Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoon Dawoo Arba Baabbilee mudachuun lubbuu namoota 16 fi arba 7 galaafate maali?
Rakkoon Dawoo Arba Baabbilee mudate lubbuu namoota 16 fi arba torbaa galaafachuu Dawoon Arba Baabbilee beeksise.
Hogganaan dahoo kanaa kan ta’an Obbo Baankii Buudamoo, ''Bara kana Dawoo Arba Baabbilee keessatti arba torba fi namoota 16’tu lubbuun darbe,'' jechuun BBC’tti himaniiru.
''Lafi Dawoo Arbaa harki 75 ol qubannaa seeraan alaafii qonna seeraan alaatiif oolee jira,'' jedhan Obbo Baankii Buudamoo
''Arboonni jireenyasaaniitiif yeroo socho’an, bakki jireenyasaanii namootaan weerarame waan jiruuf gara bakka jireenya uumataatti bobba’uutu mul’ate,'' kan jedhan hogganichi, kunis madda waldhabdee arba fi nama gidduu akka ta’e himan.
''Bara 2016 kana keessatti namoota 16 irratti miidhaan lubbuu gahee jira. Kanarraa ka’uun namoonni tokko tokko miira keessa galuun, kan biraa immoo ilkee isaa barbaaduun arbi 7 miidhaan irra gahee du’aniiru,'' jedhan.
Lakkoofsi namoota fi arba lubbuun darbee kan baroota darbaniirra dabaluu kan himan Obbo Baankiin, ''sababni lakkoofsichi ol ka’eef Dawoon Arba Baabbilee kallattii hundaanuu qubattoonni seeraan alaa itti seenanii, bosona mancaasanii qonnaaf olchaa waan jiraniifi,'' jedhan.
Yeroo ammaattis abbootiin warraa 7000-8000 ta’an Dawoo Arba Baabbilee keessa seeraan ala qubatanii akka jiran himaniiru.
Kana malees maddawwan bishaanii arbi bishaan irraa dhugu goguu isaaniitiin arbi bishaan barbaacha dawoo keessaa gara aanaalee ollaatti socho’aa turuu himan.
''Waan uumamaan dawoo ofii keessatti dur argataa ture amma mancaatiin bal’inaan waan gaggeeffameef burqaafi laggeen inni fayyadamu jalaa waan gogeef jecha bakka jireenya uumataatti dhiibbaa geesisaa jira,'' jedhan.
''Qubannaan seeraan alaa hammaatera''
Gaaga’ama lubbuu namootaafi arbaaf ka’umsa kan ta’e qubannaan seeran alaa Dawoo Arba Baabbilee keessatti hammaachuusaa Obbo Baankiin himu.
Rakkinichis ammatti babal’atee humna isaaniitii ol akka ta’es dubbatan.
Yeroo ammaas lafa Dawoo Arba Baabbilee Km2 6,982 bal’atu keessaa harki 75 ol qubannaa seeraan alaafii qonna seeraan alaatiif ooluu himan.
Mootummaan kanaan dura uummanni bosona keessa qubate akka bahu kallattii kaa’ee akka ture kan yaadachiisan hogganichi, murtichi qixa sirriin akka hin raawwatamnes dubbatan.
Dhimmi yeroo dhiyootii as yaaddessaa ta’emmoo mancaatiin maashina gurguddaan deeggarame raawwatamuusaa akka ta’es Obbo Baankiin himu.
''Bara kana baay’ee adda kan godhuufi baay’ee sodaachisaa kan ta’e 'doozarii' galchanii doozariidhaan mancaasuun kunis jalqabamee jira. Kunis dawoon kun yeroo gabaabaa keessatti akka dhabamuuf sababa ta’a jennee sodaa guddaa qabna,'' jedhan.
Gochaan kun aanaalee sadi: Baabbilee, Fadis fi Baabbilee (naannoo Somaalee keessatti kan argamu) keessatti raawwatamuu kan himan hogganichi, ammatti qindoomina qaamolee garagaraatiin gochichi akka dhaabbatu taasifamuu dubbatan.
Qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran dhimmicha dhimma ofii gochuun itti gaafatamummaan hojjechuurratti hanqinni jiraachuu kan himan Obbo Baankii Buudamoo, ''Gochaa badii namoonni gaggeessan dhaabsisuuf abbummaadhaan hogganuu dhabuun bal’inaan jira,'' jedhan.