Tigraayitti namoonni hiriira nagaarratti hidhaman akka hiikaman Amnistiin gaafate

Naannoo Tigraayitti namoonni gaaffiisaanii karaa nagaan dhageessifachuuf ba'an hidhamuu fi reebamuu ilaalchisee gabaasonni ba'aa jiran akkaan isa yaaddessuu jaarmiyaan mirga namaaf falmu Amnistiin ibse.

Waraana waggaa lamaaf tureen dhiittaa mirga namoomaa kanneen raawwatan akka gaafatamanii fi gaaffilee biroo 38 qabachuun namoonni hiriira nagaa ba'an hidhaa, reebichaa fi doorsisaaf saaxilamuu Amnistiin gabaasa Jimaata (Fulbaana 08, 2023) baaseen ibseera.

Aanga'oonni mootummaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay namoota Kibxata darberraa eegalanii hidhaa jiran akka hiikan Amnistiin gaafateera.

Hiriirri aanga'oota naannochaan hin eeyyamamne gaggeeffamuu hordofee humnoonni nageenyaa naannochaa hiriira kana humnaan bittimsuun namoota dhibbaan lakkaa'aman hidhuu jiraattonni argan dubbataniiru.

Hiriira kanaan walqabatee hooggantoonni paartilee siyaasaa mormituu, barsiisonni Yuuniversitii Maqalee fi rogeeyyii hawaasa hedduun hidhamaniiru.

Amnistiin ibsa isaa keessatti humnoota nageenyaa hiriirtotarratti dararaa raawwatanirratti qorannoon dafee akka eegalu aanga'oota naannochaa gaafateera.

''Aanga'oonni bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay mirga lammiileen yaadasaanii karaa bilisa ta'een ibsachuuf qabanii fi mirga gurmaa'uu lammiilee kabajuu qabu.

Kun ammoo keessummaa naannoo reefuu waraanarraa dandamataa jiruuf baayyee murteessaadha,'' jechuun ibseera Amnistiin.

Naannoo Tigraayitti jijjiirama siyaasaa bu'uuraa fiduuf paartileen siyaasaa naannochaa Salsaayi Wayyaanee, Baayitoonaa fi Paartileen Bilisummaa Tigraay hiriira gaggeessuuf gaaffii dhiyeessan bulchiinsi yeroo naannochaa kuffiseera.

Bulchiinsi yeroo kun gaaffii nageenyaas ta'e gaaffii gosa kamuu dhiyeessuuf yeroonsaa amma miti jedhee ture.

Hiriirri nagaa kun aanga'oota mootummaarraa eeyyama argachuu baatus yeroo garaagaraatti gaggeeffameera, sababa kanaanis qaamoleen nageenyaa hiriira bittimsuun humna fayyadamanii kaan reebanii kaan hidhaniiru.

Hiriira nagaa paartilee siyaasaa mormitootaan guyyoota sadiif waamameen walqabatee magaalaa naannoo Tigraay Maqalee keessatti sochiin daldalaa gufateera.

Bulchiinsi bulchiinsa yeroo naannochaa Obbo Geetaachoo Raddaa ibsa tibbana kennaniin, ''hiriira nagaa eeyyamuu yookiin dhorkuu wanti jedhu akka hin jirre hooggantoota paartilee waliin dubbanneerra. Haata'u malee iddoo hiriiraa murteessuun itti gaafatamummaa paartilee miti,'' jedhan.

''Bu'uura seeraa isaanii ilaalchisee falmii keessa hin gallu jenneeti malee bar akkaataa seera boordii filannoo amma jiruun paartileen kunneen walga'ii mana keessaa yoo ta'e malee adda babayiitti ba'anii hiriira waamuuf mirga hin qabani,'' jedhan Obbo Geetaachoon.