Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walta'insi biyyoota Galaana Diimaa Itoophiyaa moggeesse shaakala waraana galaanaarraa eegale
Walta'iinsi biyyoota Galaana Diimaa Masrii fi Sa'ud Arabiyaan ijaaraaman kan 'Red Wave 8' jedhamuu fi hirmaannaa biyyoota biroo afurii qabu shaakala waraanaa galaanaa waloon eegalan.
Shaakalli waloo kun humnoota galaanaa Masrii, Sa'udii, Joordaan, Sudaan, Yaman fi Jibuutii irraa hirmaataniin kaleessa eegaluu isaa dubbi-himaan waraana Masrii beeksisuu miidiyaan biyyatti Ahram online gabaasera.
Leenjiin kun guyyoota hin murtoofne hedduuf kan turu yoo ta'u, barnoota ti'oorii fi qabatamaa walitti fufiinsaan humnoota hirmaatan hunda gidduutti kennamuun yaad-rimeewwan ergama waloon rawwachuurratti kan xiyyeeffate ta'a jedhame.
Shaakala waloo Galaana Diimaa 'Wave 8' kun hojiiwwan waloo humna galaanaa karoorsuu fi raawwachuu, akkasumas leenjii balaa galaanaarra ga'u waloon qolachuufaa kan of keessatti hammatedha.
Akka dubbi -himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Masrii jedhanitti, shaakalli waraanaa waloo kana humnoota hirmaatan gidduutti dandeettii fooyyessuu fi waljijjiirraa beekumsaa guddisuuf gumaacha ni qabaata.
Kana malees, karoora leenjii waloo bal'aa Humni Waraanaa Masrii biyyoota michuu ishee ta'an waliin damee waraanaa adda addaatiin tumsuu fi jabeessuuf dhiyaatedha.
Ji'a Fulbaanaa keessa Masrii fi Sa'ud Arabiyaan tattaaffii nageenya galaanaa naannoo deeggaruuf waliigaltee walta'iinsaa fi tumsaa biyyotaa mallatteessan.
Walta'insa kana eenyutu ijaare?
Hundeessitootni gamtaa kanaa Maasriifi Saa'udii Arabiyaadha.
Isaaniin alattis biyyootni jaha miseensa ta'aniiru.
Eertiraa, Sudaan, Somaaliyaa, Jabuutii, Joordaanifi Yamani.
Biyyootni miseensa ta'an kan gamaa gamasitti wal ilaalaniidha. Gamtaan kun biyyoota Baha Giddu Galeessaa fi Gaanfa Afrikaa walitti hidha jechuudha
Naannoon kun qaama galaanaa daldalli guddaan itti adeemsifamu kan biyyootni guddatan kamuu fedhii irraa qabaniidha.
Sababni isaa wirtuu daldalaa cimaa bakka dooniwwaan galaanaa addunyaa hedduun itti wal dhiphisaniidha.
Bakka Eeshiyaa, Baha Giddugaleessaa fi Awurooppaan itti wal arganidha.
Karaa tokkichi Galaana Hindii karaa Meditiraaniyaanii, bo'oo Suwuuz fi Galaana Diimaa hanga Hindii geessudha.
Kanaafuu biyyi humna qabdu naannoo furtuu ta'e kana keessatti bakka qabchuu agarsiisuu hin barbaanneehin jiru.
Naannoo kanatti irree jabaa qabaachuuf fiigicha godhamu kan ifatti agarsiisuu akka fakkeenyaatti Jibuutii qofa ilaaluun ni danda'ama.
Biyya hanga barruu harkaa geessu kana keessa Faransaay, Ameerikaa, Chaayinaafi Jappaan buufata qabu. Hindiifi Raashiyaanis sochii eegalaniiru.
Gamtaan Immireetota Arabaa, Kaataar, Turkii fi Iraan karaa biyyoota michuuwwaana isaanii naannicha keessa jiraniin bakka isaanii qabataniiru. Kaanis itti makamaa jiru.
Biyyootni fagoo jiran dooniiwwan daldalaa isaanii ulaa kana keessa darbuun isaa waan hin oolleef nageenyi naannawaa kanaa jeeqamuun qoonqoo addunyaa cufuudha.
Ulaa Galaana Diimaa Baabeel Maand irra rakkoon tokko yoo dhalatee rakkoon isaa hunda dhukkubsa
Shira Masrii Itoophiyaa dhiibu
Miseensa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa mana maree bakka bu'oota ummataa kan ta'an Ambasaaddar Diinaa Muftii turtii BBC waliin taasisaniin, Masriin haala kamiinuu Itoophiyaa dirree dippiloomasiifi diinagdee keessaa fageessuu feetii jechuun dubbtan
Miseensota gamtichaa keessaa Saawdiitti aantee ajandaashee raawwachiisuu biyyi dhageetti qabdu Masriidha.
Masrii malee biyyoonni baay'een isaanii biyyoota ofuma isaanii dhaabbachuu hin dandandeenye irra caalaa inumaa Sa'udii Arabiyaa deeggaruuf itti makaman.
Itoophiyaa keessatti gaaffiin Galaanni Diimaan karaa tokkicha bahaa fi gala kenyaa ta'ee utuu jiruu, wayata Sa'udii fi Masriin itti yaadanii moggaatti nu dhiiban maal gochuu qabna? kan jedhuudha.
Ambaassadar Diinaa Muftii Itoophiyaan shira kana karaa dippiloomsiin dura dhaabbachuu malee tarkaanfiin biraa fudhatamu maala akka ta'e hin ibsine.
Kayyoon isaa ifa ta'e biyyaa fagoo humnaan doorsisu barbaadu fuuldura dhaabbachuuf kan kaayyeffate fakkaata.
Karoorichi bara 2019 irraa eegalee guddachaa fi bifa qabachaa kan jiru yoo ta'u, bara 2020ttis hundeeffame. Garuu biyyota ijoo akka Immireetota Araba Gamtoomanii fi Itoophiyaa faa moggatti dhiibera.
Gamtaa Awurooppaa bara 2018 irraa eegalee yaada kana kan beeksisaa jirtu Masriidha.
Sababa kanaan, Misriin akka miseensota garee kanaa kanneen birootti Itoophiyaan dhimma Galaana Diimaa keessatti bakka akka hin qabne ifatti ibsaa jirti.
Walumaa gala sochiin naannawa kana jiru gara fuulduraatti naannicha walitti hidhamiinsa daldalaa guddaaf wiirtuu akka taasisu shakkiin hin jiru.
Garuu gara tumsa waloo waraanaatti jijjiiramuu danda'aa kan jedhu irratti shaakalli waraanaa waloo un waan ibsu fakkata.