Waa'ee konkolaataa teeknolojii olaanaa 'Cybertruck' jalqabaaf Itoophiyaa seene kan beeknu

Dhaabbata Teslaatiin oomishamuun ALA bara 2019 kan ifoome konkolaataan 'Cybertruck', sibiilota rasaasni hin urree fi rookkeettii fakkaatan irraati kan hojjetamu.

Konkolaattonni kunneen yeroo weerarri Koronaavaayirasii addunyaa raasaa turetti Ameerikaa keessatti hojjetamuu jalqabanis, kan oomishaman ajaja dursa kennamuun waan ta'eef namoonnii fi dhaabbileen hedduun kaffaltii dursaa kaffaluun dabaree qabatanii hanga isaan qaqqabuutti eeggatu.

Teeknolojiiwwan ammayyaa, kalaqa sammuu nam-tocheetin dabaalameen akka hojjetaman kan himamu konkolaattonni kunneen, ulfaatina olaanaa hanga toonii afurii (kiilogiraama 4000) gahu waan qabaniifis biyyoota akka UK keessatti nageenya daandiif jecha heeyyama hin arganne.

Haata'u malee konkolaataan bu'aa kalaqa ammayyaa kunis faalama qilleensaa xiqqeessuuf gahee akka qabu himana.

Cybertruck daandii Finfinnee irratti

Sanbata Xiqqaa darbe irraa eegaluudhaan konkolaataan ammayyaa kalaqa teeknolojii olaanaa qaba jedhame kun yeroo jalqabaaf daandii magaala Finfinnee irratti mul'ate.

Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasummaa hedduunis konkolaataan qatii qaalii kun yeroo jalqabaatiif Finfinneetti mul'achuu hordofee dinqisiifannaan yeroo konkolaatichi daandirra imalu viidiyoo fi suuraadhaan qoodaa jiru.

Konkolaataa Cybertruck Itoophiyaatti kan jalqabaa ta'e kana bitee kan galche ammoo dhaabbata hojii teeknolojii fi kalaqa hubannoo nam-tochee (AI) irratti hojjetu FARIS jedhamu.

Hundeessaa fi hoji gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa Obbo Eeliyaas Yirdaaw dhimma kana ilaalchisuun turtii BBC Afaan Oromoo waliin taasisaniin, ''konkolaataa kana hojii teeknolojii nuti hojjechaa jirruuf hojii baruu fi barsiisuutif, teeknolojiin addunyaan irra geesse leenjitootaa hubachiisuuf binnee galchine'' jedhan.

"Teeknolojiiwwan ammayyaa biyyoota adda addaatti kalaqamaa jiran kun, keessumaa darggaggoota keenyaaf wanta haaraa akka itti hin taaneef, akka argaa baratan gochuuf binnee kan fichisiisne" jedhan itti dabaluun sababii itti konkolaataa kana bitan yoo ibsan.

"Teeknolojiin konkolaataan kun ittiin hojjetame, teeknolojiin baatiriisaa, kan saffisaa fi guula isaa, seensarootasaa waliin walqabatee akka irraa baratamuufidha. Teeknolojii konkolaataa kanaa akka addunyaatti konkolaataa saffisaa jirudha," jedhan.

Dhaabbanni isaanii dhaabbata teeknolojii irratti hojjetu waan ta'eef ammaan duras teeknolojiiwwan haaraa biyyoota adda addaatti kalaqaman gara biyyaatti fiduun akka irraa baratamu gochaa turuus eeran.

Konkolaatonni Cybertruck kun addunyaarratti konkolaattota gatii olaanaan bitaman ta'uun alatti Ameerikaatti ajajaan kan bitamu waan ta'eef har'uma ka'anii bituun waan danda'amu mitis jedhu Obbo Eeliyaas.

"Konkolaattota kana Ameerikaatti namoonni galmaa'anii dabaree qabatanii, kaffaltii duraa kanfalaniiti kan oomishameefii bitamu. Akka konkolaattota kaanii har'uma kaatee ajajattee waan bittu miti" jechuun qaalii ta'usaanii alatti dabaree eeggachuun akka barbaachisu dubbatu.

"Yookan galmooftee dabaree eeggattee yeroo dheeraan booda si harka gaha. Filannoo lammaffaan ammoo namoota dabaree qabatanii fi kaffaltii duraa kanfalanii oomishni isaanii gaheerraa gatii dabaltee bitta," jechuun haala itti bu'aan oomisha kalaqa haaraa kun itti bitamu danda'amu himu.

Kanaaf jechas dhaabbanni FARIS gatii konkolaataa kanaa weebsaayitii dhaabbatichaa irra jiruun dabalatatti nama ammaan dura kaffaaltii duraa kanfalee dabaree eeggatee qaqqaberraa waan biteef maallaqa guddaa itti baaasneerra jedhu.

"Cybertruck Ameerikaadhaa bitanii fiduun baayyee ulfaataadha. Gatii guddaa kanfalle. Isaan dabalata konkolaataan ulfaatina toonii 3.7 hanga toonii 4 qabu kun xiyyaaran fe'amee dhufe. Kunis kaffaltii guddaadha," jechuun konkolaataa kana biyya keessa galchuuf baasii guddaan itti bahu dubbatan.

Konkolaataa Cybertruck tokkicha miilana daandii Finfinnee irratti mul'ate kana baasiin olaanaan itti bahu himanis waliigala maallaqa fixe garuu 'miidiyaa irratti himuun barbaachisaa miti' jechuun ifatti dubbachurraa of qusataniiru Obbo Eeliyaas.

FARIS dhaabbata dhuunfaa biyya keessaa gama qorannoo hawaa fi hubannoo namtolchiee (artificial intelligence) irratti hojjataa jiruudha.

Waggoota muraasaa asis hojiiwwan qorannoo hawaa, 'Rocket science' fi 'artificial intelligence' walin walqabatu hojjechaa jira.

"Yeroo ijoollummaa koo astiroonootonni Ameerikaa addeessarra alaabaa Ameerikaa yeroo kaa'an ani ammoo 'photoshop' gochuun alaabaa keenya irratti hojjedha ture'' jechuun hawwii isaanii kan yeroo ijoollummaa yaadatu Obbo Eliyaas.

Itti dabaluunis, ''yoom astroonootii gara addeessaa fi Maarsitti akka erginu osoon hin beekin dhaabbata qorannoo hawaa irratti hojjetu hundeessuu akkan qabu mul'ata nan qaba ture" jedhe ture hundeessaan dhaabbatichaa Eeliyaas Yirdaaw turtii waggoota muraasa dura BBC waliin taasise irraatti.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.