Dhimmoonni caasaa magaalaa Dirree Dhawaa falmisiisaa taasisan maali? Furmaanni hoo?

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa gaaffii naannoo tahuu yookaan naannolee birootti makamuu jedhu mana maree lameeniif dhiyeesseera jedhamuun isaa dhimmoota tibbana ijoo dubbii ta'an keessaati.

Waggoota hedduun dura chaartaraan kan hundaa'e bulchiinsi magaalichaa, ammatti of danda'ee naannoo ta'uu, yookaan ammoo naannolee Oromiyaafi naannoo Somaalee jala galuuf kan isa dandeessisu riifarandamii gaggeessuuf gaaffii dhiyeesseera kanneen jedhamuudha.

Paarlaamaa biyyattii keessa namoota Dirree Dhawaa bakka bu’an lama keessaa tokko kan tahan Obbo Abduljawaad Mohaammad, furmaata tahuu danda’a jechuun yaada kana dhiyeessan.

Bulchiinsi magaalichaa yaada BBCf kenneen garuu qoodinsa dhimma bajataa irratti rakkoon bakka bu’aan kun kaasan sirrii tahuu kaasuun, haatahu malee dhimmi naannoo tahuu yookiin kaan ejjennoo isaanii akka hin taane hime.

Hoogganaan komunikeeshinii magaalattii Obboo Biruuk Fallaqa dhimma kanarratti BBCf yaada kennaniin: “murteen uummataa godhamee gara naannoo tokkootti osoo makamee yaadni jedhu waliigalatti akka hooggansa olaanaatti kan irratti hin mariyanne, ejjennoo keenyas kan hin taane, gaaffiis, ejjennoo uummataas kan hin taanedha,'' jedhan.

Caasaa bulchiinsaa magaalattii wajjin walqabatee fedhiiwwan garagaraa kan mul’atan yeroo tahu, darbee darbees mataduree walxaxaadha dhimmi jedhamu kun bu’uura muddamaa wayita itti tahutu jira.

Magaalattiin caasaa bulchiinsaa amma qabdu akkamiin argatte? Rakkoon bu’uuraa maali? Furmaanni hoo? Kanneen jedhan, odeessa kanaan deebisuuf yaalla.

Obbo Daani’eel Asaffaa ogeessa seeraa dhimma heeraa qo’atanidha. Rakkoon bu’uuraa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa maali jechuun gaaffii dhiyeessineef.

Sirna federaalizimii biyya Itoophiyaatiin bu’uura heeraan qabiyyee biyya kanaati jedhamanii aangoo galii funaanuus tahe, uummata bulchuuf kan beekamtii qaban naannoolee saglaniifi bulchiinsa magaalaa Finfinnee qofadha jedhan.

Akka ogeessi kuni jedhanitti, “hundeeffamni bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa adeemsa heeraa otoo hin bu’uureeffatiin kan raawwate gatii tureef gaaffii kana fiduu maleera.’’

Dr Milkeessaa Miidhagaa, waa'ee Bulchiinsoota Dirree Dhawaafi Finfinnee qorannoo bal'aa gaggeessaniiru. 

Aanga'aan mootummaa duraanii kun amma Ameerikaa Kaabaa kan jiraatan ennaa tahu, mootummaa biyya bulchaa jiru qeequunis beekamu. 

“Dirree Dhawaa heerri mootummaa hin beeku. Ruwaandaa yookaan Naayijeeriyaa keessas tahuu dandeessi,” jechuun kanas murtee siyaasaa yeroo sana turetu fide jedhu.

Obbo Daani’eel gamasaaniin: “Yeroo bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa hundaa’u gaaffii qaamolee garaagaraatu ture. Silaa yeroo sana filannoo lamatu ture.

Inni tokko bu’uura heeraatiin caasaa aangoo galii sassaabuus tahe uummata bulchuuf beekamtii akka argattu gochuun, ni danda’ama ture.

Gama kaaniin immoo akkuma iddoowwan falmii bulchiinsaa qaban biroo filannoo ummataatiin gara tokkootti akka cittu gochuun ni danda’ama ture,’’ jechuun xiinxala isaanii kaa’u ogeessi kuni.

Caasaan bulchiinsaa magaalattii “bu’uura heeraa hin qabne’’ filatamuunsaa qaawwaa uumee magaalattiin guddinaan boodatti akka haftu, akkasumas fayyadamummaa irraa akka hanqattu gochuun qaawwa uumeeraa jedhan.

“Magaalonni biyyatti kaan yeroo sochii ho’aa fi guddina agarsiisaa turanitti Dirree Dhawaan faallaa kanaan guddinaan boodatti hafuu isheeerratti waliigaluu dandeenya,” jedhan.

Itti waamamni magaalaa Dirree Dhawaa mootummaa fedaraalaaf yoo tahu, “garuu chaartarri bulchiinsi magaalaa kuni itti hundaa’ee ofiisaa bu’uura heeraa hin qabu,’’ jedhaniiru.

Qoqqoodiinsa aangoo - 40- 40 -20

Dr Milkeessaa Miidhagaa, bulchiinsa Dirree Dhawaafi sirna federaalizimii irratti qorannoo kan taasisan oggaa tahu, rakkoon bulchiinsaan walqabatu inni biraan kan dhalate filannoo biyyaalessaa 2005 (1997)tti gaggeeffame jalqabe jedhu.

Akkamiin jennaan, jiraattoonni sabaan Oromoo tahan Paartii yeroo sana Oromiyaa bakka bu’u Dhaabbata Demokraatawaa Uummata Oromoof (DhDUO) sagalee hin kenninaa jechuun namoota kakaasaa turan jedhu.

Haala kanaan teessuma Dirreedhawaan Paarlaamaa keessaa qabdu lamaan keessaa isa tokko Paartiin Qinjit ennaa mo’atu, isa kaan ammoo paartii naannoo Somaalee bulchu (SoDePa).

“Taatee kana hordofee mootummaan federaalaa jidduu seenuun, uummatichaan ‘Oromoon dhuguma miidhamtaniittu, amma booda kantiibaas Oromoofi Somaalee irraa isinii goona, deebisaa nu deeggaraa,’ jechuun warri Qinjitis yeroo sana hidhaman.”

Akka Dr Milkeessaan jedhanitti filannoo kana booda magaalattii bulchiinsa yeroo jalatti galchuun, kantiibaan DhDUO irraa tahe waggaa lamaafi walakkaaf, achiimmoo paartii naannoo Somaalerraa marsaa ittaanuun akka bulchan taasifame.

“Caasaa kaabinees sirna 40, 40, 20 kan jedhu fidan. Kunis harka 40 DhDUO, harka 40 SDP, harka 20 ammoo naannoo Amhaaraafi Tigraay irraa akka tahan taasifame. Mana maree bulchiinsa magaalichaas bifa kanaan akka qooddatan gochuun qoqqoodiinsa aangoo kana fidan.”

Furmaatni hoo maali?

Dhimmi caasaa bulchiinsaa magaalaa Dirree Dhawaa silaa rifarandamiin kan xumuramuu qabu yeroo Mootummaa Cehumsaa ture jechuun yaada kan dhiyeessan Dr Milkeessaa, wanti amma dursuu qabu kana miti jedhu.

“Uummanni magaalattii gaaffii caasaa [bulchiinsaa] waan gaafatan natti hin fakkaatu. Naannoo haa taanu kan jedhu gaafachaa hinjiran,” jechuun yoo gaaffiin jiraates uummatarraa dhufuu qaba jedhu.

Dhimmoota kana dursanii dhufuu qabu jedhan keessaa inni tokko afaan hojii magaalattiiti. Afaan hojii mootummaa magaalaa Dirree Dhawaa Afaan Amaaraa ennaa tahu, haa tahu malee lakkoofsaan kan Afaan Oromoofi Afaan Somaalee dubbatanitu caala jedhu.

Kanaaf, “Afaan Amaaraa dabalataan Afaan Oromoofi Somaalee itti ida’uu dandeessa,” jechuun “gaaffiin tajaajilaafi afaanii siyaasa miti, mirgoota namoomaati,” jedhu.

Inni biraa ammoo hojjettoonni mootummaa magaalattii keessa jiran “bifa uummata fakkaatuun deebisanii ijaaruun barbaachisa,” jedhu. Erga dhimmoonni kuniifi kaanis furaman booda, gaaffiin caasaa bulchiinsaa boodarra ka’uu danda’a jedhu.

Qorataan seeraa Obbo Daani’eel Asaffaa garuu rakkoo hawaas-diinagdeen boodatti hafuu magaalattii furuuf, furmaanni caasaa bulchiinsaa dursuu qaba jedhu.

“Uummanni kamiyyuu aangoo ofiin of bulchuu guutuu qaba. Haala kanaan uummanni Dirree Dhawaas akkuma uummata kaanii heera mootummaa keewwata 39 irra taa’een hiree ofii ofiin murteeffachuu ni danda’a.”

Garuu haalli dhimma kana raawwachiisuuf itti adeemamu naannoo biraatti dabalamuu ykn immoo of danda’ee naannoo tahuudha jedhan.

“Naannoo of danda’e tahuun waan danda’amuufi furmaata waaraa kan fidu natti hin fakkaatu.

Sababiinsaas magaalaan kuni naannolee lama gidduu jirti, dubbiin daangaa jiraa, dubbiin walitti dhufeenya sabaa naannolee lamaan gidduu jiru dabalatee, magaalaa sabaafi sab-lammiin garaagaraa keessa jiraatu gatii taheef, dhimmi baay’ee walirra bu’a waan taheef suni xiqqoo ulfaataa taha,” jedhan.

Akka hayyuun kuni jedhanitti, gara naannolee lameen keessaa tokkotti cituu filannoon jedhus waan salphaa miti.

Haa tahu malee, “fedhiin uummataa deebii quubsaa argatee furmaatni waaraa akka argamutti itti adeemumutu fala,” jedhan.

Bulchiinsi magaalaa kuni bu’uura heeraa argatee bulchiinsa mataasaa danda’e tahuun inumaayyuu tureera, kana dura tahuu qaba ture jedhan.

Filannoowwan bulchiinsa of danda’an tahuufi naannolee kaanitti cituu kan jedhu keessaa kamtu fooyyee qaba gaaffii jedhuuf, deebiin kan uummatni filatudha jedhan.

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa bu’uura heeraan ala yeroo bulaa turte kanatti guddinni hawaas- diinagdeen boodatti hafuu kana bakka buusuudhaaf furmaata caasaa bulchiinsaa waaraa tahe kennuun booda, mootummaan xiyyeeffannno addaa kennuun waan boodatti hafe akka kaan wajjin qaqqabu deeggarsa gochuuf dirqama qaba jedhaniiru hayyuun heeraa kuni.