Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Israa'el Gaazaa irratti banteen namoonni 11 ajjeefaman
Kaleessa Dilbata ganama Gaazaa keessatti haleellaa Israa'eliin namoonni 11 ajjeefamuu qondaaloti Filisxeem beeksisan.
Waldaan Adeessa Diimaa Filisxeem haleellaa kaaba Gaazaa dahoo namootaa irratti raawwateen namoonni jaha yoo ajjeefaman haleellaa biraa kibbatti taasifameen namoonni shan lubbuu dhabaniiru.
Humni Ittisaa Isaraa'el Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsinaan qiyyaafannoo shororkeessaa haleeluu himuun loltoonni ajjeefamaniiru jedhe.
Onkololeessa darbe dhukaasa dhaabuuf waliigaluun booda Hamaasiifi Israa'el waliigalticha cabsuun wal himatu.
Dhaabbanni Ittisaa Siviilii Filisxeem namoonni 11 ajjeefamuu himuun hojjettoonni hospitaala Al-shifa namni 12ffaa haleellaa Israa'eliin addatti walitti dhukaasa tureen du'e jedhan.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga mallattaa'een as namoonni 600 tahan ajjeefamuun ministeerri fayyaa Hamaasiin hogganamu himeera.
Haleellaa walitti fufaa baatii kana Israa'el jalqabdeen yoo xiqqaate namoonni 32 ajjeefamaniiru jedhu qondaaloti.
Haleellaan boodanaa Israa'el Gaazaa irratti raawwatte kan dhagahame waliigalteen dhukaasa dhaabuu marsaa lammataa jaarsummaa US'n raawwatu hojiirra akka ooluuf yeroo qophaa'amaa jiruttidha.
Baatii darbe Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp qaama Mana Maree Nageenyaa irraa qajeelfama fudhatuuun humna idil-addunyaa hundeessee nageenya daangaalee Gaazaa eeguufi hidhannoo hiikkachuu Hamaas to'atu 'Board of Peace' jedhamu hundeesseera.
Boordii kuni Guraandhala 19 kora jalqabaa Waashingitanitti akka geggeessu eegama.
Mootummaa miseensota hayyoota qabuun mootummaa Gaazaa hundaa'uufi deebisanii ijaaruu Gaazaa ni hordofa.
Korri kuni jalqabuun dura miseensoti boordichaa Filisxeem deebisanii ijaaruuf doolaara biiliyoona 5 kennuuf waliigaluu hime.
Ergaa miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa irratti barreessuun Hamaas akka hidhanoo hiikkatuuf irraa deddeebbiin waamicha dhiyesseera.
Hamaasa gamasaan dhimmi hidhannoo hiikkachuu kan hojiirra ooluu yoo Filisxeem biyya taatu qofa jedha.
Miseensa boordii kanaa kan taate Indooneezhiyaan hojiirra oolmaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa lammataaf haala mijeessuuf loltoota 8,000 bobbaasa jette.
Bara 2023 haleellaa Hamaas kibba Israa'el gaafa Onkololeessa 7 raawwateen namoonni 1,200 ajjeefamuun, 251 ammoo butamuun waraanni jalqabe.
Sana booda duula haleellaa Israa'el Gaazaa irratti banteen namoonni 71,820 ajjeefamuu ministarri fayyaa Hamaas agarsiisa.
Gama biraan Netaaniyaahuun ammoo Roobii darbe Waashingitanitti Donaaldi Tiraamp waliin wal argee dhiimma sagantaa niwukilaaraa Iraan dhaabsisuu irratti marii'ateera, Teeharaan niwkilaara misoomaaf akka fayyadamtu himti.
Netaaniyaahuun yuraaniyamii gabbisuufi sagantaa misaayelaa dhaabuuf Ameerikaa waliigaltee akka kennituuf dhiibbaa uumu jedhameet eegama ture.
Tahus boodarra Tiraamp Iraan waliin mariin itti fufuusaa irratti ''waliigalteen ifatti irra gahame hin jiru'' jedhan.
Ministarri Hajaa Alaa ittaanaa Iraan Kibxata borii Jiniivaatti mariin ni taasifama jedhe. Qondaalli US maqaa hin eeramne tokkos kana Rooyitarsiif mirkaneesseera.