Qaamni keenya ibiddaan yoo gubate wantoota gochuu hin qabne

Balaa ibiddaa mana keessatti dhaqqabu keessaa bal'inaan kan miidhaman daa'immaniifi dubartoota ta'uu gabaasi mul'isa.

Ogeessi BBC'n Hospitaala Finfinnee jirurraa dubbise kanneen gara caalu baadiyyaarraa ibiddaan gubatanii dhufan dhukkubsattoota gaggabdoo ta'uu dubbatu.

''Balaan ibiddaa gogaa keenyaa hanga tishuu qaama keessa jirutti kan miidhu tahus, garuu balaa xiyyeeffannoo hin argannedha,'' jedhu Hospitaala Yakkaatititti hogganaa kutaa Gubaa Qaamaa kan tahan Jaafar Aliyyii.

Ogeessi narsummaan tajaajilan kuni guutummaa biyyattiirraa namoonni qaamni isaanii balaan ibiddaa cimaa fi giddugaleessa irra gahe guyyaatti shanii hanga kudhan ta'an gara hospitaala isaanii dhufu.

''Namoonni balaa ibiddaan qaamni isaanii miidhame qaama isaaniin ala xiin-sammuu isaanii irrattillee dhiibbaan ni gaha,'' jedhu.

Kana malees qorichaafi dibati gubaa qaamaa fayyisuuf fayyadamnu ''akkaan qaalii waan taheef rakkoon maallaqaalle ni mudata,'' jedhan.

Balaa ibiddaan gubachuun magaalaafi baadiyyaatti sababiin isaa adda adda jedhu ogeessi fayyaa kuni.

''Magaalaa keessatti ijaarsa gamoowwanii irratti balaa elektiriikaa, meeshaalee nyaata tolchuuf gargaaran fa'i itti fayyadama wallaaluun balaa qaqqabu dha,'' jedhan.

Kanneen baadiyyaadhaa dhufan ammooo yeroo baay'ee namoota, ''dhukkuba gaggabdooo qabantu ibiddarra kufanii dhufu, isaaniis dubartootaafi ga'eessota umriin isaanii waggaa 30 ol tahani dha,'' jedhan.

Yeroo baay'ee balaan ibiddaa manatti kan uumamu yoo tahu sababiinsaa garuu gargarii jedhu qorataan gubaa qaamaa Pirof. Toom Pootookar, Yunivarsiitii Siwaansiin irraa.

''Biyyoota galii gad-aanaa qaban keessatti gomjii banaa irratti ibidda bobeessuu, ibidda boba'aa mana ho'isuuf fayyaduufi kurraaziin fa'a madda balaa ibiddaa qaama keenya irratti gahuuti,'' jedhu.

Qorannoo Yunivarsitii Siwaansiin taasiseen biyyooota kanneen akka Baangilaadesh, Itoophiyaa fi Indiyaa keessatti balaa elektirikii volteejii guddaa qabuun harkii fi miilli ga'eessotaafi daa'imman irraa akka muramuuf sababa tokkodha jedha.

'Gubaan sadarkaa qaba'

Akka ogeessi fayyaa Jaafar jedhanitti balaan ibiddaa gogaa keenya isa irra keessaa gubuurra darbee hamma lafee keenyaatti qaqqabuu danda'a.

''Gubaa sadarkaa tokkoffaa kan gubaa isa gogaa keenya miidhee hafu dha,'' jechuun ibsu.

Kan sadarkaa lammaffaa jedhamu ammoo tishuu fi ujummoo qaama keenyaa kan gubudha.

Inni sadarkaan sadaffaa ujummoo fi tishuu keenya darbee hamma lafee keenyaa balaa guddaa kan qaqqabsiisu dha jedhan.

''Namoonni balaa kanaan nu bira dhufanis kan sadarkaa tokkoffaafi lammaffaati,'' jechuun BBC'tti himan.

Inni kunis gar-tokkee qaama isaanii kan hir'isu, seelotaafi ujummoowwan qaamaa kan miidhudha.

Balaan ibiddaa yeroo baay'ee mudatus harkaafi miila namootaa irratti akka tahe ogeessi kuni ni dubbatu.

Yoo gubanne maal gochuu qabna?

Ogeessi fayyaa Jaafar balaa ibiddaa irraa of eeggachuuf tarkaanfiin jalqabaa hojii keenya guyyuu keessatti balaan kuni qaqqabuu akka danda'u hubachuun of eeggannoo taasisuudha jedhu.

''Qaamni keenya ibiddaan gaafa gubatu dibata ykn dhoqqeefi waan garagaraa itti gochuu dhiisnee bishaan qorraa itti jigsuu qabna,'' jedhan.

Sana booda atattamaan gara kiliinika ykn buufata fayyaa dhihoo jirutti geessuudha jedhu.

Malee barteedhaan dibata garagaraa qaama gubateerra dibuun fayyisuuf yaaluun sirrii akka hin taaneefi balaa caaluuf akka saaxilu himaniiru.

Namni wayyaan gubachaa jira taanaan irraa baasuufi madaa qaamarra jiru ammoo huccuu qulqulluun maranii mana yaalaa geessuu akka qabnu himu ogeessi fayyaa kuni.

Akka hakiimiin balaa atattaamaa Dr Saalihaa Ahasan BBC'tti himanitti, Walumaagalatti yoo qaamni keenya bishaan danfaatiinis tahe ibiddaa yoo gubate yaaliin ykn gargaarsi jalqabaa taasisnu wal-fakkaataadha.

Kanaaf yeroo nama gubaa qaamaa irra gahee gargaartanitti tasgabbaa'aatii qajeelfamoota kunneen armaan gadii hordofaa:

Nama balaan irraa gahe iddoo nagaa geessaa - iddoo balaan kuni uumame irraatii fageessaa. Kutaa qaama isaanii miidhame irraatii faayaa, uffata, ykn sa'aatii irraa baasaa. Garuu meeshaaleen kuni qaamatti maxxananiiru taanaan itti hin bu'iinaa, dhiisaa.

Gubaa qabbaneessaa - kutaa qaamaa miidhame yoo xiqqaate daqiiqaa kudhaniif bishaan itti jigsaa /naqaa. Qaama miidhamerraa dafanii bidhaan itti naqanii qabbaneessuun balaa ni hir'isa.

Kutaa gubate qabbaneessuun dhukkubbii, dhiita'uu fi booda godaannisa dhufu ni hir'isa. Namni miidhame dhukkubbii akka hin qabne himatus, bishaan itti jigsuu hin dhiisinaa.

Bishaan iddoo gubaan jiru yeroof hadoochuu danda'a. Garuu ammallee qaama gogaa jalaan jiru bishaan itti naqaa qabbaneessuun murteessaa dha.

Cabbii hin fayyadamiinaa. Miidhaa dabalataa fi dhukkubbii qabu fiduu danda'a. Dibata kanneen akka loshinii, kireemiin gubaa ittuu hammeessuu malee hin fooyyessan.

Iddoo gubate laastikii qulqulluudhaan maraa - kuni madaan infekshinii akka hin godhanneefi akka hin gogne taasisa.

Barbaachisa yoo tahe mana yaalaa geessaa - gubaan waan barruu harkaa caalu fa'a taanaan dhukkubsataan mana hakiimaa geeffamuu qaba.