Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Warri Gaazaa beelli jumlaa yeroo itti jabaatetti dagataman' – Dhaabbilee namoomaa
Dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa fi gareewwan mirga namoomaa 100 ol ta'an Gaazaatti beelli jumlaa akka mudate akeekkachiisuun mootummoonni tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatan dhiibbaa gochaa jiru.
Dhaabbann 'Médecins Sans Frontières (MSF), Save the Children' fi 'Oxfam' ibsa waloo baasaniin, hiriyyoonni isaanii fi namoonni isaan tajaajilan ''laafaa jiru'' jedhan.
Dhiyeessii Gaazaa seenu hunda kan to'attu Israa'el, ibsa dhaabbilee kennan kanaan ''olola Hamaasi tajaajilu'' jechuun fudhatama dhabsiifte.
Dhaabbileen gargaarsaa kunneen akeekkachiisa kana kan baasan yeroo Ministeerri Fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin hoogganamu sa'aatii 24 darban keessatti lammiileen Filsxeem 10 biroo sababa hanqina nyaataatiin du'uu isaanii ibsetti.
Dilbatarra kaasee hanga yoonatti Gaazaatti lakkoofsi namoota beelan du'anii 43 gaheera jedha Ministeerichi.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka gabaasetti, hospitaalonni namoota hanqina nyaataarraa kan ka'e dadhabbiin cimaan keessa jiran simataa jiru, namoonni kaan ammoo daandii irratti kufaa jiru jedhe.
"Mootummaan Israa'el uummata Gaazaa beela'aa jiru wayita ugguretti, hojjettoonni gargaarsaas amma isaanitti dabalamaniiru, maatii isaanii sooruuf rasaasaan rukutamuuf balaadhaaf saaxilamaniiru," jechuun dhaabbileen gargaarsa namoomaa 109 ibsa Roobii darbe maxxansan keessatti ibsan.
"Dhiyeessiin guutummaatti wayita adda citetti, dhaabbileen gargaarsa namoomaa miiltoowwan hojiifi michoonni isaanii otoo arganii laafaa jiru."
Israa'el jalqaba baatii Bitootessaarraa kaasuun gargaarsa Gaaza geeffamu guutummaatti uggurte.
Torban lama boodammoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu ji'a lama turu diiguun
haleellaa waraanaa Hamaasirratti deebiftee jalqabde.
Kunis kan raawwatte gareen Hamaas namoota Israa'elirraa bute akka gadhiisu dhiibbaa uumuuf ta'uu ibsite.
Uggurri labsame sun gara lamaa booda gartokkoon kan kaaafame, ogeeyyiin idil -addunyaa hanqinni nyaataa, qorichaafi boba'aa hammaachuu akeekkachisuu hordofeeti.
"Doktooronni hanqinni nyaataa hammaachuu, keessattuu daa'immanii fi namoonni dulloomanitti jabachu gabaasu.
Dhukkuboonni akka garaa kaasaa babal'achaa jiru, gabaan oneera, balfi tuulamaa jira, ga'eessonnis beelaa fi dheebuurraa kan ka'e daandii irratti kufaa jiru," jechuun dhaabbileen gargaarsa namoomaa akeekkachiisan.
"Hojjetaan gargaarsaa deeggarsa qorqalbii fi hawaasummaa kennan dhiibbaa beelli daa'imman irratti geessisu dubbatan.
''Ijoolleen warrasaanitiin tsiyoon seenuu barbaanna, yoo xiqqaate nyaanni achii hin dhabamu'' jedhu jaarmiyaaleen gargaarsaa.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) qorannoo gaggeesse akka agarsiisutti, ummanni Gaazaa harka nuusa haala beela fakkaatu keessa akka jiru, akkasumas dubartoonnii kuma 100tti siqani fi daa'imman hanqina nyaataa hamaadhaan rakkachaa akka jiran fi yaala atattamaa akka barbaadan ibseera.
Daarektarri isaa Teediroos Adihaanoom Roobii darbe akkas jedhe: "Akkuma beektan, beela jumlaa jechuun uummata tokko keessaa harka guddaa beela'uu jechuudha, ummanni Gaazaa keessaa harki guddaan beela'aa jira."
"Beela jumlaa malee waan jedhamu hin beeku, kun beela namni tolchedha" jedhan.