Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaggeessaan Venezuweelaa Tiraamp humnaan aangoorraa buusee hidhe eenyu?
Bulchiinsa Huugoo Chaavees booda bara 2013'tti Nikoolaas Maaduroo pirezidantii Venezuweelaa gaafa ta'u, lammiileen biyyattii nama Warraaqsa Bolivaariyaanii galmaan gahu jechuun "akka nama rabbi biraa muudameetti" simatan.
Nikoolaas Maduuroo dura gaggeessaa Venezuweelaa kan ture Huugoo Chaavees bara 2012 keessa dhibee kaansarii yaalamuuf gara Kuubaatti deddeebi'aa ture - baay'ee osoo hin turin kaansarichumaan du'uunsaa dhagahame.
Huugoo Chaavees du'a isaa dura, lubbuub jiraatee Venezuwwelaa yoo hin gaggeessu ta'e ittaanaansaa Nikoolaas Maduuroo biyyattii gaggeessuuf amanamummaa guddaa akka qabu ummataaf ibse.
Warraaqsa Bolivaariyaan inni eegale galmaan gahuu kan danda'u Maduuroo akka ta'e Huugoo Chaavees garaa guutuun itti amanee ture.
Maduuroon baay'ee osoo hin mul'atin golgaa duuban siyaasatti guddate. Bara 2013 Huugoo Chaavees kan uummata Venezuweelafi addunyaaf ifoomse isa ture. Aangoo biyyattii erga to'atee booda, diinagdee Venezuweelaa boba'aa irratti hundaa'e duraanuu daddaaqamaa ture fayyisuu hin dandeenye.
Akkuma Huugoo Chaavees aangoo dhuunfachuun sagalee mormii ukkaamsuu, bulchiinsa nam-tokkee diriirseen keessaafi alaa komiin itti baay'ate.
Rakkoo wal-xaxaa Maaduroon keessa seene
Rakkoon Maduuroo yeroo baay'ee wal-xaxaadha. Bulchaa Venezuweelaa duraanii Huugoo Chaaveesiif akka malee amanamaa ta'uurraa kan ka'e leegaasii isaa itti fufsiise; garuummoo rakkoo hamaa diinagdeen biyyattii keessa gale furuu hin dandeenye.
Yeroo gara dhumaa Huugoo Chaavees aangorra ture, gatiin boba'aa diinagdeen Venezuweelaa irratti hirkate gadi bu'uu hordofee, diinagdee biyyattiirratti haaromsi dhufuu akka qabu mariyatanii turan.
Du'a Huugoo Chaavees hordofee rifoormiin Maduuroon yaade jalaa kufe. Keessumaa bara 2014 gatiin boba'aa akka addunyaatti kufuu hordofee diinagdeen biyyattii rakkoo hamaa keessa galuun jireenya lammiilee biyyattii guyyuu irratti dhiibbaa guddaa fiduu eegale.
Keessumaa filannoo bara 2015 gaggeeffamerratti paartiin mormituu Venezuweelaa teessoo mana maree biyyattii sagalee caalmaan mo'atan. Haa ta'u garuu Maduuroon dura dhaabbatee fashalse.
Mootummoota Laatiin Ameerikaa dabalatee hawaasi idiladdunyaa gochaa Maduuroo balaaleffatus Manni Murtii Olaanaa biyyattii Maduuroon akka isaaf ta'utti ijaarrate, filannoo gageeffameratti rifarandamiin akka hin gaggeffamneefi siyaasaan Maduuroon akka hin himatamne murtee dabarse.
Bara 2017tti paartiin mormituu mana maree keessaa sagalee caalmaan mo'atee ture mootummaan "fonqolcha" narratti gaggeesse jechuun himate.
Maduuroofi Huwaan Guwaadoo
Amajjii 2019 Nikolaas Maduuroo filannoo marsaa lammataa mo'achuun waadaa seene. Filannicharratti bakka bu'oonni paartii mormituu heddu hin hirmaanne. Filannoo Caamsaa bara 2018 gaggeeffame US dabalatee biyyoonni Laatiin Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa fudhatama hin qabu jechanii ture.
Paartiin mormituu carraan dhiphoon akka jiru abdii qabu ture- dursaa paartii mormituu kan ture Huwaan Guwaadoo pirezidaantii Mana Maree Biyyaalessaa waan ta'eef aangoo guyyoota 30 keessatti filannoon irra deebiin akka gaggeeffamu labsuu danda'a kan jedhu ture.
Huwaan Guwaadoo bulchiinsa Tiraamp dabalatee biyyoonni Awurooppaafi Laatiin Ameerikaa beekamtii kennaniifii ture.
Haa ta'u garuu Nikolaas Maduuroo bulchiinsa Tiraamp yeroo sanaaf gurra hin kennine.
Kana hordofee Tiraamp industirii boba'aa Venezuweelaa irra qoqqobbii kaa'uu beeksise.
Tiraamp marsaa lammataaf Waayit Haawusitti deebi'uu
Maaduroon aangotti gogee hafuun sababoota ijoo lamaan ji'oota 18 dabran akka inni yaade hin taaneef- filannoo pirezidaantummaa bara 2024 Venezuweelatti gaggeeffameefi Tiraam marsaa lammataa pirezidaantii US ta'ee filamuu.
Filannoo Waxabajjii 2024 gaggeeffamerratti Maaduuroon mo'achuun labsame.
Faallaasaa ammoo morkataa cimaa kan ta'e Edmundo Gonzaaleez sagalee %80 argachuun mo'achuu paartiin mormituu ibsuun sagaleen uummataa hatamuu komate.
Filannoo bara 2024 hordofee deeggartoota Maduuroo dabalatee namoonni heddu karaatti bahuun mormii dhageessisan. Mootummaan ammoo namoota 2,000 ol hidhuun hiriira mormii ukkaamsuuf yaale.
Edmundo Gonzaaleez sagalee %80 filannoo injifachuu himate Ispeenitti baqate. Maariyaa Machaadoo filannoorratti akka hin hirmaanne godhamte dhokachuuf dirqamte.
Tiraamp marsaa lammataa Waayit Haawusitti deebi'uunsaa Maduroof qormaata cimaa ta'e. Tiraamp sochii qoricha sammuu adoochu to'achuuf Laatiin Ameerikaa keessatti oppireeshinii gaggeessuuf ifa godhe.
Itaansuun Maduuroofi qondaalonni waraanaa olaanoon Venezuweelaa daddabarsa qoricha sammuu adoochuu keessaatti hirmaatu jechuun himate.
Tiraamp bidiruuwwan qoricha sammuu adoochu daddabarsan jedherratti naannoo qarqara Venezuweelaatti haleeluun eegale.
Erga aangotti dhufee haleellaa gaggeeffameen namoonni 110 ajjeegamaniiru.
Waraanni US guyyootan dura ammoo magaalaa guddoo Venezuweelaa kan taate Karaakaas irratti haleellaa waraanaa banuun Maduuroofi haadha warraasaa to'achuun gara US geesse.
Namni Huugoo Chaavees Warraaqsa Bolivaariyaan ykn Warraaqsa Venezuweelaa galmaan naaf ga'i jedhee imaanaa itti kennatee du'e amma Niwu Yoorkitti mana murtiitti dhiyaatee jira.