Dubartoonni miidhaa dijitaalaa dabalaa dhufeen maaf caalaa saaxilamu? Attamiin of eeguu danda'u?

Harka namaa keebilii chaarjariitiin walitti hidhamuun bilbilatti qabasiifame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miidhaan karaa dijitaalaa gahu dubartootaafi shamarranitti yaaddaa dabalaa dhufeera

Miidhaan karaa interneetiin ykn dijitaalaan qaqabu gosoota miidhaa saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko yoo ta'u, kunis dubartoota toora interneetii irraa ala akka taa'an isaa gochaa jira.

Miidhan dijitaalaa kunis dubartoota karaa interneetiin arrabsuu, hordoffii irratti taasisuu irraa kaasee hanga suura isaanii fayyadamuun waa'ee isaanii odeeffannoo sobaa raabsuun dubartoonni fi shamarran miliyoonaan lakkaa'aman waggaa waggaan rakkinni isaan mudataa jira.

Akka addunyaatti, namoonni gara biiliyoona jahaa ta'an interneetii kan fayyadaman yoo ta'u, bara kana garuu dhiironni miliyoona 280 ta'an dubartoota caalaa toora interneetii irratti akka argaman Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Dhaabbanni Addaa Gamtaan Telekoomii Idil-addunyaa ibseera.

Dhaabbanni UN dubartoonni, shamarranii fi namoonni koorniyaa isaanii ibsuu hin barbaadne sababii saala isaaniitiin carraan isaan irratti xiyyeeffatamu olaanaa ta'u ibsuun, kun balaa hamaa fi miidhaa yeroo dheeraa isaan mudachuu danda'a jedha.

Qorannoon sadarkaa addunyaatti gaggeeffaman akka agarsiisutti, dubartoonniifi shamarran hanga parsantaa 58 ta'an miidhaa toora interneetii irratti raawwatamaniin irratti xiyyeeffatama jedha Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhaabbanni Dubartoota.

Dubartoonni bebekamoo, aktivistoonni fi gaazexessitoonni kanneen warra namoota gad xiqqeessaniin irratti xiyyeeffatame keessaayi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni bebekamoo, aktivistoonni fi gaazexessitoonni kanneen warra namoota gad xiqqeessaniin irratti xiyyeeffatame keessaayi

Miidhaalee dijitaaliin baramoo shan

1. Aarsuu

Nama aarsuu (Trolling) jechuun ta'e jedhanii viidiyoo ykn ergaawwan nama aarsan interneettii gubbaatti maxxansuudhaan nama tokko aarsuuu, akka deebii eknnuuf kakaasuu ykn rakkoo uumuuf yaaluu kan hammatuudha.

Haasaa jibbaafi tamsa'ina odeeffannoo sobaa interneettii irraa dhaabsiisuu irratti kan hojjatu dhaabbanni mit-mootummaa (Centre for Countering Digital Hate (CCDH)) akka jedhuutti, gosawwan nama aarsuu ijoo lamatu jira. Isaanis:

  • Arrabsoo namoota hordoftoota miidiyaa hawaasaa hedduu qabaniif beekkamoo ta'an irratti xiyyeeffachuun miidhaa babalisuu,
  • Arrabsoo ''haalaa hawaasummaa faallaan'' kaka'uun miidhaan karaa dijitaalaan namoota kaan irra gahuutti gammaduudha.

Namoonni toora interneetii irratti nama akka aarsaniif sababoonni hedduun jiraachuu danda'u, garuu ammoo gochaan nama aaarsuu kunis namarraa namatti garaa garummaa qabuuchu danda'a.

Nama aarsuun (trolls) yeroo baayyee namoota miidhaan irratti xiyyeeffatan mufachiisuudhuun gammachuu argatu. Kanaaf miidhamaa yoo deebii isaaniif kan kenne ta'e ammoo caalaayyuu akka itti fufaniif isaan jajjabeessa.

Arrabsoon sadarkaa yaaddoo olka'aa fi ofitti amanamummaa namaa waan miidhuun gadi aantummaan akka itti dhagahamu gochu danda'a.

2. Odeeffannoo dhuunfaa ta'e jechuun tamsaasuu

Dubartii fuullee foddaa xiqqoo teessee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Odeeffannoo dhuuncaa eegumsa barbaachisuu qooduun dhiiphina sammuutiif nama saaxilu mana
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Odeeffannoo dhuunfaa waa'ee namoota dhuunfaa toora interneetii irratti gadhiifamuu (Doxing)n yeroo baay'ee yaada hamaadhaan.

Kunis balaa jireenya dhugaa kan akka hordofuu, doorsisaa fi jeequmsa qaamaa illee fiduu kan danda'udha.

Bara 2021tti barreessaan Haarii Pootar J. K. Roowling, ofiisheetiin miidhamtuu akka turte dubbatteetti. Suuraan mana jireenyaashee karaa alatiin kaafamuun, teessoo isaa agarsiisaa toora interneetii irratti erga qoodame booda miidhaaf saaxilamte.

Haata'u malee, sana boodas aktiivistoota ishee irratti xiyyeeffatan irratti poolisiin tarkaanfiin akka hin fudhanne dubbateera.

Erga Ebla bara 2022 irraa eegalee, Feesbuukii fi Inistaagiraamiin, kan Meta'n bulfamu, teessoo mana nama tokkoo galmee ummataarraatti ykn gabaasa oduu keessatti kan mul'ate yoo ta'eyyuu qooduun dhorkeera.

Fayyadamtoonni garuu teessoo mataa isaanii qooduu danda'u, kaan garuu irra deebi'anii qooduu hin danda'an.

Jijjiiramni kun kan raawwatame yaada Boordii To'annoo Meetaa eegumsa odeeffannoo dhuunfaa cimsuu fi balaa odeeffannoo dhuunfaa baasuu hir'isuuf kenname hordofeetiidha.

3. Kan teknolojii fakkeefame (Deepfake)

Dubartii arte yoo iskiriinii laaptooppii shee ilaaltu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni nageenysaanii eeguuf jecha interneetii irratti hin mul'atan

Deepfakes viidiyoo, suuraa ykn kilippii sagalee dhugaa fakkaachuuf hubannoo namtolchee (AI)n hojjetameedha.

Kunis bashannanaaf ykn qorannoo saayinsiitiif illee itti fayyadamuu ni danda'u, haata'u malee yeroo tokko tokko ammoon namoota siyaasaa ykn hoggantoota addunyaa fakkeessuuf, itti yaadanii ummata dogoggorsuuf hojjatamu.

Akkasumas viidiyoo poornoogiraafii ykn suuraa namoota beekamoo ykn namoota idilee hojjachuuf itti fayyadamaa turan.

Qorannoon dhiheenya kana poolisiin UK keessatti gaggeeffame akka agarsiisutti, "namoota afur keessaa tokko hayyama kennuu yoo baatameeyyuu, walqunnamtii saalaa fakkefame hojjachuu fi balleessaa akka hin taanee itti dhaga'ama, ykn sirrii akka ta'e itti dhaga'ama."

Hayyama malee suuraa icciitii qooduun ykn ittiin doorsisuun UK keessatti gochaa yakka yoo ta'u, amma jalqaba seera nageenya toora interneetii bara 2023 jalatti kaa'ameera.

Kunis suuraawwan fakkeefamanii hojjataman ykn oomishaman kan hammatu yoo ta'u, deepfakes ni dabalata.

Biyyoonni biroo hedduun, kan akka Awustiraaliyaa fi Ayerlaandi, namoota dhuunfaa suuraa iccitii haala malee fayyadamuu irraa eeguuf seera walfakkaataa qabu.

4. Gowwoomsuun amansiisuu

Nama fuulasaa dhokfatee mataatti kaawwate osoo kompitara irratti barreessuu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen gochaa kana hojjatan muraasni eenyummaasaanii dhugaa dhoksuun daa'imman akka isaan amamanan hojjatu

Ijoollee fi dargaggoota karaa toora interneetii irratti xiyyeeffatanii gowwomsuun ni danda'ama.

Namoonni yakka raawwatan daa'ima miidhaniin amanataa argachuuf jecha waltajjiiwwan onlaayinii fayyadamuun isaan waliin hariiroo uumuu danda'u.

Miidhaan kun toora interneetii irratti raawwatamuu danda'a ykn namni yakka raawwate daa'ima sanarra miidhaa geessisuuf yaadee qaamaan wal arguuf haala ittiin mijeefachuu danda'a.

Miidhaan dabalataa kan mudachuu danda'u qabiyyee miidhaa geessisu namoota birootiin toora interneetii irratti yeroo galmaa'e, olkaa'ame ykn qoodamedha.

Miidhaan toora interneetii irrattis ta'e toora interneetii ala qaqabuus, fayyaa waliigalaa daa'ima irratti dhiibbaa yeroo dheeraa qabaachuu danda'a. Kunis haala nageenya, sammuu, of miidhuu, haala soorataa jijjiruu, yaada of ajjeesuu ykn of ajjeesuu illee fiduu danda'a.

5. Arrabsoo karaa interneetii

Arrabsoon karaa interneetii (cyber bullying) ammoo namni tokko karaa miidiyaa hawaasaatiin, karaa appiiwwan ergaan ittiin dabarfamuutiin, geemiiwwan onlaayinii fi bakkeewwan interneetii biraa irratti kanneen raawwataman kan hammatuudha.

Miidhaan karaa arraabsootiin qaqabu kunis karaa interneetii ykn interneetiin ala qaqabuu ni danda'a.

Yeroo tokko tokko ammoo namni karaa interneetiin nama arrabsu kan nama miidhamuun beekamu ta'u danda'a.

Karaa jireenya idileetiin wal arganii kan hin beekne garuu kan intarneetii irratti sirriitti wal beekan, nama karaa geemii ykn miidiyaa hawaasaa irratti wal beekaniin miidhaan kunirra gahu mala.

Namni miidhaa kana raawwatu yeroo tokko tokkoo kan maqaansaa hin beekamne ta'u danda'a.

Attamiin nagaan jiraachuun danda'ama

Dhaabbileen teknolojiifi to'attoonni yakka karaa intarneetii raawwatamu hir'isuuf hojjataa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbileen teknolojiifi to'attoonni yakka karaa intarneetii raawwatamu hir'isuuf hojjataa jiru

Balaa miidhaa toora interneetii irratti gahu kana hir'isuuf gorsi muraasni UNn kenname kunooti.

  • Waan kamiyyuu toora interneetii irratti maxxansuu ykn qooduun dura si'a lama yaadi – bara baraaf toora interneetii irratti turuun, booda si miidhuuf itti fayyadamuu danda'a ta'a.
  • Odeeffannoo toora interneetii irratti maxxansitu daangessi, keessumaa odeeffannoo dhuunfaa kan akka teessookee fi lakkoofsa bilbilaa hin qoodiin.
  • Hiriyyoota kee fi namoota beektu akka odeeffannoo dhuunfaa kee hin maxxansinee akeekkachiisi.
  • Eenyuu akkka odeeffannoo kee ilaauu, filannoowwan qabiyyee ugguruu/ dhoksuu dabalatee, waa'ee qindaa'ina iccitii appii miidiyaa hawaasaa keetii baradhu.
  • Akkaawuntii kee hundarraa bakka argama kee balleessi.
  • Akkaawuntiiwwan shakkisisaa ykn sodaachisaa ta'e gabaasa godhi.

Balaa yaaddeessaa

DHaabbanni Biyyoota Gamtoomanii miidha toora interneetii fi teeknooloojiin deegaramuun dubartootaafi shamarran irra gahu haala bu'a qabeessa ta'een ittisuuf adda ta'uu isaa fi dhiibbaa inni qaqabsiisu hubachuun murteessaadha jedha.

Qorannoon Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bara 2021 biyyoota Arabaa keessatti dubartoota irratti gaggeeffame akka agarsiisutti, bara sanatti dubartoota interneetii fayyadaman keessaa parsantaan 60 miidhaa toora interneetiif saaxilamaniiru.

Qorannoon Awurooppaa tokko ammoo, dubartoonni dhiirota caalaa toora interneetii irratti rakkinni isaan mudatu dachaa 27 yoo ta'u, xiinxalli biraa ammoo dubartoonni parsantaa 92 miidhaa toora interneetii irratti raawwatamu fayyaa isaanii irratti dhiibbaa hamaa akka qabu ibseera.

Dubartoon sochilee hawaasaa keessa beekaman, kanneen namoota siyaasaa, gaazexessitoonnii fi falmitoonni mirgaa keessumatti irratti xiyyeeffatameera.

Dubartoonni adii hin taanee, kanneen saalaa walfakkaatu leellisan, fi miidhamtoonni qaamaa sadarkaa olaanaan saaxilamo ta'usaanii UN ibseera.

Dhaabbatichi miidhaa dijitaalaa dubartootaafi shamarran irratti raawwatamu dhaabsiisuuf duula eegaleera.

Dula kanaanis mootummoonni odeeffannoo dhuunfaa akka ittisanii fi miidha dijitaalaa yakka akka taasiisaniif kan gaafatu yoo ta'u, dhaabbileen teknolojii jajjaboonis qabiiyyeewwan miidhaa qaqabsiisan akka haqaniif akeekkachiseera.