Namtichi haadha warraasaa duraanii gubee ajjeesse, du'aan adabame

Namtichi lammii Chaayinaa haadha warraasaa duraanii osoo kallattiin miidiyaa hawaasaa irratti dabarsaa jirtuu ibiddaan gubaa ajjeesse du'aan adabame.

Dubartii Laamuu jedhamtuu fi miidiyaa hawaasaa Douyin, kan bifa biraa TikTok Chaayinaa ta'e gubbaatti haalan kan beekamtu turte.

Hordooftoonni ishee kuma dhibbaan lakkaa'amanis warraabbii viidiyoo waa'ee jireenyaa ishee kan gaarreen ollaa Sichuan keessaa raawwatamee dowwataniiru.

Abbaan warraa ishee duraa kunis erga gaa'ilasaanii diiguun adda bahaniin booda ture hordofee dhaquun mana abbaa isheetti boba'aa itti firfrsuun ibidda itti qabsiisee du'aaf kan Laamuu qaqabsiise.

Dhimmi ishee kunis Chaayinaa keessatti miidhaa mana keessaa dubartoota irra gahu ifatti baaseera. Qorannoon tokko akka jedheettis, dubartoonni Chaayinaa nuusa ta'an miidhaa mana keessaatiin rakkataniiru.

Haadha ijoollee lamaa kan turte Laamuun waa'ee miidhaa abbaa waraasheetiin irra gahu ilaalchisuun poolisiitti himte ture. Garuu, waldhabdeen erga gaa'ila dhaabbatanii booda mudatu akka dhimma maatiitti ilaala ture.

Abbaan warraa ishee Taang Luu wayita du'aan akka adabamu itti murtaa'eetti garuu, manni murtii ollaa baadiyaa kaaba-lixa Sichuan, kan bakka sabni Tibeetaanoota jiraatanii, yakki inni ishee irratti raawwate ''baayyee gara jabiinaan'' kan guutamee fi dhiibbaan miidiyaa hawaasaas ''baayyee badaa'' akka ture hime.

Laamuun Waxabajjii bara 2020 keessa Taanguun adda baate turte. Innis miidhaa irraan gahaa turuuf galmee akka qabu manni murtii himeera.

Adda bahanii gara baatiiwwan sadiitiin booda ammoo, namtichi kun mana abbaashee deemuun erga boba'aan itti firfirsuun booda ibidda itti qabsiise.

Kanaanis qaamni ishee harki 90n waan miidhameef torban lamaan booda haala sukkanneessaan lubbuunshe darbe.

Mudannoon ishee kunis biyyattii guutuutti dheekkamsa kan kaase yoo ta'u, dhimma miidhaa dubartoota irratti marii akka haaraatti akka eegalu kakaase.

Hordooftoonni Laamuu kumaatamnis fuula miidiyaa hawaasaa ishee gubbaatti ergaa gaddaa kan qoodan yoo ta'u, miiliyoonoonni marsariitii microblogging jedhamu fayyadamuun haashtaagiidhaan haqani ishee akka bahuuf gaafataanii ture.

Chaayinaan bara 2016 keessa ture kan miidhaa mana keessa yakka taasifte. Ta'us, ammalleen keessattuu naannoolee baadiyaatti akkuma jiruutti jira.

Roogeeyyoon tokko tokkoos adeemsi cimdiiwwan gaa'ilasaanii diiguuf barbaadaniif akka guyyoota 30f ''yaada naanneeffatan'' jechuun dhiheenya ibsame, dubartoonni walitti dhufeenya miidhaa qabuu keessaa bahuuf haala itti cimsa jedhu.