Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltootni Itoophiyaa Gaazaatti bobbaafamufii?
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon jalqaba torbee kanaa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadif bilbiluun nageenyaa idil-addunyaa Gaazaaf Itoophiyaan loltoota akka gumaachitu gaafachuu isaanii dippilomaatonni biyyoota dhihaa lama haala kana beekan 'The Times of Israel'tti himaniiru.
Gaaffiin kun US irraa kan Itoophiyaaf dhiyaate, yeroo humnoonni addunyaa waraana hamaa Israa'elii fi Hamaas gidduutti gara waggoota lamaaf taasifame xumuruun karaa itti naannoo kana tasgabbeessuun danda'amu irratti hojjatamaa jirutti.
Dhimma kana hordofee gabasaaleen hedduun ba'aa kan jiran yoo ta'u, ergasii Itiyoophiyaan Ameerikaa waliin dippiloomsaasii haaromfame eegaluu dandassi kan jedhu xiyyeeffannoo argateera.
Garuu Itoophiyaan loltoota gara Gaazatti bobbaasuuf fedhii qabaachuu fi dhiisuu ishee irratti hanga yoonaa ibsi kenname hin jiru.
Fulbaana 29, 2025 pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ministira muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin ta'uun karoora qabxii 20 waraana Gaazaa xumuru jedhan beeksisanii booda adeemsi itti fufeera.
Dhukaasa dhaabuu fi namoonni booji'amanii gadi dhiisuu boodas adeemsi humna idil-addunyaa ijaaruu fi dinagdee Gaazaa waraana waggoota lamaa oliin barbadaa'e deebisuu karoora itti aanan keessati.
Biyyoonni hedduun ergama Gaazaa waraana irraa bilisa taasisuu irraatti loltoota hirmaachisuu akka danda'an kan eegamu yoo ta'u, kanneen keessaa Itoophiyaan ishee tokko ta'uu hgabaasaleen kan ibsan.
Ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa Afrikaa keessattillee gumaacha guddaa kan qabdu Itiyoophiyaan gama kanaan gumaachi ishee guddadha.
Humni Tasgabbii Idil-addunyaa Gaazaa keessatti marsaa ce'umsaa ijaaruu, gargaarsa namoomaa fi haaromsa damee nageenyaa keessatti ga'ee kan ba'uudha
Biyyootni tokko tokko balaa siyaasaa fi nageenyaa loltoota bobbaasuun dhufu irratti of eeggannoo waan godhaniif, qormaatni gama kanaan muudachuu akka malullee xinxaltootni kan kaasan.
Haa ta'u malee Waashingitan sadarkaa humna biyyoota hedduu kanaa guutuuf furmaata dippilomaasii ishee cimsuu akka dandeessus ni eegama.
Itoophiyaan maaliif filatamti?
Itoophiyaan hojii nagaa eegsisuu guutuu Afrikaa fi sanaa ol taasifamu irratti hirmaachuu seenaa dheeraa kan qabdu yoo ta'u, ergama Kooriyaa, Koongoo, Ruwaandaa, fi yeroo dhiyoo as Somaaliyaa keessatti aangoo Gamtaa Afrikaa jalatti ga'umsaaf muxannoo guddaa kan qabduudha.
Muuxannoon waraanni ishee hojii biyyoota hedduu irratti qabu ergama Gaazaa keessatti hojjetamuufillee akka filannoo cimtutti ishee kan dhiyeessudha.
Bahi giddu galeessa naannoo loltoota yeroo dheeraa qormaata nageenyaa walxaxaa keessa turee fi muuxannoo Shororkeessitoota adamsuu qaban kan barbaadudha.
Loltoonni Itiyoophiyaa Somaaliyaa keessatti Al-Shabaab irratti duula farra shorokeessaa cimaa gaggeessuun maqaa gaarii horateera.
Humni Tasgabbii Idil-addunyaa Gaazaa keessatti hanga ammaatti biyyootni loltoota gumaachan hin mirkanoofne.
Waamicha Ameerikaan Ityoophiyaaf dhiheessite cinaatti, gumaachi biyyootni Eeshiyaa, Baha Giddu Galeessaa fi Afrikaa taasisan ni eegama.
Haa ta'u malee, biyyootni ollaa ijoon kanneen akka Sa'uudii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireet hirmaachuu diduu danda'uu yaaddon jedhu jira. Baha giddu galeessaa keessaa kanneen biroo kanneen akka Masrii, Qaxar, fi Indooneezhiyaa ammoo akka gumaacha taasisuu danda'an kanneen tilmaamni guddaan kennameefidha.
Angawoonni Israa'el gumaacha loltootaa walqabatee ammatti ijjannoo gaarii hin taane hin agarsiifne.
Garuu loltootni Turkii akka hin hirmaanne ifatti dhorkitetti.