Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyaa daa'ima garaa jiruuf haadha qofa osoo hin taane abbaanillee dhugaatii alkoolii dhiisuu qaba- Qorannoo
Qorattoonni waggoota 50 oliif yeroo garaatti baatan dhugaatii dhuguun miidhaa akka qabu gorsaa turan.
Dubartiin ulfaa tokko dhugaatii burcuqqoo tokko torbaniitti yoo dhugde guddina sammuu, boca fuulaafi amala daa’ima garaa keessaarratti dhiibbaa akka qabu saayinsiin ni hima.
Haadholiin dhugaatii alkoolii hangamiiti kan dhugan yoo ta’e miidhaa akka qabu ejjannoo barootaaf qabamedha.
Dhiibbaan qaamaa, sammuufi guddina waliin wal qabatee dhugaatiin alkoolii ijoolleerraan gahu kunis afaan Ingliziitiin ‘‘Foetal alcohol spectrum disorders (FASD)’ jedhama.
Kun rakkoo barachuu, dafanii afaan hiikkachuu dadhabuu, akkasumas rakkoolee amalaa kaan waliin wal qabata.
Haata’u malee, barootaaf dhugaatii haadhooliin dhugan attamiin daa’imman irratti dhiibbaa akka qabaatu malee, kan abbootii dhugaaniif xiyyeeffannaan osoo hin kennamiin tureera.
Oggeessi guddina xin-sammuu, Maayikil Goldiing, ‘‘waa’ee daa’ima godhachuu yoo qoratamu xiyyeeffannaan dubartoota irratti qofa ta’a ture. Waa’ee dhiirotaa baayyee hin qoratamne,’’ jedhan.
Waa’ee dhugaatii alkooliifi daa’immaniirratti qorannoon kan hojjatamu yoo ta’u, haadholiin tokko tokkos wayita ulfa turan dhuguu baatanis rakkoolee fayyaa dhugaatiin wal qabatan daa’imman isaaniirratti akka argan dubbachuu kaasa.
Haadholiin kunneen abbootiin warraa ykn dhiirri waliin jiraatan kan baayyee ‘‘alkoolii dhugan’’ ta’uu dubbatu.
Haata’u malee, haadholiin kunneen dhugaa turan ykn hin dhugne jechuun sobaniiru jedhamee yaadamaa ture.
Qorannoowwan dhiheenya kana taasifaman ammoo kana jijijiraniiru. Kanaanis haadholiin kunneen akka hin sobiin mirkanaa’eera.
Hangi qabiyyee alkoolii abbaan osoo ijoollee garaatti hin hafiin dura dhugaa ture, miidhaa ni qaqabsiisa jedhamee yaadamee hin beeku ture.
Qorannoon dhiheenya kana hojjatame akka agarsiisuutti ammoo, ijoolleen abbaansaanii dhugaatii alkoolii dhugan rakkoon fayyaa isaan mudachuuf carraansaa olaanaadha.
Qorannoo bara 2021 hojjatame tokkoon, haadha warraafi abbaa warraa Chaayinoota wallakkaa miiliyoonaa ta'an ka’umsa taasifachuun irraa ragaa walitti qaqqabametti, rakkooleen akka hidhiin baqaquu, dhukkubbii onnee fi dhukkuboota gara biraa kan dhugaatii abbootii waliin hidhata qabaniidha jedhameera.
Haadhooliin dhugaatii dhuguu baatanilleen abbootiin dhuguunsaanii dhiibbaa fayyaa qaba.
Chaayinaatti daa’imman rakkoo onnee qaban 5,000 kan rakkoo kana hin qabne 5,000 waliin yoo wal madaalchiifaman, ijoolleen abbaansaanii dhugaatii alkoolii dhugan dhibee onneetiif saaxilamuuf carraansaanii dachaa sadiin kan dabalu ta’ee argameera.
Abbootiin osoo da’imtii garaa haadha warraasaanii keessatti hin umamiin baatii sadiin dura kan dhugaatii alkoolii milii liitira 50 ol kan dhugan yoo ta’e, carraan daa’imman dhukkuba onneetiin qabamusaanii dabalee argameera.
Akkasumas, daa’imman rakkoon hidhiin baqaqu isaan mudate 164,151 keessaa 105 kan ta’an, abbootiinsaanii kan dhugaatii dhugan ta’uun argamaniiru.
Qorattoonni akka jedhanitti, dhiiroonni gara fuulduraatti abbaa ta’uu fedhan hanga dhugaatii alkoolii dhugan to’achuu qabu.
Maatiin dhugaatii dhuguunsaanii daa’imman yeroo dhalatanii kaasee dhukkubbiin isaan mudachuudhaaf gumaacha %31 taasisa.
Qorannoon gara biraa bara 2024 keessa hojjatame ammoo, abbootiin dhugaatii yoo dhugan, guddina ulfa garaa haadhaa keessarratti rakkoo akka umu agarsiiseera.
Dhukkubbiin daa’imman irratti mudates kan haala dhugaatii abbootii waliin wal qabatu qofaadha yknis carraa dhiibeef saaxilamu qabu ture? gaaffiin jedhu dhimma wal nama gaafachisuudha.
Oggeessoonni xin-sammuu akka jedhanitti, qabxileen qorannoowwan hubannoo keessa hin galchine tokko tokko jiru.
‘‘Haala soorata namootaa, sochii qaamaafi dhimmooti kaan hubannoo keessa osoo hin galliin kan hafaniidha‘‘ jedhu.
Abbootiin alkoolii dhugunsaanii fayyaa ijoolleerratti dhiibbaa qaba jechuudhaan kanneen dhugaatii hir’isan ykn miidhaansaa murtaa’aadha jechuun kan dhugaatii dabalan qorannicha keessatti hirmaachuu dhiisuu danda’u.
Qorattoonni hantuutarratti qorannoo gaggeessaniiru. Hangi dhiibbaan dhugaatiin ijoolleerratti qabaatu (FASD)n jalqabarratti safaranii ture.
Kana keessaas dhiphachuu ijaa, hangi mataa xiqqaachuun ni eeramu. Itti aansuunis hantuutoota bakka lamatti qoodan.
Garee tokko keessatti kanneen garaatti baataniif dhugaatiin kenname. Kan garee biraa keessaaf ammoo abbootiif dhugaatiin kenname.
Garee haadhooliin dhugaatii dhugaa turan keessatti dhiibbaa dhugaatiif (FASD)f saaxilamuun mul’ateera. Kunis bu’aa qorannoo kanaan dura turanirraa ka’uun eegamudhas.
Bu’aan garee haatiis abbaanis akka dhugan taasifame keessatti argame ammoo addadha. Boca fuulaafi haala guddina qaama waliigalaarrattis rakkoon mul’ateera.
Haalli qaawwa ilkaanii adda adda ta’uu, hangi ijaa garaagari ta’uufi rakkooleen gara biraa ijoolleerratti hubatameera.
Oggeessi xin-sammuu Maayikil, ‘‘barattoonni koo qorannicha irra deebiin akka hojjatanan itti hime’‘ jedhe. Ta’us bu’aan argatan wal fakkaataadha.
Bara kanatti ammoo qorannoo hantuutarratti hojjatan irratti bu’urreeffachuudhaan, waraqaalee qorannoo dhiibbaa fayyaa dhugaatiin abbootiin fayyaa ijoollee irratti qabaatu maxxansiisaniiru.
Hantuunni haatiifi abbaansaanii dhugaatii dhugan seeliin sammuufi tiruunsaanii saffiisaan yoo dulloomu hubataniiru.
Seelii qaamaa keessatti seeliiwwan humna kennan hojjii yoo dhaaban dhukkubbiin mudatu (mitochondrial Dysfunktion) hantuutawwan irratti mul’ate.
Hantuuta abbaa ykn haatii alkoolii dhugan irratti kun mul’atulleen, kanneen lamaan isaanii dhugan irratti ammoo miidhaan kun cimaadha.
Namoonni rakkoon fayyaa akkasiitiin qabaman kan siree mana yaalaa qabatan ykn carraan lubbuun jiraachusaanii kan namoota kaanii waliin wal biratti yoo ilaalame %42 kan ta’e sababii kanaatiin.
Qorannichaan boci fuula hantuutootaa kan murtaa’u hanga dhugaatii abbaan dhuguutiin ta’uun adda baafameera.
Oggeessi xin-sammuu ‘‘gaaffii abbootiin yoo dhugaatii dhugan ijoolleerratti dhiibbaa qabaataa? jedhuuf kallatiidhaan eeyyeen ykn lakkii hin qaqabsiisuu kan jedhu miti.
Ta’us hangi alkoolii abbootiin dhugan yoo dabalu miidhaansaa akka dabalu agarreerra‘‘ jedhan.
Qorattoonni gara biraa ammoo qorannoo hantuuta irratti hojjataniin, sababii dhugaatii abbootiin dhuganiitiin rakkoon fayyaa ijoollee akka mudatu adda baasaniiru.
Yunivarsitii Kaaliforniyaa Riivarsayid keessatti pirofeesara Xin-sammuu kan taate, Keelii Hafmaanis bu’aa wal fakkaatu argataniiru.
‘‘Kun kan ta’e daa’imman kallattiin dhugaatiif waan hin saaxilamneefiidha. Hantuunni abbaansaanii qofti dhugaatiin hin kennamne, kutaan sammuu ergaa dabarsu irratti haala addaatu mul’ata.‘‘
Amalliifi dandeettiin sochii qaama hantuutaa garaa gara ta’e argameera. Hantuuta abbootiin dhugaatiin kennameef deemuuf yoo rakkatan ykn socha’uu baruuf yeroo dheeraa yoo itti fudhatu hubatameera.
‘‘Kan baratan haala walfakkaatun miti. Kanneen abbaansaanii dhugaatiin kennameef suuta baru. Kutaan sammuu socha’uuf gargaaru ni harkiifata‘‘ jechuun ibsiti oggeettiin tun.
Ibsi saayinsii gochaa kan duuba jiru, jijjirama qaccee sanyii ‘epigenetics’ irratti mudate ta’uu dubbatu oggeessoonni.
Kunis jijjiraman kutaa seelii osoo jijjiramni qaamaa qacceesaaniirratti mul’atu kamuu hin jiraatiin mudatuudha jedhu.
Dhugaatiin ija sanyii dhiiraa irratti dhiibbaa gochuudhaan, sochii qaccee sanyii idileerratti dhiibbaa uuma. Kunis gara ulfaatti darba jechuudha.
Oggeessi xin-sammu Maayikil gamasaatiin, abbootiin yoo dhugaatii dhugan ija sanyii dhiiraarratti jijjiramni ni jiraata jedhu.
Kunis qaccee sanyii gara daa’imaatti darburratti jijjiramni akka jiraatu taasisa.
Tamboo xuuxuu akka fakkeenyaatti osoo fudhannee, dhibbaa ijoolleerratti qabaatu qorannoowwan mul’isaniiru.
Abbootiin tamboo xuuxan ijoolleen dhalchan rakkoolee fayyaa kan akka kaansarii dhiigaa, comaa olaanaafi kaan ni mudata.
Gara dhugaatiitti yoo dhufnes, dhiibbaa fayyaa abbootiin yoo dhugan kan qaqqabu caalaa yoo haadholiin dhugan kan dhufutu caala.
Hakimiin daa’immaniifi pirofessarri fayyaa daa’imaa, Elsaabeet Elyat, "alkooliin qaama haadhaa keessatti argamu kallattiidhaan karaa dhigaatiin gara mucaa garaa keessatti darba," jetti.
Kunis boca qaamaafi umamuu kutaalee qaamaa kan akka sombaa, onnee, ijaafi gurraa kan murteessu kutaa sammuu irratti dhiibbaa akka uumu kaafti.
Qorannoowwan hantuuta irratti hojjataman waliigalatti, kan hojimaata qaama ilmaan namaatiif hojiirra oolfaman waan hin taaneef, qorannoowwan dabalataa ni barbaachisu.
Ta’us, dhiibbaan sababii dhugaatii abbootiin dhuganiin fayyaa daa’imanniirratti qabaatu dagatamuu hin qabu jedhu ogeessoonni.
Hakimiin daa’immanii Elsaabeet akka jetutti, ogeessoonni fayyaa dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuu qabu.
Abbootiinis akkuma haadhooliin gorfaman dhugaatii akka hir’isaniif gorfamuu qabu jetti.
Hangamiin hir’isuu qabu? kan jedhu ammallee adda hin baane.
Ogeessi xin-sammuu Maayikil gamasaatiin, yeroo hunda alkoolii hin dhugiinaa jechuun gorsu. “Ijoolleen dhiiraa osoo gonkumaa alkoolii dhuguu baataniin gorsa‘‘ jedhan.
Dahumsaa waliin wal qabatee dubartootarratti dhiibbaan olaanaan akka taasifamu ibsuudhaan, “fayyaan dhiirootaaf gatii qaba. Fayyummaa daa’imaa eeguudhaaf itti gaafatamummaan kan haadoolii qofaa miti, kan abbaatiitis malee" jedhan.