Sooriyaa fi Israa'el dhukaasa dhaabuuf waliigalan -Dippilomaatii US

Humnoonni nageenyaa Siiriyaa naannoo bulchiinsa kibbaa As-Suwaydaatti taankii irra dhaabbatanii jiran

Madda suuraa, Getty Images

Turkiitti Ambaasaaddarri Ameerikaa fi Ergamaan Addaa Sooriyaa Toom Baaraak akka jedhanitti, Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi itti gaafatamaan abbaa taayitaa ce'umsaa Sooriyaa Ahmad al-Sharaa deeggarsa Turkii, Joordaan fi biyyoota ollaarraa taasifameen dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru.

"Diruuz, Bedoowiins fi Sunnis meeshaa waraanaa isaanii akka lafa kaa'anii fi gaereewwaan xixiqqaa biroo waliin ta'uun eenyummaa haaraa, tokkummaa Sooriyaa ijaaruuf akka hojjetan gaafanna," jechuun Barak tiwiitara isaani irratti barreessan.

Roobii darbe Israa'el haleellaa qilleensaa Damaasqoo irratti banuun humnoota mootummaa kibbaa irratti kan xiyyeeffattee ''Diruuuz Sooriyaa eeguuf ta'ii fi nannawa sana gadi dhiisanii akka bahan gaafatteetti.

Damaasqos humnoota kana kan bobbaafte walitti bu'iinsa gosoota Beduunii fi hidhattoota Diruuuz gidduutti uumameen booda ture.

Israa'el humnoonni mootummaa Sooriyaa kibba biyyattii keessatti akka bobba'an akka hin hayyamne irra deddeebitee gaafachuu ishee ibsite.

Akkasumas, mootummaan Sooriyaa kibba keessaa akka bahu kan gaafate yoo ta'u, haalli kun daangaa ishee qaxxaamuruun akka babal'atu hin hayyamu jette Israa'el

Pirezidaantiin Siiriyaa humnoota “walitti bu’iinsa kana bittimsu” akka ergu ibseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Siiriyaa humnoota "walitti bu'iinsa kana bittimsu" akka ergu ibseera

Gama biraatiin ammoo, pirezidaantiin Sooriyaa ibsa Jimaata galgala kenneen, qaamoleendhimmi ilaallatu waliin tarkaanfiiwwan siyaasaa fi nageenyaa tasgabbii cimsuu fudhatmaa jiru eeguuf walitt bu'iinsa diiguu fi waldhabdee mul'atu kana furuuf humna addaa erguuf qophaa'aa akka jiran himan

Ibsa pirezidaantiin Sooriyaa kenneen, "haleellaan maatii nageenya qabu irratti raawwatamu, daa'imman shororkeessuu fi kabaja namootaa mana isaanii keessatti sarbu ulaagaa naamusaa, seeraan kan balaaleffatamuu fi sababa kamiinuu fudhatama hin qabne'' jedhan

"Yaaddoo nagaa siiviilii, haaloo ba'uutti osoo hin gargaaramin jeequmsaaf furuuf irratti akka xiyyeefatamuu fi weeraraaf deebii haqa malee haaloo ba'uu akka hin barbaachifne ijjannoo qabn ibsan.

Jalqaba torban kanaa Damaasqos humnoota mootummaa erguun lola kana akka dhaabu ergite, garuu isaanis miidhaa bal'aa Diruuz irratti raawwatameen himatamanii fi Israa'el osoo hin ba'iin dura haleellaa irratti raawwatte.

Hawaasni Diruuz dhukaasa dhaabuu ni simatu?

Hoggansi Hafuuraa Muslimoota Diruuz fuula feesbuukii isaa irratti ibsa baaseen lolli kun akka dhaabbatu gaafateera.

Hoogansichi "Har'a namummaa keenyatti gargaaramnee harka keenya diriirsuun walitti bu'iinsa amma jiru xumuruuf, dhukaasa dhaabuufi meeshaa waraanaa lafa keenyee gara ogummaa fi namummaatti gargaaramuuf yaaduu qabna" jedheera.

Akkasumas, gareen kun miseensonni isaa "qoqqoodinsa ykn waldhabdee guddisuu keessatti akka hin hirmaannee fi namummaa fi obbolummaa akka itti fufu gaafateera

Gama biraatiin ammoo, Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa akka jedhetti, erga Wiixata darbe jeequmsi mudatee as, naannoo kibba Siiriyaa Siwida keessatti namoonni tilmaamaan kuma 80 ta'an qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Kana malees tajaajiloonni bu'uuraa Siweda keessatti kanneen akka ibsaa fi bishaanii "dhabameera," hanqina boba'aatin sochiin gufateera jedhe

Dubartoota Kurdootaa hiriira mormii gamtaa ummatI Sweida, Syria waliin taasisan irratti hirmaatan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waliinii naannichaa

Biyyoonni Arabaa kudhan Turkii waliin ta'uun Kamisa kaleessaa ibsa waloo baasaniin, tokkummaa fi abbaa biyyummaa Sooriyaa deggeruu isaanii irra deebi'anii ibsuun, dhimma keessoo ishee keessatti biyyoota alaa gidduu seenuun akka didan ibsaniiru.

Guyyoota lamaan darban haala Sooriyaa keessatti mul'achaa jiru irratti "marii cimaa" taasifamaa ture hordofuun, ministiroonni dhimma alaa Masrii, Joordaan, Libaanos, Iraaq, UAE, Baahireen, Sa'ud Arabiyaa, Omaan, Qataar, Kuweet, fi Turkii ibsa kennaniin, waliigaltee rakkoo Siwiidaatti mudate xumuruuf irra ga'ames simataniiru.

Ibsichi prezidaantiin Sooriyaa Ahmad al-Sharaa namoota sarbama lammiilee Siiriyaa Siwiidaatti raawwatamaniif itti gaafatamummaa akka gaafatan gaafateera, haleellaa Israa'el irra deddeebiin Sooriyaa irratti raawwatte balaaleffateera.

Ibsichi hawaasni addunyaa adeemsa ijaarsa biyyattii keessatti mootummaan Sooriyaa akka deeggaru gaafateera.