Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni 'Shanee' Benishaangulitti namoota 40 ol ajjeesuu jiraattonni himan
Haleellaa hidhattoonnii Naannoo Benishaangul Gumuzitti raawwataniin daa'imman, dubarti ulfaa dabalatee namootnii 40 ol ajjeefamuu BBC'n odeeffate.
Ajjeechaan kuni ALI Sadaasa bulti 12, 2018 Sambata ganama Godina Matakkal, Aanaa Bulan, ganda Bakkujjiitti raawwatamuu jiraattootiifi qondaalonni himaniiru.
Bulchaan Aanaa Bulan hammi namoota ajjeefamanii 36 akka ta'e akka odeeffatan BBC'tti himaniiru. Garuu, kan miidhaman akka jiranis eeran.
Jiraattoti immoo kan booda keessa wal'aansa dhaqanii du'an dabalatee hanga 42 gahuu dubbatani.
Ajjeechaa kanarratti hanga ammaa sadarkaa Naannoo Benishaangul Gumuuz akkasumas Mootummaa Federaalaa Itoophiyaarraa wanti jedhame hin jiru.
Jiraattoti akkasumas qondaaloti BBC'n dubbise haleellaa kanaaf hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan 'Shanee' jedhan himatan.
Hidhattooti paarlaamaan Itoophiyaa tarree shororkeessaa jala kaa'e himannaa kanarratti deebii kennaniin waakkataniiru.
Dubbii Himaan WBO Obbo Jireenyaa Guddataa ''Lolli waraana keenyaafi waraana diinaa gidduu ta'ee jira'' jechuun mirkaneessaniis ajjeechaa hin raawwanne jedhan.
Ajjeechaa raawwateefis deebisanii humnoota mootummaa himatani.
Aanaan Bulan ganda Bakkujjiitti waggaa shan duras haleellaa hidhattoonni raawwataniin ''ajjeechaan jumlaa'' namoota dhibbaan lakkaa'aman galaafate raawwatameera.
Haleellaan tibbanaa osoo jiraattoti yaaddoo qabaniifi bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti mootummaan lammiilee nagaa tiksuu hin dandeenye komiin jedhu yeroo cimetti dhagahame.
Erga haleellaan raawwatee booda Raayyaan Ittisa Biyyaa bakka haleellaan raawwate dhaqqabee tasgabbeessaa akka jirus qondaalli BBC'tti himaniiru.
'Jumlaa owwaalle'
Haleellaan kuni ALI Sambata Sadaasa 13, 2018 barii sa'aatii 11:00 - 12:00 gidduu raawwatuu kanneen lubbuun oolaniifi maatiin namoota fira dhabanii BBC'tti himaniiru.
Bakki haleellaan itti raawwates magaalaa baadiyyaa Bakkujji jedhamtudha.
Haleellaan raawwachuu dura yaaddoon akka ture kan himan jiraataan BBC'n dubbise, kanuma keessa haleellaan raawwate jedhan.
Bulchaan aanichaa hammi namoota ajjeefamanii 36 ta'uu akka odeeffatan yoo himan, jiraattotimmoo kan boodarra du'an jedhan eerun hanga 42 gahuu dubbatu.
Odeeffannoo hanga ammaa jiruun, ''Dubartoota 15, daa'imman 16 [umrii 15 gadi], maanguddoo 4, milishaa shantu ajjeefame jedhan.
''Walumaagala kaleessa [Sambata] namni 40 owwaalameera.
''Har'ammoo [Dilbata] riifarii [wal'aansa dabalataaf] kan deeman keessaa namni lama du'ee dhufeera,'' jechuun lakkoofsi namoota ajjeefamanii 42 gahuu jiraataan kun dubbatu.
Owwaalchi namoota kanaas Bataskaanaafi Masjiidatti haala kana dura hin baramneen raawwate jedhan.
''Yeroo owwaalcha jedhamu owwaalcha sirna qabu miti. Akkanuma biyyoo uwwisuu malee nama hamma kana sirnaan akkamiin owwaalu?
''Baay'inaan akka maatii isaanitti [walfaana] owwaalaman.''
Jiraataan biraa maatiin isaanii aajjeefames kanumaa mirkaneessan.
Nama tokko tokkoon owwaalcha raawwachuuf ''yeroon waan hanqateef''' boolla tokko keessa ''nama lamas, sadiis, afuriis shanis'' owwaalaa turan jedhan.
Jiraataan kuni haleellaa tibbanaan hammi namoota ajjeefaman 41 gahuufi ''Naannichatti yaaddoon ture, eegamaa ture'' jedhu.
Jiraataan dubbifne jiraattoti amma haleellaan irratti raawwate ALI bara 2013 haleellaa tureen buqqa'anii qe'eetti kan deebi'an ta'uu dubbatu.
''Mana baay'eetu gubate. Lakkoofsaan hangana jedhuun [nama dhiba]. Mana sharaa keessa jiraanna,'' jechuun himan waggaa muraasa dura qe'eetti akka deebi'an eeruun.
Haleellaa waggaa shan dura raawwateen maneen hedduu gubataniiru.
Haleellaa tibbanaan kan miidhaman gara Hospitaala Baahirdaar jiru akkasumas Bulanitti ergamuu jiraattoti himan.
Ta'us, tilmaamaan malee lakkoofsa sirrii hin qabani.
'Maatii saddeet nu duraa ajjeesan'
Sababa yaaddoo nageenyaaf namni maqaa naa dhoksaa jedhan sagalee gadda keessa jiruun firri isaanii saddeet ajjeefamuu dubbatan.
''Maatiin keenya jahadha [kan ajjeefame]. Akka hojiii gargaaranif nama lama fidan qabu. Lamaanuu du'aniiru. Mana keenya keessa [waliigala] nama saddeetitu du'e,'' jechuun BBC'tti himan.
Obboleessa hangafaa isaanii ilmaafi intala isaa waliin, kan obboleessa isaanii biraammoo haadha warraafi ijoollee lamaan ishee waliin ajjeesuu himan.
''Ajjeechaa suukaneessaatu raawwate,'' jechuun gadda keessa osoo jiranii BBC'tti dubbatan.
Umriin ijoollee ajjeefaman keessaa ''daa'imti waggaa tokkoofi ji'a torbaa taate, kaan umrii 14 fi 15'' akka ta'an himan.
Jiraataan biraa hidhattooti ajjeechaan himataman ''Saawwas oofaniiru. Suuqis zarafaniiru,'' jedhan.
'Shaneetu ajjeese'
Namoonni BBC'n dubbise martuu akkaataa ajjeechaa yoo himan namoonni nagaa lafa ciisanitti ajjeefamuu himan.
Hidhattooti jiraattoti akkasumas qondaaloti 'Shanee' jedhan godinichatti ajjeechaaf yoo himatanis yeroo duraaf miti.
Kana duras qondaaloti godina kanatti hidhattoota kanarratti oppireeshinii adeemsisuu himaa turan.
Jiraattotis maqaa hidhattoota kanaan miidhamuus himataa turan.
Dr Mabraatuu Alamuu, Miseensa Parlaamaa Itoophiyaa yoo ta'an Aanaa Bulan bakka bu'uun filatamani.
Ajjeechaan raawwachuu akkuma odeeffataniin hordofaa akka turaniifi birmannaan akka isaan bira gahu aangawootatti bilbilaa turan.
Haleellaan Sambata barii sa'aatii 11:30 eegaluu himu.
''Osoo hirribarra jiranii dhukaasa banani. Lammiilee nagaa sagalee dhukaasaa dhagahanii [manaa] bahan, [hidhattoonni mana] seenanis miidhaa geessisaniiru.
''Magaalaa to'atani. ...Gara 40 [hamma namoota ajjeefamanii] seeneera,'' jechuun waan odeeffatan himu.
''[Namoonni ajjeefaman] 30 ol ta'uu mirkanadha. Namoota reeffa 31 lakkaa'e jedhan argadheera.''
Akka Dr Mabraatuun jedhanitti, namoonni daandii, balbala, mana keessa walumaagala bakka argamanitti ajjeefaman.
Kanneen ajjeefamanis daa'ima waggaa tokkoo hanga maanguddoo ganna 80 akka ta'anis eeru.
Lakkoofsa namoota ajjeefaman keessaa kan osoo loluu du'e milishaa qofa jedhu.
''Osoo loluu kan du'e milishaa shanidha malee kaan maanguddoo, daa'imman, dubartootaafi ulfa kan ta'an bakka ciisanitti mana seenanii kan ajjeesan.''
Bulchaan Aanaa Bulan Obbo Namarraa Maaruu yeroo haleellaan raawwate milishaa malee hin turre jedhan.
Haa ta'u malee, durumaa hidhattoonni 'Shanee' jedhan Aanaa Bulan gandoota aanaa ollaa daangessan keessa bal'inaan akka sosso'an himu.
Sababa kanaaf tibbana humnoonni nageenyaa yaaddoo nageenyaa jira jedhan qolachuuf oppireeshinii adeemsisaa turan.
Oppireeshiniin kunis hidhattoota 'Shanee' irratti kan xiyyeeffate akka ta'e ibsan.
''Oppireeshinii eegallee ture akka aanaatti. Humni nageenyaa bakka muraasa seenee hojjetaa ture. Keessaan miliqee dhufee [Shanee] milishaa waliin wal argan.
''Hanga tokko walitti dhukaasanii,'' jechuun adeemsa keessa ''humna milishaa ol ta'e'' jedhan.
''Milishaa dhiibanii dhiibanii qe'eetti seenanii miidhaa dhaqqabsiisan. Gochichi suukanessaadha. …
''Lammiilee nagaa homaa hin beekne 36 ta'an irratti miidhaa geessisan [ajjeesan],'' jechuun Dilbata BBC'tti himan.
Abbaa raawwatees yoo dubbatan, ''Shaneetu raawwate. Wallagga Lixaan qaxxaamuree seenee nubiras erga jeequu eegalee'' waggootni lakkaa'ameera jedhan.
Keessumaa ALI Amajji Bara 2017 eegalee ''aanaa kana qoraa jira'' jechuun himan.
Dubbii Himaan WBO Obbo Jireenyaan garuu ajjeechaa kana keessatti hidhattooti isaanii qooda hin qaban jedhanii waakkatan.
''Gaafa injifitamanii jedhanii ummata nagaa aariidhaan rukuchuun numa jiraata.
''Edda rukutamanii boodammoo Waraana Bilisummaa Oromootti qabachuun numa jiraata.
''Malee wanti addaa Waraanni Bilisummaa Oromoo ummata nagaarratti qiyyaafatee godhu takkallee akka hin jirre irra deddeebinee ibsineerra,'' jedhan.
Maaliif ajjeesan?
Jiraattotiifi aangawaan sababa haleellaa kanaa sirriitti ibsuu baatanis, kan shakkan garuu BBC'tti himaniiru.
Jiraataan tokko ''Samicha malee sababa biraa maal qabu,'' jedhu.
''Nuti qotee bulaadha. Way polotikaa [siyaasa] keessaa qabna miti… akkasaa hin beeknu,'' jechuun himan.
''Inni du'e owwaalameera, inni jiruyyuu borifiyyuu maali abdiin keenya. Akkam taanee jiraanna,'' jechuun yaaddoo himatan.
Miseensi paarlaamaa gama isaaniin sababa albuuda to'achuuf taasifamuufi kaan eeru.
Bulchaan Aanaa Obbo Namarraas kaayyoon isaanii ''haleelanii saamuudha'' jechuunis himu.
Dabaluunis, hidhattooti 'Shanee' jedhan gandootaa 22 Aanaa Bulan keessa hin qubanne jechuun himu.
Haa ta'u malee, gooxii tokko ganda B[G?]oongoo argamu keessa akka argaman amanu.
Aanaalee ollaa kanneen akka Aanaaa Dibaaxeefi Wambaraa keessa garuu akka sosso'an himu.
Sababa kanaaf hawaasi Aanaa Bulan yeroo hundaa ''yaaddoo keessa jiiraata. Sa'aatii 24 guutuu eegumsi'' taasifamaaf jedhu.
Yaaddoo kana maqsuuf jechaa humnoonni mootummaa oppireeshinii adeemsisaniin hidhattoota keessa 14 kan ta'an ajjeefamuu himu.
Gama mootummaas milishoonni sadii ta'an ajjeefamuufi kan mada'anis akka jiran eeru.
Haleellaa irra gahe kanaafis ''haaloo'' raawwachuuf jecha hidhattooti akka kana raawwatan bulchaan aanaa amanu.
''Gocha gara jabina kan raawwatan isaan irratti tarkaanfiin waan fudhatameef,'' jechuun BBC'tti himan.
Gama kaaniin dhimmi qabeenya to'achuuf akka jiru eeru.
Keessumaa aanicha ganda B[G?]oongoo keessatti albuudni warqii akka qotamus eeruun hidhattooti kana to'achuu fedha akka qaban dubbatu.
Akka waliigalatti garuu hidhattooti kuni sochii aanichatti kan taasisu fedhaniif sababa sadiifi jechuun tarreessu.
''Ummanni Oromoo miidhameera'' jechuun, ''lafa babal'ifannaa'' fi ''albuuda warqii'' barbaacha kana godhu jechuun himatani.
Jiraataan biraa BBC'n dubbise lola keessa hidhattooti ajjeefamuu eeru.
''Isaan [hidhattoota 'Shanee' ] keessaa reeffi shan, jaha kufeera. Shurrubbaa qabu, uffatni isaaniis beekama.''
'Humna milishaa ol ta'e'
Ajjeechaan Naannoo Benishaangul Gumuuz kuni haleellaa bakkee garagaraatti hidhattooti itti himataman yeroo cimee jirutti dhagahame.
Baatii dura Godina Arsiitti haleellaa raawwateen namoonni 20 ol ajjeefamuu ibsameera.
Paartileen mormituu Naannoo Oromiyaa lamaas dhimma kanaan 'yaadda'uun' mootummaaa waliin mari'achuu akka fedhan ibsaniiru.
Ajjeechaa hidhattootaan ala humnoonni mootummaas ajjeechaa garagaraan himatamu.
Naannoo Benishaangul, Godina Matakkal kana keessatti waggoota muraasa darban ajjeechaan irra deddeebbiin raawwataa ture.
Bulchaan Aanaa Bulan Obbo Namarraan haleellaan tibbana raawwate ''humna milishaa ol ta'e'' jedhan.
Hidhattooti 'Shanee' meeshaa milishaan baaturra wayyoo qabu akka hidhatan dubbatu.
Akkasumas hidhattooti kuni ''dhaabatanii hin lolan. Dhukaasa sitti bana, [eegasii] ni fiiga.''
Erga haleellaan Bakkujjiitti raawwate booda humnoonni nageenyaa federaalaa dhaqqabuu Obbo Namarraan BBC'tti himaniiru.
''Baakkujjii [Raayyaan] darbee ganda Cilaanqo jedhamu seeneera. Humni Bittinneessaas kaleessa yeroo lolaa dhaqqabanii ummata tasgabbeessaa jiru.''
Miseensi Paarlaamaa Dr Mabraatuun garuu amma hidhattooti ''Baqataniiru, garuu baay'ee kan fagaatan natti hin fakkaanne,'' jedhan.
Jiraataan biraa BBC'n dubbisees kanuma dubbatan.
Bakkujji garuu maaltu jira?
Aanaa Bulan, Ganda Bakkujjiitti kana duras irra deddeebbin haleellaan raawwataa ture.
Addatti ALI Mudde 2013 keessa haleellaa hidhattooti Gumuuz raaawwataniin kan dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu yeroos mootummaan ibsee ture.
Dr Mabraatuun gandi Bakkujjii wagga shan dura namoonni ''250 0l doozariin bakka owwalamamidha. Ajjeechaa jumlaatu'' raawwate jedhu.
BBC'n haleellaa wagga shan duraan abbaa warraa ijoollee sagaliifi haadha warraa isaanii dhaban dubbisee ture.
Ganda kana keessatti gara caalu dhalattooti Gumuz, Shinaashaa, akkasumas Amaaraa akka jiraatan himu.
Hawaasni Oromoo immoo gara caalu ganda ollaa Bakkujjii kan ta'e B[G]oongoo, Gaalessa, fi kaan keessa akka bal'inaan jiraatu eeru.
Ganda kana keessa lafni qonnaa bal'aaa akka jiruufi dhihootti bosonni argamuun haleellaa raawwatanii baqachuuf haala mijeesse ta'a jedhanii amanu.
Haleellaa tibbanaa duras yaaaddoon akka ture aanaafi gandi Bakkujjii mootummaa naannoof gaaffii dhiheessaa akka ture dubbatu.