Tiraamp ambaasaaddara Awustiraaliyaa 'natti hin toltu' jechuun booda MM biyyattii deebii kennan

Keevin Ruud

Madda suuraa, Getty Images

Walgahii Waayit Haawus irratti Donaaldi Tiraamp dippiloomaatiin Awustiraaliyaa akka isaaanitti hin tolle dubbachuun booda Ministirri Mummee Awustiraaliyaa Antoonii Abaaniis deebii kennan.

Gaafa Wiixataa Tiraamp waa'ee qeeqa Keevin Ruud- ministira mummee duraanii Awustiraaliyaa fi amma Ameerikaatti ambaasaaddara Awustiraaliyaa yeroo gaafataman fuuluma isaaniitti ''anis natti hin toltu'' jechuun itti deebisan.

Ambaasaaddarichi otoo gara hojii isaanii kanaa hin dhufiin dura ergaa Tiraampiin qeeqan Tiwiitarii irratti barreessaa turan.

Keevin barreeffamoota kunneen Tiwiitarii irratti kanaan dura barreessuu amananis Tiraamp immoo ''anis natti hin toltu'' yeroo jedhan galmi walgahii kolfaan guutame.

Albaaniis Tiraamp wajjin walgahii murteessaa akkasii taasisuun kan jalqabaati, ministirri mummichi boodarra yaadni pireezidantichaa ''kan hammeenyaa miti'' jedhanillee ambaasaaddarichi muudamni isaanii ''akka kaafamu'' gaaffiin dhiyaachaa jira.

Hoggantuun paartii mormituu Awustiraaliyaa Suuzaan Lii yaadni Tiraamp ambaasaaddarichi muudamni kuni akka ''isaaniifi hin mallee'' fi akka gadhiisan hima jette.

Keevin Awustiraaliyaa bara 2007 hanga 2010 akkasumas bara 2013tti ammoo yeroo muraasaaf hoggananiiru. Bara 2013tti ammoo ambaasaaddara Ameerikaa tahuun muudaman.

Bara 2020tti Keevin ''pireezidantiin seenaa keessatti akka Tiraamp balleessaa hojjete hin jiru, ''warra Lixaaf ammoo yaaddoo dha.'' Ammaas barreefama biraan ''doofaa ganda keessaa,'' fa'i jechuun Tiraampiin ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daqiiqaa muraasa booda Tiraamp ambaasaaddarichaaf ''dhiifamni godhameera,'' jechuun qondaaltonni galma walgahii himan.

Albaaniis boodarra walgahii qondaaltonni siyaasaa Ameerikaa argaman irratti ambaasaaddaricha hojii isaaniif leelllisan.

''Asitti namni ambaasaaddara keenya caala namni hojiin ko'omu yoo jiraate natti himaa sababiinsaas Keevin garaa dhumsaarraa hojii hojjetaa, nama hunda immoo waan beeku natti fakkaata,'' jechuun miseensota kongireesii Rippaabliikaanotaafi Demookiraatotaatti himan.

Miseensi Rippaabliikaan Maayiki Makool jedhamu Keevin ammallee ''qacaramee bu'aa argamsiisuusaatti natti tola,'' jechuun qoosaan Albaaniis wajjiin akka waliigalan himan.

Makool dabaluunis ''Keevin sadarkaan hundumaatti nama argamu dha,'' walgahii Awwustiraaliyaa, UK fi US, waliigalteee doolaara biiliyoonaa waraana galaanaa jalaa Awustiraaliyaa wajjin taasifame keessas ture jedhan.

Albaanis daawwannaan Ameerikaa guyyoota lamaa kan milkaa'e waliigaltee doolaara biiliyoona 8.5 albuuda gatii-jabeessa tahan dabalata jedhan.

''Har'a uummata durattiin si galateeffachuu barbaada- daawwannaan kuni akka milkaa'uu gochuuf hojii hojjetteeef,'' jechuu Keevin galateeffataniiru.