'Itoophiyaatti dubartoonni meeshaalee qulqullina laguuf baasii guddaa baasu' - Qorannoo

Itoophiyaatti dubartoonni meeshaalee qulqullina laguu ji'aa kanneen akka modasii bituuf baasii guddaa akka baasan qorannoon BBC ifa godhe.

Meeshaaleen qulqullina laguu ji'aa dubartoonni fayyadaman gatiinsaa hangami kan jedhu BBC'n biyyoota Afrikaa sagal keessatti qorannoo gaggeesseni kuni kan barame.

Akkaatuma kanaan Itoophiyaan Gaanatti aanun biyya dubartoonni meeshaalee akka moodasii bituuf baasii guddaa keessatti baasan taateetti.

Qorannichi galii ji'aa gadi aanaafi meeshaalee qulqullina laguu ji'aa gatiinsaanii rakasa ta'e wal-bira qabuun kan gaggeeffame yoo ta'u, gatiin meeshaalee kanneenii galii dubartoonni heddu argataniin wal-hin gitu.

Qorannichi Gaanaa, Itoophiyaa, Somaaliyaa, Yugaandaa, Naayijeeriyaa, Ruwaandaa, Tanzaaniyaa, Afrikaa Kibbaafi Keeniyaatti gaggeeffame.

Gaanaan biyya dubartoonni galii gadaanaa qaban meeshaalee qulqullinaa bituf baasii guddaa itti baasan yoo taatu, Itoophiyaan ittaantee jirti.

Keeniyaan ammoo giddu galeessaan biyya oomishni meeshaalee qulqullina laguu ji'aa gatii salphaan keessatti argamudha.

Biyyoota qorannoon kun itti gaggeeffame keessaa biyyoota 6 keessatti dubartoonni galii gadi aanaa qaban modasii baaqqee 16 bituuf mindaasaanii ji'aarraa harka 3-13 ni baasu.

Gaanatti dubartiin tokko mindaa xiqqaa dolaara 26 ji'aan argatti keessaa dolaara 3-7 meeshaalee qulqullina laguu ji'arratti baasti.

Kuni ammoo kan biyyoota akka USfi UK wajjin yoo wal-bira qabamu baay'ee qaalidha. Ameerikaatti dubartoonni galii gadaanaa dolaara 1,200 argatan keessaa modasii fa;'aabituuf kan baasan dolara 3 qofa.

Itoophiyaatti ammoo dubartiin tokko galii argatturraa modasii bituuf giddu galeessan 6% ni baasti akka qorannoon kun agarsiisutti.

Gatiin meeshaalee qulquullinaa kunneen qaala'uurraa kan ka'e biyyoota kanneen keessatti shamarraniifi dubartoonni laguun yoo itti dhufu huccuu, waraqata simintoon keessaa dhume, muka muuzii gogee fa'aa fayyadamuuf akka dirqaman agarsiisa qorannichi.

Namoonni fayyaa laguu ji'aaf falman qaraxi meeshaalee qulqullinaa laguu qaraxarraa bilisa ta'uun gatiin gadi bu'ee dubartoonni bitachuu danda'uu qabu jedhu.

Waggaa lama dura Itoophiyaatti qaraxni omishaalee qulqullina laguu ji'aa akka fooyya'u gochuu Ministeerri Maallaqaa beeksisee ture.

Murtee Ministeerri Maallaqaa taasise kanaan, omishaalen qulqullinaa daa'immaniifi laguu ji'aa alatti omishaman gara biyyaa yeroo seenan qaraxi 30% irra kaa'amee ture gara 10% akka gadi bu'u godhamee ture.

Haa ta'u garuu murteen kun hanga ammaa hojiirra hin oolin jira.

Keeniyaatti meeshaalen qulqullinaa laguu ji'aa qaraxarraa bilisa kan taasifte bara 2004tti yoo ta'u kanarraa ka'uun dubartoonni galii gadaanaa qaban gatii salphaan gabaarraa argachuu danda'u.

Keeniyaatti meeshaalen kun qaraxarraa bilisa ta'uu qofa osoo hin taane bilisaan dhiyaachuu qaba jedhanii kan falmanis jiru.

Mootummaan Taanzaaniyaa bara 2019 qaraxa meeshaalee qulqullinaa laguu ji'aarraa kaasee turus deebisee qaraxa irra kaa'e.

Meeshaalen qulqullinaa kunneen Afrikaattis ta'ee addunyaa biroo keessattis gatiinsaa olk'aa ta'uurran kan ka'e dubartoota miliyeenan lakkaa'aman irraan dhiibbaa gahaa jira.

Qorannoon biyyoota garaa garaa keessatti gaggeeffame akka agarsiisutti sababa qaala'iinsa meeshaalee qulqullinaa laguu ji'aatin shamarran heddu manneen barnootarraa ni hafu.

Itoophoyaatti dhaabbata meeshaalen qulqullina laguu ji'aa qaraxarraa bilisa akka ta'aniifi meeshaalee qulqullinaa miiccamuu danda'an waliin gahuuf hojjatu Jagnit Itoophiyaa jedhamu kan hundeessite Maraakii Tasfaayee akka jettutti, Itoophiyaatti shamarreen tokko waggaatti guyyaa 100 mana baruumsarraa ni hafti.

Akka gabaasa Baankii Addunyaattimmoo dubartoonni miliyeena 500 ta'an meeshaalee qulqullina laguu ji'aa hin argatan.