Haleellaa naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa bakka albuudaa sadiirratti raawwatameen lubbuun namootaa darbe

Madda suuraa, Kominikeeshinii Aanaa Beeroo
Kibba Lixa Itoophiyaa aanaa Beerootti Kamisa darbe iddoo warqee fi albuuda imnabaradii itti baasan sadiirratti haleellaa hidhattootni raawwataniin lubbuun namoota namoota 7 darbuu bulchaan aanichaa fi hogganaan poolisii BBC'tti himaniiru.
Har'as "bakka albuuda baasan biraa" irratti dhukaasni banamuun gabaafameera.
Haleellaan kun kan raawwatame aanaa Beeroo, kan Godina Oomoo Lixaa keessatti argamu, Kamisa, Mudde 25, 2025, "guyyaa naannoo sa'aatii 5:00 hanga ganama sa'aatii 7:30 gidduutti" ta'uu ajajaan poolisii aanichaa Saajin Meejar Demelash Aku BBC'tti himaniiru.
Bulchaan aanichaa Obbo Gammadaa Kayiidad akka jedhanitti haleellaan jalqabaa dhaabbata albuudaa "Bero Mining" jedhamu kan warqee barbaaduu irratti bobba'e irratti raawwatame. Dhaabbatichi ''waggaa tokko dura naannoo sanatti warqee barbaaduuf hayyama waggaa sadii mootummaa federaalaa irraa argateera'' jechuun hubachiisaniiru.
"Gara magaalattii osoo deemaa jiranii humnoota nageenyaa Albuuda Beeroo eegaa turan waliin walitti dhukaasan [...] kanuma keessa bakka albuuda baasan tokkko seenanii haleellaa banan," jechuun taatee jalqabaa ganda Gabisa jedhamu keessatti mudate ibsaniiru.
Qondaaltonni lamaan kun haleellaa jalqabaa albuuda warqee kana irratti raawwatameen namni tokko du'uu himan. Hogganaan kun akka jedhanitti namni haleellaa kanaan ajjeefame " gargaaraa konkolaataa fe'umsaa Isuzu" kan albuuda kana keessa hojjetu ture.
Ajajaan poolisii Saajin Meejar Demelash itti dabaluudhaan du'a kanaan alattis namni biraa tokko madaa'uu ibsaniiru.
Akka Obbo Gammadaan jedhanitti, namoota biroo bakka sana turanis haleellaan irratti raawwatameera. "Iddoo sana marsan, milishaa waliin qindoominaan bakka sana keessaa baafne. Yeroo muraasa booda Raayyaa Ittisa biyyaa bakka albuudaa sana eegan waliin yeroo dheeraaf walitti dhukaasaniiru," jechuun taatee itti aanee mudate ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walitti dhukaasa kanaan miidhaan qaqqabe akka hin jirre himaniiru. Haa ta'u malee, haleellaaniddoo albuuda imnabaradii jedhamu baasanitti itti fufeera.
Haleellaan lammataa namoota albuuda imanabaradii eegaa turan irratti raawwatame jedhan bulchaan kun. Obbo Gammadaan akka jedhanitti, eegdonni nageenyaa jaha bakka sanatti bobbaafamanii kan turan yoo ta'u, yeroo haleellaan kun raawwatame garuu isaan keessaa sadii hojiirra hin turre.
''[Warri qawwee qaban] eegdota sadan haleelan. Lama ajjeesanii meeshaa waraanaa isaanii fudhatan. Tokko fi dubartoonni nyaata bilcheessan lubbuun hafan,'' jedhan. Hogganaan poolisii aanichaas haleellaa kanaan namoonni lama du'uu himaniiru.
Haleellaan sadaffaan kan raawwatame bakka imnabaradii baasan irraa fageenya 3km irratti argamuufi bakka warqee baasan "Shaambel Sexxenyi" jedhamutti raawwatame.
Qondaaltonni lamaan kunneen akka jedhanitti, iddoon kun garee hayyama albuuda warqee hojii xiiqqaa hojjetanitti raawwate. Bakka sanatti dubartoonni lamaa fi dhiirri tokko ajjeefamaniiru.
Haleellaa kanaan alattis bakka qonnaa kanarratti qabeenya gubuu fi saamichi akka ture himaniiru.

Madda suuraa, ETV/YOUTUBE AFAAN OROMOO
Obbo Gammadaan akka jedhanitti: ekiskaavaatariifi loodarii tokko gubamaniiru. Kaampii guutummaatti barbadeessaniiru.
Haleellaa kanaan alattis konkolaachisaan konkolaataa fe'umsaa "miizaanaa fi boba'aa qabate gara bakka sanaatti oofaa ture" ajjeefameera jedhan hogganaan kun itti dabaluudhaan.
Akka bulchaan fi hogganaan poolisii kun jedhanitti, guyyaa tokkotti sa'aatii muraasa keessatti haleellaa iddoowwan albuudaa irratti raawwatameen walumaa galatti namoonni 7 yoo du'an, namoonni lama ammoo madaa'aniiru.
Qondaaltonni akka jedhanitti, har'a [Jimaata] bakka albuudaa biraatti dhukaasni banameera.
Obbo Gammadaan "Yeroo ammaa kana bakka tokkotti lolli cimaan geggeeffamaa jira. Haleellaan naannoo sanaa gaggeeffamaa jira, humna dabalataas achitti ergaa jirra" jedhan.
Qondaaltonni lamaan haleellaa kanaaf gaafatamaa kan ta'e "hidhattoota Suurii" kanneen ka'umsi isaanii aanaa ollaa Surii irraa ta'e jedhan. Hidhattoonni kunneen haleellaa kanaan dura ''loon isaanii gara naannoo albuudaatti tiksuu'' isaanii hubachiisaniiru.
"Tiksitoonni Surii irraa dhufan jiru. Loon jiru tiksitoonni Surii irraa loon duuba hidhatanii jiru. Humni biraa hin jiru," jedhan bulchaan aanichaa.
Hidhattoonni kun haala "gurmaa'een" socho'u jechuun hima. ''Humnoonni 100 hanga 150 ta'an lolaa jiru,'' jechuun haleellaan amma raawwatamaa jiru ''haala kanaan dura argamee hin beekne'' ta'uu himan.
BBC'n dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa, godina Oomoo Lixaa fi aanaa Suurii irraa argachuuf tattaaffiin godhe hin milkoofne. "Kana irratti odeeffannoo ifa ta'e hin qabu," jedhan itti gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa godina Oomoo Lixaa Obbo Dassaalanyi Geeltaa.
Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa Yeshiwaas Alamuu bilbilaa fi ergaa barreeffamaa BBC irraa ergaameef deebii hin kennine.












