Abbaan warraa haati warraa badde jedhee gabaase, reeffishee shaanxaa keessatti argame

Kiristii Wiilkiinsan

Madda suuraa, Family of Kirsty Wilkinson

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Kiristii Wiilkiinsan veeloo bareedaa cidhasheef tahu argattee bitte. Shaanxaa diimadii keessas keesse. Cidhi ammoo Guraandhala 2008 raawwachuuf jedha ture.

Waggaa tokko booda garuu shaanxaan diimadii sun qorannoo ajjeechaa isheef ragaa tahee bahe.

Akka itti ajjeechaan kuni raawwatee gara haqaatti dhufe dokimantarii haarawa irratti ifa baheera.

Gaafa Ebla 2009 shufeerri konkolaataa loorii M4 jedhamu oofu UK, Weels naannoo Poorkoolitti karaa irraa maqsee dhaabe. Akkasumaan miti shaanxaa diimadii argeeti.

Konkolaataan otoo ariitiin imaluu fe'umsi irraa jigeeti jedhee yaaduun shaanxaa kana bane. Harka namaafi rifeensa halluu warqee dhiiga ofirraa qabutti nan baha jedhee garuu hin yaadne.

Guyyoota muraasaan dura ammoo qondaalli qorannoo yakkaa Doriyaan Looyiid namni baduu itti himamee akka qoratuuf gaafatamee ture.

Kiristii Wiilkisan shamarree ganna 24 yoo taatu, abbaan warraashee baddeetti jedhee gaafa Sambataa Bitootessa 30 gabaase.

Yeroo dhumaaf kan isheen mul'attes Jimaata hiriyyootashee wajjin akka tahes hime.

Poolisiin eeruu kanaan booda manashee sakatta'us waan shakkisiisu (cicachiisu) arguu hin dandeenye.

Boodarra garuu reeffi karaa irratti gatamee argame kan shamarree kanaa tahuu yeroo adda baasan qondaala qorannoo yakkaa Looyidiin waaman.

''Shaanxaa sana keessatti borsaa gurraacha lamaafi feestaala tokko arganne,'' jechuun waan argan suukaneessaa tahuu hime Looyiid.

''Tokko mataa reeffaatti marameera, kaan ammoo miilatti reeffi shaanxaa diimadii keessa kaa'ameera.''

Tuutni qorannoo kuni reeffi kan Kiristii tahuu shakkus garuu guutummaatti mirkana hin arganne.

Gabaastuun BBC bara sana turte Peenii Roobartis, ''dubartii maqaa Kiristii jedhamuun waamamtu yeroo sana baddeetti. Amanuuf waan nama dhibudha,'' jette.

Reeffi kuni mana Kiristii irraa km30 fagaatee argamuun shakki biraa fide, warri yakka qoratan ''reeffi hamma kanaa fageeffamee gatamuun waan hin baratamnedha,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ragaaleen jiran hundi Kiristiin akka miidhamtuu taate kan agarsiisan yoo ta'u, haati ishee Kaatii Biluumfiild reeffa intala ishee quxisuu akka adda baastuuf dirqamni itti kenname.

Sagantaa BBC One Wales The Truth About My Murder irratti akkas jechuun dubbatte:

"Waan fiilmii horarii [sodaachisaa] irratti argitu fakkaatti. Funyaan ishee murameera, mangaagaanishee luqqa'eera. Rifeensa ishee miicanii ture dhiigni garuu irraa hin baane. Takkaa mucaa koo hin fakkaattu.''

''Akkaataan qaama ishee hundi baay'ee jijjiirameera. Nyaara ishee qofadha kan ani adda baasuu danda'e. Boo'uu hin dandeenye, sodaa guddaa keessan ture."

Qorataan yakkaa Looyiid reeffi Kiristii veeloo cidha ishee keessa keewwachuuf shaanxaa diimadii bitte keessatti argamuun baay'ee nama rifaasisa" jedhe.

Yeroo poolisiin abbaa manaashee Giraabhaam akka reeffi haati manaa isaa shaanxaa keessaa argame itti himu, deebiin isaa — gaaffii kamiifuu "yaada hin kennu" jechuufi oduu suukaneessaa kanaaf miirri gogaa agarsiise shakkii uume.

Garuu qondaaltotni poolisii shakkiirra waan qabatamaa barbaadu, yeroo kana egaa ragaa soquutti kan ka'an, kanaanis qorannoon laaboraatorii ajjeesaa Kiristii argachuu keessatti shoora murteessaa kan taphate.

Qorannoon reeffaa (post-mortem) miidhaa garajabinaa Kiristii irratti raawwate agarsiise.

Qondaalli foreensiikii Dr Richaad Sheefard madaan qaamasheerra jiru ''haleellaan hamaa, suukaneessaa sa'aatii dheeraaf irratt raawwachuusaa agarsiisa,'' jedhe.

Kiristii mormashee irratti dirmammuun quba namaa, lafeen arrabashee duuba jiru cabeera, kuni humna jabaan dhaanamuushee agarsiisa.

Yeroo kana keessatti, poolisiin hariiroo Kiristiifi Giraabhaam qorachuu jalqabe.

Haati Kiristii akka jetteetti, Kiristiin moodeela tahuun yeroo hojjetaa turte nama biraa waliin hariiroo qabdi ture garuu gaaf tokko akkasumaan kaatee nama Pool Giraabhaam jedhamutti heerumuuf akka jirtu dubbatte.

Jaalalli isaanii kan jarjarsuu ture; wal baranii ji'a sadii keessatti wal fuudhan. Garuu yeroo gabaabaa booda Kaatiin amala intala ishee jijjiiramaa jiru hubatte.

Kiristiin "akka duriishee tahuu dhiiste" ; yeroo abbaan manaa ishee alaa faaggaa konkolaataasaa afuufu mana keessaa ''akka illeettiitti sodaachaa fiigaa baati turte.''

Jireenya room'aa keessa jiraachuu ishee yoo arginu nama kana hin jaalanne jette haati.

Xalayaan walii ergaa turan rakkoo walitti dhufeenya isaanii mul'isa. Akkasumas ogeessi yaala sammuu fooreensikii Dr. Kaatriin Wiiliyaams waa'ee lamaan isaanii qorattee ragaa argachuuf yaalteetti.

"Walitti dhufeenya kana keessatti, amala humnaan to'achuu (coercive controlling behaviour) agarsiisu argina jetti.

''Kun sochii walii too'achuu, namoota irraa adda cituu, fi hiriyoota kamiin akka wal arguu qaban murteessuu dabalata.

Yeroo tokko tokko gara sadarkaa isaan keessaa namni tokko jireenya nama biraa guutummaan guutuutti to'atuutti ga'a."

Kaatiin akka jetteetti, Giraabhaam jila tokko irratti Kirstii morma ishee hudhee qabee ''waan duutu itti fakkaatee beeka.''

Ragaan haleellaa abbaa warraashee dabalaa dhufus, kana qofaan ajjeesaa ta'uu isaa mirkaneessuun hin danda'amen ture.

Inni poolisiitti akka himetti, halkan Kirstiin badde sana waliin ala turan; garuu baay'ee machaa'ee kophaa isaa gara manaatti deebi'e.

Akkasumas ganama yeroo ka'utti Kiristiin hin jirtu ture, boorsaa harkaa, waaleetii fi bilbila ishee wajjin badeetti jedhe.

Garuu ollaan sa'aatii 03:00 hanga 04:00 gidduutti waan dhaga'anii turan yoo himan — hiriyyootishee bira deemtee, akka turtu ishee kadhannaan diddee deemuu booda, kutaa darbii gamoo jala jiru keessaa, sagaleen nama afaan isaatti harki qabamee iyyu fakkaatu dhaga'an; itti aansuun sagalee rukutamuu fi waan ulfaataa tokko mana fincaanii keessaa harkifamaa jiru dhaga'an.

Namni mana dhugaatii Kiristiifi Giraabhaam turanirraa ragaa bahe tokko ammoo — dhugaatii saangiriyaa jedhamu akka isheef dhiyeesse himeera.

Sheepard akka jedhetti, qorannoon reeffaa (post-mortem) irratti kutaa mar'imaan qal'aa Kiristii keessatti ciccitaan kuduraa appilii argameera, kunis "Kiristiin sa'aatii 3 fi 4 gidduutti du'uun ishee sirriitti agarsiisa" jedhe.

Poolisiin Kiristiin mana keessatti du'uushee mirkaneessuun barbaachisaa ture; kana argachuuf saayintistii fooreensikii olaanaa Kileera Moors nama akkaan barbaadamtu turte.

Isheen mallattoo dhiigaa xinnoo mooraa keessatti argite; ifa fooreensikii jabaa fayyadamuudhaan lafa irraas dhiiga dabalataa argatte.

Akkasumas baaxii haaraa dibamee jala mallattoo dhiigaa argite; itti aansuun kutaa manichaa adda addaa keessatti, mana fincaanii otoo hin hafiin, dhiiga argatte.

Qorannoon DNA dhiigni sun kan Kirsty ta'uu mirkaneesse; akkasumas uffata Grabham irratti mallattoo dhiigaa kan Kiristii waliin wal fakkaatu argatan.

Galmee himannaa isa irratti jabeessuuf, qaama Kiristii gara daandii riqicha jala jirutti akka geesse ragaan barbaachisaa ture.

Galmeen bilbila Giraabhaam sa'aatii 10:30, Bitootessa 31, bakka qaamni Kiristii darbatame turetti akka ture agarsiise — yeroo sana iddoo sanarraa ergaa gabaabaa ergees fi fudhatee ture.

Amajjii 2010tti, Giraabhaam ajjeechaa Kiristiin mana murtiitti dhiyaate; Guraandhala 4 immoo ishee ajjeesuun balleessaa tahuun irratti murame.

Hidhaa umurii guutuu adabameera. Yoo xiqqaate waggaa 19f hidhamee turuu danda'a.

"Amalli Grabham mana murtii keessatti gonkumaa hin jijjiiramne. Miira tokko illee hin mul'ifne. Fuula isaa irratti gaabbiinillee hin mul'anne.