Dubartiin Iraan Noobelii Nagaa badhaafamte hidhaan dabalataa itti murtaa'e

Naargees Mohaammadii

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Badhaafamtuu Noobelii Nagaa kan taate Naargees Mohaammadii mana murtii Iraaniin hidhaan dabalataa waggaa torbaa fi ji'a ja'a akka itti murtaa'e abokaatoon ishee hime.

Musxafaa Niilii ibsa Dilbata miidyaa hawaasaa isaarratti baaseen falmituun mirga namaa kun, "walga'ii waamuufi gocha yakkaa tumsuun" waggaa ja'a, akkasumas "sochii olola gaggeessuun [poroppogaandaan] waggaan tokkoofi walakkaa mana-murtii Baha kaaba magaalaa Maashihaaditti argamuun isheetti murtaa'eera.

Mohaammaddiin sirna kabaja yaadannoo wareegamtootaarratti Mudde keessa "haasaa nama kakaasu" taasisuu isheetiin to'annoo jala oolfamuu ishee aanga'oonni Iraan dubbatanii turan.

Maatiin ishee yeroo to'atamteetti reebamtee booda gara hospitaalaa geeffamuu dubbataniiru.

Dubartiin umuriin ishee waggaa 53 ta'e kun hacuuccaa dubartootarra gahu mormuun sochii taasiftuuf bara 2023 badhaafamtuu Noobelii Nagaa badhaafamteetti.

Erga Mudde 14 yeroo jalqabaatiif Mohaammadiin waliin kan wal arge abokaatoon ishee Niilii, biyyattii gadhiistee akka hin baane waggaa lamaaf dhorkaan akka irra kaa'amee fi gara kutaa Bahaa naannoo Kushiifitti baqattee waggaa lamaaf akka turtu itti murtaa'uus dubbatera.

Kan ishee deeggaru Naarges Faawondeeshin dhaddacha Sambata gaggeeffameen, "waliin dhahuu" jechuun ibseera. Akkasumas, Guraandhala 2 irraa kaastees beela'uun mormii gaggeessuu akka jalqabde ifa godheera.

Niilii guyyoota sadii gara mana-hidhaa itti hidhamteetti debiyuusheetiin dura, "sababa rakkoo qaamasheerra gaheen" gara hospitaalaa geeffamtee akka turte himaniiru.

Mohaammadiin waliin yeroo dubbatanitti, " waan ta'eefi akkamitti akka hidhamte ibsuu yeroo jalqabdetti bilnbillishee addaan cite," jechuun haala ture ibsicharratti dubbataniiru.

Abbaan warraa Mahaammadiin Taagii Raahimanii yeroo dhaddacharratti dhiyaattetti "qaamni haqaa kun seera qabeessa miti" kan jedhurratti 'ejjennoo jabaa" qabdu "dursee murteen dhumaa kan kenname" ta'uu ibsuun ittisa omaa akka hin dhiyeessiin dubbatteetti.

"Akka argamtu dirqisiifamtus, waan tokkollee akka dubbachuurraa of qusatteetti. Jecha tokkollee hin dubbanne, waraqaa tokkollee hin mallatteessine."

Murte kenname ilaalchisee BBCtti yoo dubbatu, "gara-jabinaan kan guutameefi kan baayyee haqarraa fagaatedha" jechuun ibseera.

Dhaabbileen mirgoota namoomaas murtee kana akka mormaniif waamicha dhiyeesseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kun kanaan osoo jiruu, intalli Mohaammaddiin Kiyaanaa Rahimaan haalli haadhashee "baayyee akka ishee yaaddesse" dubbatti.

Mohaammaddin waggaa 10 ol mana hidhaatti dabarsiteetti. Faawondeeshiniin Naarges turtii mana hidhaa amma itti dabalame waliin walumaagalatti gara waggaa 44tti ol guddisa jedheera.

Bara 2021 irraa kaasee "mootummaarratti sochii ololaa [porppogaandaa] taasifteetti" akkasumas "nageenya mootummaa faallaa dhaabbatteetti" jedhamuun himata irratti banameen waggoota 13f hidhamteetti. Isheen garuu himatawwan isheerratti dhiyaatan hunda kufaa gooteetti.

Aktivisiin kun Mudde bara 2024 sababa wallaansa fayyaatiif torbanoota sadiif mana hidhaa hamaa Tehiraan keessa jiru Eviin keessaa yeroo gadhiifamtee ture.

Osoo baayyee hin turiin gara mana hidhaatti akka deebitu kan taasifame yoo ta'u, achumaan yeroo hidhaa dachaa isheerratti murtaa'e akka xumurtu taasifamteetti.

Badhaasni Noobelii Nagaa bara 2023 dubartii Iraan mirga namaatiif falmitu kanaaf osoo isheen mana hidhaa keessatti argamtu kenname.

Koreen Badhaasa Noobelii dubartiin kun Iraan keessatti mirga dubartootaa kabachiisuuf qabsoo jabaa aarsaa lubbuu gaafate taasisuu isheef badhaasicha kana mo'atte jedhan.

Naarges mootummaa Iraaniin yeroo 13 qabamtee hidhamte. Yeroo shan murtiin hidhaa irratti darbe. Amma hidhaan waggaa 31 itti muramuun mana hidhaa keessa jirti.

Cunqursaan dubartootaa akka dhaabbatu, mirgi namoomaa akka kabajamuu fi birmadummaa dhala namaa lallabaa turuuf kennameef jedhan.

Naarges Mohammadi Itti aantuu itti gaafatamaa Gidduugala Falmitoota Mirga Namoomaa namni kana dura badhaasa Noobelii mo'atan Shiirin Ebaadii hundeessan 'Defenders of Human Rights Center' fi falmituu mirga namoomaati.

Dubartiin kun erga bara 2011 as yeroo hedduu himatamuun kan hidhamaa turte yoo tahu, piropaagaandaa tamsaasti'' jedhamuun mana hidhaa baay'ee hamaa tahe magaalaa Teehraan keessatti argamu Evin jedhamu keessatti hidhamtee jirti.

Bara kanas dubartoota adunyaa dhiibbaa guddaa uuman BBC 100 keessatti hammatamteetti.