Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dirree Dhawaa - Falmii abbummaa waggootaaf tureefi akka haaraatti ka'e
Guyyoota darban keessa falmiin abbummaa magaalaa Dirree Dhawaa waggootaaf ture akka haaraatti ijoo dubbii ta'eera.
Dhimmi kun haasaa Ministirri Mummee Abiy Ahimad dhimma magaalattii ilaalchisee walgahii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa ALI Onkololeessa 18, 2018 taa'amerratti taasisan ka'umsa godhata.
MM Abiy, dhimma magaalaa Dirree Dhawaa wayita waa'ee TPLF fi buqqaatota Walqaayit dubbatanitti kan kaasan yemmuu ta'u, "akka heeraatti Dirree Dhawaan qaama naannoo Oromiyaa ture" jedhan.
Itti aansuunis naannolee Oromiyaafi Somaalee gidduutti gaaffiifi falmiin Dirree Dhawaan nuuf malti jedhu ka'aa turuu kan himan MM Abiy.
Mootummaan ADWUI magaalattiin Naannoo Oromiyaa jalaa baatee kantiibonni saboota lamaanirraa dhufan magaalattii dabaree dabareen akka hogganan taasifamuu himan.
Haa ta'u malee, namoonni haasaa Ministira Muummee Abiy kanaan mufatan mufii isaanii miidiyaalee hawaasummaarratti ibsachuu eegalan.
Falmiin abbummaa magaalattii saboonni Oromoofi Somaalee yeroo garagaraatti kaasanis akka haaraatti babal'ate.
Hundeeffamaa hanga chaartariitti
Magaalaan Dirre Dhawaa akka magaalaatti ALA bara 1902 wayita mootiin Minilik daandii baaburaa Finfinnee hanga Jibuutii ijaarsisanitti akka hundoofte barreeffamoonni himu.
Mootichis magaalattiin Itoophiyaa biyyoota biroo waliin qunnamsiisuun cinatti diinagdee biyyattiif giddugala jabduu akka taatu yaadanii turan jedhama.
Fulla'uu baatus maqaan waqtii sanatti magaalattiif kennamee tures 'Harar Haaraa' (New Harar) kan jedhu ture.
Adeemsa keessas magaalaan Dirre Dhawaa guddachaafi lammiilee Itoophiyaa bira darbee kan biyyoota akka Faransaay, Giriikii, Armeeniyaafi kunneen biyyoota Arabaarraa dhufaniif iddoo jireenyaa mijattuu taate.
Daandii baaburaa Finfinnee hanga Jibuutii bu'uura godhachuun giddugala daldalaa kan taate magaalattiin sochii hawaas-diinagdee cimaas goonfatte.
Haa ta'u malee, aangootti dhufuu mootummaa Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) fi hundeeffama naannolee hordofee gaafiin abbummaa magaalaa Dirree Dhawaa falmii cimaa kaasuu eegale.
Falmiin kunis hiikaa maqaadhuma Dirree Dhawaa jedhuf saboonni Oromoofi Somaalee kennan irraa eegala.
ALA bara 2018 dhimma sochii namootaa baadiyyaa gara magaalaa Dirree Dhawaa ilaalchisuun Dr. Darajjee Fayyisaa qorannoo taasisaniiru.
Qorannoo isaanii keessa "Bara 1991 hanga 1993 Dirre Dawaan qaama Oromiyaa ta'uun Dhaabbata Dimokiraatawaa Ummata Oromoo (DHDUO)-ADWUIn bulaa turte" jechuun kataban.
Haa ta'u malee, dhimma kana dhaabni siyaasaa Somaalee Adda Bilisummaa Issa-Gurguraa mormuu barreessaniiru.
Boodas Naannoon Somaalee bara 1993'tti yemmuu hundaa'utti Dirre Dhawaan magaalaa guddoo kooti jechuusaa qorannoo keessa ibsaniiru.
Magaalattiin mootummoota naannolee Oromiyaafi Somaaleen gaaffiin abbummaa irratti cimuusaa ka'umsa gochuunis mootummaan ADWUI bara 1993'tti itti waamamni magaalattii mootummaa federaalaaf akka ta'u taasise.
Labsii Chaartara Bulchiinsa Dirree Dhawaa
Gaaffii abbummaa naannoleen Oromiyaa fi Somaalee magaalaa Dirre Dhawaa irratti kaasaniif furmaata yeroo gochuuf itti waamama magaalattii mootummaa federaalaaf gochuun dabalataan bara 2004'tti (ALI 1996) ture labsiin chaarataraa magaalattii kan ragga'e.
Labsiin maqaa Labsii Chaartara Bulchiinsa Dirree Dhawaa Lakk. 416/2004 jedhu qabu kun gaaffiin naannoleen lamaan magaalaan Dirre Dhawaa naannoo isaanii keessatti akka daangeeffamtuuf kaasan 'furmaata waaraafi seera qabeessa ta'e hanga argatutti' magaalattiin ofiin akka of bulchituuf kaayyeffatee kan qophaa'e akka ta'e labsicha keessatti eerameera.
Haaluma kanaan magaalattiin kantiibaa itti waamamnisaa mana maree magaalichaafi mootummaa federaalaaf ta'een akka bultu labsame.
Gama biraatiin, dhaabbileen siyaasaa yeroo sana turan DHDUO fi Paartiin Dimookiraatawaa Ummata Somaalii Itoophiyaa (ESPDP) deeggarsa mootummaa federaalaan aangoo magaalattii dhibbeentaan qooddachuuf bara 2006'tti waliigaluusaanii Dr. Darajjee Fayyisaa katabaniiru.
"Foormulaan qoodinsa aangoo kun 40:40:20 kan jedhamufi DHDUO fi ESPDP tokkon tokkonsaanii aangoo magaalichaa keessaa %40 akka qabaatanfi dhibbeentaa 20 hafemmoo paartilee ADWUI hafan lamaaniif kan kenname akka ta'es eeraniiru.
Dabalataan aangoon kantiibaa magaalattii DHDUO fi ESPDP gidduu marsaa wagga shaniin dabareen akka naanna'u waliigalamuusaas himu.
Haa ta'u malee, dhaabbileen lamaan qoodinsa aangoo kanatti waliigalanii hojiirra oolchanis gammadoo akka hintaane kaasu.
Kunis, dhaabbileen lachuu fedhii aangoo siyaasaa harka caalmaa qabaachuuf qabanirraa kan madde akka ta'es barreessaniiru.
Gama biraatiin hariiroo saboota Oromoofi Somaalee magaalaa Dirre Dhawaa keessaa ilaalchisee bara 2017 waraqaa qo'annoo kan barreessan Balaw Warquu, qoodinsi aangoo saboota lamaan gidduu jiru "saboota lamaan gidduutti walmorkii hammaataa dhabamsiisuun dirree walmorkii nagaqabeessa ta'e argamsiisera" jedhan.
Ogeessi seeraa dhimma heeraa kan qo'atan Obbo Daani'eel Asaffaa immoo hundeeffamni bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa adeemsa heeraa otoo hin bu'uureeffatiin kan raawwate waan tureef gaaffii kaasuu gaaffiif deebii kanaan dura BBC waliin taasisaniin himanii ture.
Yeroo bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa hundaa'u filannoowwan akka turan kan himan ogeessi kun, falmii dhimma Dirre Dhawaa irratti ka'uuf "akkuma iddoowwan falmii bulchiinsaa qaban biroo filannoo ummataatiin gara tokkootti akka cittu gochuun ni danda'ama ture,'' jechuun yaada kennanii turan.
Paartileen siyaasaa Oromoo kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo akkuma Finfinnee Dirree Dhawaanis Naannoo Oromiyaa jala buluu qabdi jedhee amana.