Arsenal Eezee, Liiverpuul Mateetaa fudhachuuf Palaas waliin dubbachaa jiraachuufi oduu jijjiirraa biroo har'aa

Arsenaal Ebereechee Eezee fudhachuuf, Liiverpuul ammoo Jiin-Filip Mateetaa mallatteessifachuuf Kiristaal Palaas waliin dubbachaa jiru. Maanchester Yunaayitid ammoo taphataa lammii Kaameruun Biriyan Mbeemoo yeroo dheeraaf fudhachuuf dhama'aa ture amma harka galfachuuf waliigalteerra gaheera.

Arsenaal sarara fuula duraa yeroo baayyee itti qaawwuu isaatiin rakkachaa ture cimsachuuf waqtii jijjiirraa gannaa kana taphattoota ciccimoo adamsaa tureera. Isaa keessaa tokko taphataa lammii Ingilaand Ebereechee Eezee fudhachuuf Kiristaal Palaas waliin dubbachuuf jedha.

Taphataa sarara cinaa umurii waggaa 27 kanaaf Kiristaal Palaas gatii paawondii miliyoona 68 gaafateera.

Liiverpuul ammoo taphataa Kiristaal Palaas biraa Jiin-Filiip Mateetaa fudhachuuf kilabicha waliin dubbii taasiseera. Liiverpuul taphata sarara fuula duraa lammii Faransaay umuriin isaa waggaa 28 ta'e kana argachuuf bakka buutota isaa waliin paaris keessatti wal argee mariyateera.

Maanchistar Yunaayitid taphataa sarara fuulduraa lammii Kaameruun Biraayaan Mbeemoo umuriin isaa 25 ta'e mallatteessifachuuf waliigalteerra gaheera.

Bireentifoord ammoo gama kaaniin taphataa sarara fuulduraa Ipsiwiich Taawon fi Engilaand umuriin isaa waggaa 21 gadiif taphatu Omaarii Huchinson fudhachuuf. Taphataan umuriin isaa waggaa 21 ta'e kun bakka Mbeemoo bu'uu danda'a jedhamee yaadamaa jira.

Ejentiin Joo'o Feeliks taphataa sarara fuulduraa Cheelsii ganna 25 gara Benfikaa akka deemnuuf marii taasifameen waliigalteerra gahuutti dhiyaachaa jiru.

Ji'a Amajjii keessa keessa marii jalqabaa erga gaggeessee booda Cheelsiin taphataa ganna 21 Maanchistar Yunaayitid fi taphataa sarara fuulduraa Arjentiinaa Alehaandiroo Gaarnachoo fedhii guddaa qabaachuu agarsiiseera.

Taphataan sarara ittisaa Faransaay Beenoyit Badiyashil ganna 24 ta'e maqaan isaa Maarseel waliin ka'aa jira, haata'u malee, inni bara dhufu Cheelsii akka turu dubbata.

West Haam taphattoota Liivarpuul garee Ingilaand waggaa 21 gadii keessa taphatan lamaan: taphataa sarara fuulduraa Haarvii Eliyoot kan umuriin isaa ganna 22 ta'eefi taphataa sarara ittisaa Taayilar Mortan umuriin isaa ganna 22 ta'e irratti xiyyeeffachuun hordofaa jira.

Maanchistar Yunaayitid taphataa sarara gidduu Faransaay umuriin isaa ganna 30 Kooreentiin Tooliisoo akka argacuu danda'u gaafachuuf Liyoon waliin qunnamtii taasiseera.

Taphataan sarara fuulduraa Gaaboon fi taphataa sarara fuulduraa Arsenaal duraanii Piyeer-Emeriik Awuboomaayaang umuriin isaa ganna 36 Kilabii Sa'ud Arabiyaa Al-Qadsihaah gadhiisee kilabii Faransaay Maarseeyitti makamuuf jira.

Maanchistar Siitiin taphataa sarara gidduu garee Ingilaand waggaa 21 gadiif taphatu Jeems Maakatee yeroo ammaa umuriin isaa ganna 22 ta'e ganna kana gurguruuf jedha.

Kana kan godhuuf ammoo bu'aa qulqulluu irraa argatee Seera Bu'aa fi Itti Fufiinsa (PSR) akkasumas Tapha Haqaa Faayinaansii (FFP) irraa eegamu guutuuf tarkaanfii fudhatedha.

Maakateen ammoo carraa kilaba isaa haaraa ta'uu danda'a jedhuun Eyintiraakt Firankifart daawwachuuf Jarman jira.

Woolvis taphataa ganna 27 Filuminees fi taphataa sarara cinaa Kolombiyaa Joon Ariyaas argachuuf £m15 irratti waliigalteetti dhihaateera.

Taphataan sarara gidduu Siwiizarlaand Giraaniit Zhaakaan garee Sa'udii Piroo Liigii Ne'oom SCtti makamuuf walii galeera. Taphataa Arsenaal duraanii umurin isaa ganna 32 kanaaf hanga ammaatti Baayer Leverkusen waliin kaffaltii hin xumurre.