa kenneef.

Galchii jalqabaa taphataa sarara ittisa cinaa Toomiyaasuutu kubba karra eegaatti dabarsuuf ture harka Keevin De Biruuna buuse.

Ciminni qaamaa Haalaandi taphattoota sarara ittisaa Arsenaal akka hin tasgabboofne taasiseera.

Ofii galchii Piriimer Liigii 26 Maan Siitiif lakkoofsise. Waliigalaan erga kilabicha galee 32ffaa isaati.

Leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteettaan ammoo taphichaan booda gahumsi taphattootni koo agarsiisan inumaayyuu amma akka waancaa injifachuu dandeenyu na amansiisera jedhan.