Antoonii Biliinkan rakkoon nageenyaa Oromiyaafi Amaaraa karaa nagaan akka furamu gaafatan

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa jiru karaa marii nagaatiin akka furamuufi eegumsi mirga namoomaa akka taasifamu gaafatan.

Qondaalli olaanaan Ameerikaa kunis kana kan jedhan wayita Ministira Mummee Itoophiyaa Dr Abiya Ahimad waliin bilbilaan haasa’aniitti ta’u ibsi Isteet Dippaartimantiin biyyattii kaleessa galgala baasee beeksiise.

Ibsichi akka jedhetti, Biliinkan dhimma rakkoolee nageenyaa Gaanfa Afrikaa fi galmawwan tokkummaa, nageenyaa fi badhaadhina Itoophiyaa waliin qooddatan irratti MM Abiy waliin mari’ataniiru.

Itti dabaluunis, Minsitirri Dhimma Alaa Ameerikaa kun haala naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa jiru irratti yaaddoo qaban erga ibsaniin booda, ‘‘wal dhabdeen kunis karaa marii siyaasaatiin furuun akkasumas mirgoota namoomaatiif eeguumsi taasisuun barbaachisaadha,’’ jedhan.

Kana malees, Biliinkaniifi MM Abiy dhimma to’annoo fooyya’aa deeggarsa namoomaa kan deeggarsi nyaataa akka deebi’uuf dandeessisuu irratti mari’achuu ibsi kun kaa’eera.

Marii qondaaltoota olaanoo kanneen keessatti Minitirri Dhimma Alaa Ameerikaa Biliinkan adeemsa cee’umsa haqaa hunda hammataafi amanamaa hundeessuuf hojii hojjatamaa jiru akka simatan kaasaniiru.

Kanaan dura Ameerikaafi dhaabbiilee deeggarsaa Biyyoota Gamtoomanii nyaanni deeggarsaa qisaasamaa jiraachuu bira gahuu himuudhaan baatiiwwan shaniin dura deeggarsa dhiyeessuu dhaabuun isaanii ni yaadatama.

Deeggarsi manoomaa erga dhaabbateen boodas, keessattuu naannoo Tigraay kan waraanni wagga lamaaf keessatti gaggeeffamaa ture keessatti, namoonni hanqina nyaataatiin lubbuu dhabaa jiraachuu himameera.

Naannoolee Oromiyaa keessatti waggoottan darban muraasa keessa sababii wal dhabdee humnootii mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti gaggeeffamuutiin wal qabatee lubbuun namoota hedduu baduufi qabeenyaan barbadaa’uu akkasumas jiaattoonni bakka jireenyaasaanii buqqaafamuu dhaabbilee mirgaaf falman irra deddebiin gabaasaa turan.

Mariin nagaa mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti baatii Eblaa bara 2023 keessa yeroo jalqabaatiif Taanzaaniyaa odola Zaanzibaariitti taa’ame.

Yeroo marichi xumurame waliigalteerra gauu baatanis abdiii mariachi itti fufuu jiraachuu himamee ture.

Haa tahu malee, ergasii boodas walitti bu’insi qaamoolee lamaan jidduu naannichatti bakkeeewwan garaa garaatti itti fufee jira.

Haaluma walfakkaatunis baatiiwwan muraasaatiin asiitti ammoo walitti bu’iinsa humnoota mootummaa federaalaafi hidhattoota faannoo jidduutti naannoo Amaaraatti gaggeeffamuunis rakkoon nageenyaa eddoowwan garaa garaatti mudachaa jiraachun gabaafameera.