'Mana koo keessattin ijoolleekoo lamaan dhabe' - Abbaa Ijoollee Naqamteetti ajjeefaman

Haleellaafi dhukaasa xumura torban darbe Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee tureen jiraataan magaalaa Naqamtee mana isaanii keessatti ijoolleen isaanii lama ajjeefamuu BBC’tti himan.

Hidhattoonni WBO kan seerri Itoophiyaa galmee shororkeessummaa jalatti galche ALI Dilbata Onk 27, 2015 bariidhaan magaalaa Naqamtee seenuun haleellaa banan.

Sa’aatiiwwan muraasaaf humnoota mootummaa waliin erga walitti dhukaasuun raawwate booda hidhattooti magaalaa keessaa bahani.

Wanta gaafas ture gama mootummaa wanti dubbatame hin jiru. Ganama sana garuu jiraattonni rifachuufi gara caalu osoo manaa hin bahin akka turan BBC’tti dubbatanii turan.

Gaafas jiraataan Magaalaa Naqamtee Naannoo Ganda 07, bakka Burqaa Jaatoo jedhamu jiraachuu isaanii himan ganama naannoo sa’aatii 2:30 mana isaanii keessatti dhukaafameen raawwateen ijoollee isaanii dhaban.

Abbaan ijoollee shanii Obbo Alamaayyoo Taaffasaa ilma isaanii hangafaa Iyyoob, ganna 27, akkasumas kan sadaffaarra dhalatte Feenet, ganna 16, jalaa ajjeefamu dubbatan.

Ajjeechaa kana maatiin humnoota mootummaa gaafas fagoodhaa dhukaasan jedhan himatan. Gama mootummaa deebiin kenname hin jiru.

BBC'n deebii mootummaas ta'e sababi ajjeechaan itti raawwates adda baasuu hin dandeenye. Maatiin hidhattooti naannawa isaanii akka hin turre dubbatan.

Haleellaa Naqamtee turen ajjeechaan biraallee raawwachuu gabaasonni mul’isu. Hidhattoonnis namoota hiiksisuu himan. Mootummaan garuu waan jedhe hin qabu.

‘’Anillee homaan jedhu isheetu jajjabaachuu dadhabe malee’’ jechuun haati warraa isaanii ammallee akka gaddaan guddoo miidhamanii jiran dubbatan Obbo Alamaayyoon.

Haala ajjeechaan raawwate?

Akka maatin jedhanitti guyyaan guyyaa Dilbataa waan ta’ef mana amantaa adeemuuf ka’ani. Garuu alaa dhukaasni waan dhagahamaa tureef ‘’sodaannee teenye’’ jechuun dubbatu.

‘’Ijoolleenis, anis saalonii (gor-duuba) osoo teenyuu mucaan inni hangafaa Iyyoob Alamaayyoo kutaa isaa keessa jira. Takka turtee Feenet isa bira lixxe [seente].

‘’Osoo hin turiin mucaan ishee xumuraa isaan bira seentee iyyite. Nuti sagalee isaayyuu hin dhageenye,’’ jechuun ijoolleen isaanii lamaan mana keessa battaluma du’uu dubbatan.

‘’Kan borii hin beekamu’’ jechuun owwaalchi gaafasuma raawwatuu himan.

‘’Manni keenya bilokkeettiidha, bilookketii lixee [meeshaa waraanaa] ijoollee lamaan isaanii,’’ ajjeesuu himan. ‘’Meeshaa guddaadha. Isaaniin rukutee girgiddaa keessa qaraqqaramee jira.’’

Akka maatiin jedhanitti, bakki manni isaanii irratti ijaarame lafa ol ka’aadha.

‘’Gama irraati as tokkosu [dhukaasu] malee waan tokkos hin jiru. Gamoorra ta’aniiti,’’ jechuun karaa itti dhukaafamu ibsan.

Abbaa badii kana raawwate jedhan yoo himan ‘’qaama mootummaa malee eenyutu jira achi,’’ jechuun dubbatan. ‘’Xammadatanii gubbaa fooqirra jiru.’’

Akka Obbo Alamaayyoon jedhanitti, gaafas naannoo mana isaanii hidhattooti hin turre. Humnooti mootummaa ‘’Namuma karaarra deemutti tokkosu [dhukaasu]’’ jechuun ibsu.

Eegasii qaami mootummaa dhufee isaan gaafate akka hin jirre gaafa Jimaataa BBC’tti himan.

Dhimma himannaa mootummaarratti dhihaate kanaaf deebii barbaacha BBC’n qondaalota magaalaa Naqamtee garagaraatti bilbiluus deebii hin arganne.

'Ijoolleekoo mana koottin dhabe'

Ilmi hangafaa Iyyoob barumsa digirii lammataa fixuufi ala bahuuf ture jechuun maatiin dubbatan.

Feenet immoo ‘’mucaa mana barumsaatti beekamtu’’ jechuun ibsan abbaan ishee. ‘’Kutaa saddeetii gara kutaa sagalii qabxii olaanaan dabarte ... Amma yoonaa [isheen] keessakoo keessaa hin baane.’’

Ijoollee lamaan sadarkaa guddaa gahu jedhanii abdataa akka turan himani. ‘’Ijoollee amalli isaanii gaariidha.’’

‘’Mana koo keessatti iddoo ciisicha isaaniitti ijoolleekoo dhabe. Eenyun akkan gaafadhuus ani hin beeku. Ani waan godhus hin beeku. Waaqayyoodhumti waan barbaade haa godhun ala waan goonu hin qabnu.’’

Hojii dhuunfaa akka hojjetan kan dubbatan Obbo Alamaayyoon ‘wanti akkasii narra gaha jedhee hin beeku’ jechuun himu.

Abbaan ijoollee lamaa ajjeechaa irra-deddeebiin gama lixa biyyattii dhalatu furuuf ‘waldhaggeeffachuun barbaachisaadha,’ jechuun gorsu.

Waggoota muraasa darbaniif waraana mootummaafi hidhattoota gidduu adeemaa jiruun lammiileen hedduu lubbuu dhabaniiru.

Hidhattooti WBO bara 2019 ture ifatti dhaaba ABO irraa adda bahuun bosonatti hafanii lola kan gaggeessaa jiran. Kaayyoon isaaniis ‘Oromiyaa bilisa baasu’ ta'i ibsu.

Gareen kuni ajjeechaa jumlaafi gochawwan jajjaboo kaaniin himannaan irratti ka’a. Garuu badii kanneen ni waakkata.

Mootummaanis dirqama lammiilee nagaa tiksuu bahataa hin jiru jedhamuun dhaabbilee mirga namoomaafi paartilee mormituun ni qeeqama.

Tibbana haleellaa qilleensaa bakka garagaraatti mootummaan raawwata jedhameen lammiileen nagaa du'uu jiraattonni himaniiru.

Garuu mootummaan as bahee waan jedhe hin qabu. Ajjeechaan yeroo yerootti lammiilee nagaa irratti raawwatu dheekkamsa uumuun ni yaadatama.