Pirezidantiin Ertiraa Masriitti waa'ee Itoophiyaa maal mari'atan?

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii biyyoonni qarqara Galaana Diimaa jiran qarqara bishaanii isaanii akka tiksan akeekkachiisan.

Pirezidanti Isaayyaas daawwannaa guyyaa shan booda Masriirraa gara Asmaraa deebi'aniiru.

Daawwannaan isaanii kuni yeroo muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu hammaatetti taasifame.

Hidha Abbayyaa kan xumurte Itoophiyaan Galaana Diimaa ajandaa godhatteetti.

Asmaraa wajjiinis wal ooduurra ifatti walitti dhaadachaa yeroo jiran kana Asmaraafi Kaayiroon maal mari'atan?

Itoophiyaa galaana Diimaatti bahuun fedhii biyyaalessaa kiyya jechuu labsiteetti.

Aangawooti Itoophiyaas, ajajoonnii waraana Itoophiyaas kana irra deddeebiin dubbataa jiru.

Ertiraafi Masriin immoo kanaan gammachuu hin qaban, mormiis itti fufaniiru.

Dhimma Hidha Haaromsaarratti Itoophiyaa waliin muddama kan qabdu Masriin immoo biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne ofitti qabuu itti fufteetti.

Pirezidant Isaayyaas Afawarqiifi Pirezidantii Masrii Abdal Fattaah al-Siisii waliin Kaayirootti dhimmoota waloofi Gaanfa Afrikaa mari'ataniiru.

Yeroo muddamni Itoophiyaafi Masrii gidduu hammaate jirutti masaanuun Itoophiyaa Masriin Ertiraa bira akka dhaabbattu beeksisteetti.

Dureewwan lamaan ''marii bal'aa'' erga godhan booda al-Siisiin Masriin ''birmadummaafi daangaa tookkummaa'' Ertiraa akka deeggartu beeksisaniiru.

Dureewwan lamaan ''sochii naannicha'' keessa jiru keessumaa ''haala Sudaan, Somaaliyaa fi nageenya Galaana Diimaarratti'' mari'atan ibsameera.

Pirezidant Isaayyaas kanaaf al – Siisii galateeffataniiru.

''Qooda Masriin tasgabbiifi misooma naannawa Gaanfa Afrikaafi Baha Afrikaatti taasistuuf jabeessanii dinqisiifachuu,'' ibsameera.

'Galaanni Diimaa Itoophiyaa hin ilaallatu'

Masriifi Ertiraan dhimma gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaarratti ejjennoo wal fakkaataa qabu.

Dhihoodhuma Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdallaatii, Bulchiinsi Galaana Diimaa Itoophiyaa hin ilaallatu jedhaniiru.

Sababi isaas Itoophiyaan biyya ulaa galaanatti ishee baasu hin qabneef jedhan.

Itoophiyaan immoo keessumaa buufata Asab kan Ertiraa jala jiru akkitti dhabde seeraanis, seenaanis sirrii miti jettee amanti.

Ministirri Muummee Abiy "Karaan (Galaana Diimaa) itti dhabne rakkoo seerummaa akka qabu kan agarsiisu dhaabbileen (murticha) keessa hin hirmaanne" jechuun paarlaamaatti dubbataniiru.

"Itoophiyaan qabsoo waggoota 30 ol fudhateen Galaana diimaa dhabde. Galaana Diimaa argachuuf garuu waggaa 30 ishee barbaachisa jedhee hin yaadu."

Ertiraan garuu kuni abjuudha jetti. Gaaffii Itoophiyaan Asab irratti kaastu akka birmadummaa isheerratti qiyyaafatetti ilaalti.

Masriifi Ertiraan hariiroo jabaa jedhamu qabu, ta'us hariiroon isaanii takka laafaa yeroo kaan cimaa yoona kana gahe.

Addi Bilisummaa Ertiraas Kaayirootti hundaa'e.

Pirezidant Isaayyaas daawwannaa isaanii yeroo xumuran miidiyaa Masrii, Cairo News, waliin turtii taasisaniin waan danuu dubbatan.

Waa'ee nageenya Gaanfa Afrikaafi Galaana Diimaa yeroo dubbatan biyyoota ollaa qofa hin dhoofne.

Biyyoota badhaadhaniifi fagoodhaa dhufanii buufata waraanaa Gaanfa Afrikaatti hundeessaniis qeeqani.

Somaaliyaa, Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa eeruun rakkoon biyyoota kana keessa jiru kan keessoo qofa miti, kan naannichaafi idil-addunyaarraas madde jedhan.

Namni ergamoota addaa akka dhufan gaafate hin jiru jechuunis himani.

Gaafa ergamoonni addaa akka filmaatatti ilaalan dhimmoonni wal xaxaafi furuuf yeroo dheeraa kan gaafatan ta'an jedhan.

'Buufanni waraanaa hin barbaachisu'

Naannawa Gaanfa Afrikaa kanatti biyyoonni jajjaboo maandhee waraanaa tolfataniiru.

Jibuutiifi Somaaliyaa keessatti kanneen jiran akka fakkeenyaatti eeruu dandeenya.

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii waa'ee nageenya Galaana Diimaa yoo dubbatan olloota isaaniif dhaamsa dhaamaniiru.

Biyyoonni qarqara Galaana Diimaa jiran qaama kamuu caalaa nageenya qarqara galaanaa eeguu qabus jedhan.

Kanaafis, deeggarsi qaamolee alaa akka hin barbaachisnees dubbatan.

Osoo isaan jiranii nageenyi isinitti dhagahama jedhaniis yeroo gaafataman, ''Naannichatti buufatawwan waraanaa hin barbaadaman.

''Buufatawwan waraanaa affeeruun ummata naannichaaf rakkoofi danqaa affeeruudha.

''Sababa kanaaf biyyi naannicharraa hin taane kamuu daangaa bishaanii idil-addunyaa tiksuuf humna bobbaasuu hin qabdu,'' jedhan.

''Ertiraan qarqara galaanaa ishee eeguu dandeessi,'' jechuun giddu seentummaa qaamtota alaa jedhaniis mormaniiru.

Biyyoonni kaanis akka qarqara galaanaa isaanii eegan Pirezidantiin Ertiraa dhaamaniiru.

Somaaliyaa, Yaman, Jibuutii, Sudaaniifi Sa'udi Arabiyaan qarqara galaana isaanii eeguu danda'us jedhan.

Galaanni Diimaa maaliif barbaachise?

Galaanni Diimaa Garba Guddaa Hindiifi Galaana Mediteraaniyaan wal qunnamsiisa.

Bara durii eegalee toorri Galaana Diimaa godaansa, daldalaafi duula waraanaaf ulaawwan ijoo ta'uun itti fufeera.

Keessumaa boba'aafi wantoota bu'uuraa barbaachisan biroo baay'isanii doonii meeshaa guddaa baatuun geejibsiisuuf toora galaanaa barbaachisaadha.

Keessumaa boba'aa addunyaarratti barbaadamu Giddugala Bahaafi biyyoota Galoo Galaanaarraa geejibsisuuf karaa gabaabsa waan ta'ef daldalaafi siyaasa addunyaarratti bakkee ijoo qaba.

Sababa kanarraa kan ka'e biyyoota ollaa Galaana Diimaa jiran kanneen akka Masrii, Sa'udi Arabiyaa, Ertiraa, Yaman, Jibuutiifi Somaaliyaan alatti biyyoonni fagooo jiran fedhii isaanii mirkaneessuuf naannawa galaana kanaa sosso'u.

Sochii daldalaa addunyaa keessaa 12% - 15% kan ta'u akkasumas fe'umsa konteenaraa keessaa 30% kan ta'u gama Galaana Diimaarra ce'a.

Imalli kuni baasiifi yeroo imala doonii Eeshiyaafi Awurooppaa gidduu taasifamu sadarkaa olaanaan xiqqeessa.

Sababa Kanaan daldalaafi dhiheessiii annisaa addunyaan keellaa ijoo jedhamee ibsama.