'Yuutuberri' Addunyaa beekaman maaliif dubartoota shaniin himatame?

You Tube irratti hordoftoota walakkaa biliyoonaa kan qabu Mr. Beast

Madda suuraa, Steven Kahn

You Tube irratti hordoftoota walakkaa biliyoonaa kan qabu Mr. Beast namoota toora interneetii irratti dhiibbaa uumaan keessaa isa tokkodha.

Namni lammii Ameerikaa ta'e kun maqaan isaa sirriin Jams Isteefen yoo ta'u, Mr. Beast maqaa jedhamuun beekama.

Amma garuu dubartoota shan irra himanni mana murtii fuula 54 qabu isa harka ga'eera.

Mr. Beast sababa agrsiisa taphaa (game show) dhaabbata viidiyoo omishuu 'Prime Video' irratti tibbana darbuuf jedhuuf himatni irratti dhiyaate.

Dubartoota 'game show' kana irratti hirmaatan shantu dhaabbata Mr. Beest fi dhabbata Amaazoon kan ta'e Prime Video kan himatan.

Hanga ammaatti, 'game show' isa guddaa ta'uun kan himame dorgommiin kun hirmaattoota 1,000 ol kan qabu yoo ta'u, namni injifatee doolaara miiliyoona 5 badhaafama.

Sababa himata kanaan garuu show'n sagantaa TV kun tamsa'uu fi dhiisuu isaa gaaffii keessa galeera.

Himannaan fuula 54 qabu kun murtiiwwan miidiyaaf banaa hin taane hedduu of keessaa qabaatus; himattoonni dubartootaa shanan " haala tuffii dubartummaafi loogii koorniyaa irratti hundaa'ef saaxilamneerra" jedhan.

Namoonni sagantaa televijiinii kana irratti hirmaatan ''nyaanni gahaan akka hin kennamneef, inumaa dandeettii isaanii ol akka hojjetan taasifamuu" himaticha keessatti hammatameera.

Himata irra caalaan isaa ummataaf hin ibsamne kana keessatti himattoonni dhaabbati Mr. Beest fi Amaazoon ''miidhaa saalaa fi haala hojii hamaan'' irra gahuu himatu.

Hagayya darbe Gaazexaan Niiw Yoork Taayims namoota agarsiisa tapha qilleensarra hin oolle kana irratti hirmaatan hedduu kan gaafate yoo ta'u, namni tokko hanga sa'aatii 20 osoo hin nyaatin akka ture komachuu gabaaseera.

Hirmaattonni sagantichaa yeroo waraabbii sanaatti tajaajilli yaalaa sirrii ta’e akka n hin kennamneffillee komatu.

Mr Beasti deeggartoota guddaa qaba -garuu dhimma walfalmisiisan falmii wal'aansoo qabaa jira.

Madda suuraa, Don Arnold/WireImage

Himannaan kun maqaa 'YouTuber' beekamaa kanaa hangam xureessaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yutuubarri beekamaan Addunyaa Besti himannaa amma ka’aa jiruu fi komii wal fakkaataan hojii isaa jeessatti muudachuun waan haaraa miti.

Addunyaa irra naanna'ee maallaqa YouTube irraa argateen hojii gaarii hojjachuu isaatiin qeeqamaa ture.

Gama biraatiin biyyoota Afrikaa keessatti meeshaa bishaan qulqulluu baasuu arjoomuu, baasii baqaqsanii wal'aanuu namoota gurri isaanii hin dhageenyee fi ijji isaanii hin argine deeggaruun kanneen isa jajan akkuma jiran kan qqeqanis hin dhabamne.

Garuu beekmtii fi dhiibban Mr. Besti guddachaa jira malee xiqqaachaa hin jiru.

Galiin inni YouTube fi waltajjiiwwan biroo irraa argatus dabalaa jira.

Diraamaa beekamaa 'Squid Game' jedhu kan Netflix'n tamsa'u irratti hundaa'uun 'Game Show' YouTube irratti yeroo miliyoona 652 ilaalameera. Maallaqni badhaasa waliigalaa agarsiisa tapha kanaa doolaara kuma 456 dha.

Garuu yeroo baay'ee hojii isaa gaarii qeeqa guddaan wayita mudatu hin mul'atu. Fakkeenyaaf wayita inni mana jireenyaa , konkolaataa fi maallaqa namaaf kennu ni mul'ata.

Kanuma hordofuudhan interneetiin maqaa 'Nama Gaarii' jedhu kan kennameef.

Ammas namoonni hedduun fuula miidiyaa hawaasaa adda addaa isaa irratti hedduumminaan isa hordofaa jiru. Kanarraa kan ka’e, chaanaalii YouTube nama dhuunfaa namoota addunyaa kanarra jiran hedduun hordofamuu ta’uu danda’eera.

Guyyoota 30 darban qofa keessatti maamiloota YouTube miliyoona 5 horachuu isaanii dhaabbatni xiinxala interneetii Social Blade jedhamu ibseera.

YouTuberootni hordoftoota hedduu qaban haala wal fakkatan dhimmota atakaroo qabaniin wayita himataman baay'inaan ni mul'ata. Kanneen yakkamaa ta'uun isaanii mirkanaa'un irra caalaan isaanii ifatti dhiifama gaafachuun hojii isaanitti deebi'anis jiru.

Himanna kanan garuu yuutubara addunyaa Bisti kana irratti maaltu akka isaan mudatu hin beekamu.