Israa'el bara 2024 guutuu waraanni itti fufa jette

Humni waraanaa Israa'el waraanni Gaazaa keessatti guutummaa bara 2024 itti fufa jedhee akka eegu ibse.

Dubbi himaan Ministeera Ittisaa Israa'el Daani'eel Hagaarii bara haaraa Biyyoota Lixaa sababeeffachuun ergaa dabarsan keessatti ''waraana yeroo dheeraa'' gaggeessuuf loltoonni bifa haaraan bobbaafamaa jiraachuu ibsan.

Loltoonni gariin, keessattuu kanneen duubaan eeggattoota ta'anii hiriranii turan, duubatti deebi'uun hojiin bifa haaraan gurmeessuu ni hojjetama jedhan.

''Gurmaa'insi haala kanaan gaggeeffamu bara 2024 waraanichi itti fufuuf karoora qabame keessaa tokko,'' jedhan.

''Humni Ittisaa Israa'el ammarraa karoora baafachuu qaba. Ergamni dabalataa isa mudachuu mala, sanas xiyyeeffannoo keessa galchuu qaba.''

Waraanni Onkoloolessa 07, 2023 eegale kun Gaazaa keessatti namoota 21,800 caalan galaafateera. Hedduunsaanii daa'immanii fi dubartoota.

Lammiileen Filisxeem kun hundi kan dhuman waraana ji'oota 11'f deemaa tureen ta'uu Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu ibseera.

Hamaas Onkoloolessa 07 Israa'elitti ce'uun haleellaa dagachiisee raawwateen lammiilee 1,200 ajjeese, 240 bute.

Israa'el bara darbe kanaan bara dukkanaa ittiin jette, kana keessaa ba'uuf furmaati waraana ta'uu itti amanuun lolatti cichite.

Dilbata galgala jala bultii Bara Haaraa Warra Lixaa irratti haleellaa Israa'el raawwatteen lammiileen Filisxeem 48 caalan ajjeefamaniiru.

Reenfi namoota hedduu ammallee gamoo jijjige jalaa hin baane jedhan.

Haleellaa biraa dhiha Gaazaa namoota Yuuniversitii Al-Aqsaa keessa daheeffatan irratti raawwateen ammoo yoo xiqqaate namoonni 20 ta'an ajjeefamaniiru.

Gabaasi kun AFP'n namoota ijaan argan irraa odeeffadhe jechuun kan baaseedha, BBCn garuu ofiisaa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Ummata Gaazaa miiliyoona 2.4 ta'an keessaa dhibbeentaa 84 (namoonni miiliyoona 2 ta'an) qe'eesaaniirraa buqqa'uu UN ibseera.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaanayaahuu gaafa Sambataa waraanichi gulantaa isa xumuraatti siqaa jira jedhanii turan.

''Dirree waraanaa hundaan lolaa jirra. Milkaa'ina hedduu galmeessineerra, garuu miidhaa nu mudateenis laalataa jirra. Injifannoo guutuu gonfachuun yeroo gaafata. Waraanichi ji'oota dabalataaf kan itti fufu ta'a,'' jedhan.

Dilbata kaleessaa ganamarraa eegalee haleellaa hamaan giddugaleessa Gaazaatti raawwatamaa ture.

Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu namoonni 150 ta'an haleellaa kanaan ajjeefamuu ibseera.