Dahoo Arbaa Baabbilee irraa lafti kutamee qonnaaf kennamuun mufii kaase

Dahoon Arbaa guddichi Itoophiyaa Godina Harargee Bahaatti argamu- Paarkiin Baabbilee walakkaan qoodamee invastimantii qonnaaf kennamuun mufii kaase.

Sambata darbe toora sa'aatii shanii abbootiin qabeenyaa eeyyama argachuu himatan doozarii qabatanii dahoo arbaa kanatti seenuuf wayita yaalan eegdota paarkichaan dhorkamuun walitti bu'iinsi mudatee ture.

Sababa kanaan eegdonni mootummaan ramade, reenjeroonni uffata seeraa uffatan reebichi irratti raawwatamuu himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa gara paarkichaa seenuu dhorkaman qaamolee nageenyaa qabatanii deemuun reebicha kana kan raawwatan yoo ta'u, dabalataan eegdota dahoo kanaas hidhanii turan.

Namoonni BBC'n dahoo kanarraa dubbise eegdonni gaafa Sambataa hidhaman Wiixata (Hagayya 28, 2023) gadhiifamuu BBC'tti himan.

Walitti bu'iinsa kana boodas abbootii qabeenyaa kunneen duubatti deebisuun akka hin danda'amneefi wayita gabaasa kana qindeessinutti doozariidhaan dahoo arbaa kanatti duuluun saffisaan qotiisa akka jalqaban kanneen ijaan argan BBC'f ibsaniiru.

Eegdota dahoo kanaa keessaa kan ta'an Obbo Adam Mahammad mootummaan naannoo kan federaalaa waliin dubbachuun gocha kana hatattamaan dhaabsisuu qaba jedhan.

'Iddoo jireenya arbaaf murteessaa ta'e qabatan'

Dahoo arbaa Baabbilee bal'ina kaaree kiiloomeetira 6980 qabu kana keessaa iddoon abbootiin qabeenyaa qotuu eegalan kallattii kaaba paarkii kanaatti kan argamu bakka Sulula Eerar jedhamuun beekamuudha.

Obbo Ahmad Mahammad akka ibsanitti ammoo guutummaa dahoo kanaa keessaa bakki qotamuu eegale kun akkaan murteessaadha.

Bakka walhormaataa fi sochiin arbaa itti heddummaatuudha waan ta'eef jiruu fi jireenya arba dahoo kanaa balaarra kan buusuudha jedhan.

''Jiruu fi jireenyi arba dahoo kanaa dhibbeentaa 75 iddoo qotamaa jiru kanarratti kan bu'uureffateedha. Sululli Eerar hin jiru taanaan arbi Baabbilee jiraachuu hin danda'u. Furmaata hatattamaa barbaada kan jennuufis kanaafi,'' jedhu Obbo Adam Mahammad.

Paarkii kana keessa abbootiin warraa kuma 40 ta'an qubachuun walqabatee egereen arba Baabbilee yaaddoo keessa galeera.

Abbootiin qabeenyaa kunneen lafa dahoo arbaa kana qonnaaf, horii furdisuu fi misooma kanniisaaf barbaadu.

Dacheen kun waggaa 50 darbeef eegumsa mootummaa jala waan tureef biyyee gabbataa fi qabeenya uumamaa hin tuqamneen kan badhaadheedha.

Akkasumas handaara lagaa waan ta'eef bishaan salphaatti argatu, haalonni kunneen abbootiin qabeenyaa akka dachee kanarratti cichan taasisaniiru.

Lafa abbootiin qabeenyaa qabatan kanarraa namoonni buqqa'an waan hin jirreef beenyaa kaffaluuf maallaqi baasan hin jiru, kunis akka abbootiin qabeenyaa lafa kanarraa duubatti hin deebine sababa ta'eera.

Haata'u malee qotiisa dabalatee sochiin gosa kamuu paarkii kana keessatti raawwatamu jireenya arbaa irratti miidhaa kallattii akka qabaatu himan eegdonni.

Kanaan dura Mana maree bakka bu'oota uummataatti koreen dhaabbii dhimma daldalaa fi tuurizimii dahoo arbaa kana keessaa dhibbeentaa 75 kan ta'u gara ooyiruu qonnaatti jijjiiramaa jiraachuu kaasee ture.

Itoophiyaa keessaa paarkiin dahoo arbaa isa guddaa ta'e kun dahoo arbaa ta'uun cinaatti bineensota hoosiftuuwwan 30 akkasumas gosa simbirrootaa Itoophiyaa keessatti qofa argaman 220 of keessaa qaba.

Paarkiin kun naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaatti kan argamu yoo ta'u, aanaalee naannoo Somaalees ni daangessa.

Paarkiin kun yeroo baayyee qotiisaa fi iddoo dheedumsa horiif jedhamee rakkoon irra ga'a, akkasumas bosona paarkichaa ciranii fayyadamuuf namoonni miidhaa geessisaa turaniiru.

Yeroo dhihoo as ammoo lakkoofsi namoota daangaa paarkichaatti seenuun jiraachuu eegalanii heddummaateera.

Qubattoonni dahoo arbaa kana keessatti heddummaachuurraa kan ka'e arbi hedduun dheessee dahocha keessaa miliqaa jiraachuu eegdonni BBCn dubbise ibsaniiru.

Obbo Adam Mahammad, ''paarkichi dallaa hin qabu. Bal'ina waan qabuuf dalleessuunis waan danda'amu miti. Garuu daangaasaa sirriitti beekama. Kaartaa seera qabeessa qaba. Daangaa kana darbanii qotaa jiru,'' jedhan.

''Eegdota keenyaan 'maaltu isin galche' jechuun reebaniiru. Poolisiin Harargee Bahaa hidheera. Qondaaltota poolisii fi bulchiinsa godinaa waliin dubbaneeti kan ijoollee keenya hidhaa keessaa baasifne,'' jedhan Obbo Adam.

Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineensota bosonaa maal jedhe?

Dhimma kanarratti kan dubbisne Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Biyyaalessaatti Hoogganaan Paarkiiwwan Biyyaalessaa Dr Adaanee Tsaggaayee, bakki kun isaaf kennamuu kan himatu dhaabbata 'Sitii Appilsi' jedhamu ta'uu ibsan.

Lafa kubbaaniyyaan kun misooma qonnaaf kennamuufii himatu keessaa hektaara 160 kan ta'u daangaa dahoo arbaa Baabbilee keessatti argama jedhan qondaalli kun.

Lafti abbootii qabeenyaa kunneeniif kenname daangaa paarkii kanaa keessa akka oolu abbootiin qabeenyaas qondaaltonni mootummaa naannoo kanaas beeku kan jedhan Dr Adaaneen, paarkicha keessa seenuun qotuun akka hin danda'amne itti himamee, hojiin kun yeroof ittifamee akka ture ibsaniiru.

''Abbootiin qabeenyaa kunneen namoota miseensota raayyaa ittisaa ofiin jedhan qabatanii deemuun meeshaa waraanaan eegdota sodaachisanii gara magaalaa Harar geessuun hidhaniiru,'' jedhan Dr Adaaneen.

Bakki kun yoo misooma qonnaaf kenname lafti hektaara 160 ta'u paarkicharraa hir'achuu qofa osoo hin taane jireenya arbaa irratti balaan qaqqabsiisu salphaa miti jedhan.

Bakki abbootiin qabeenyaa itti cichan kun iddoo lagi jiruu fi hoomaan arbaa hundi bishaan dhugan waan ta'eef bakki kun jalaa qabamnaan arbi jiraachuu hin danda'u jedhan Dr Adaaneen.

''Bakka arbi bishaan keessaa dhuguu fi walhormaataaf fayyadamu- iddoo murteessaa waan ta'eef bakki kun jeeqame jechuun dahoon Baabbilee guutummaatti jeeqame jechuudha.''

Miseensonni raayyaa ittisaa eegdota paarkichaa reebuu fi hidhuudhaan himatamuun walqabatee kan gaafataman qondaalli kun, ''hanga ammaa miseensi raayyaa ittisaa gocha kana keessatti hirmaate jiraachuu odeeffannoo hin qabu,'' jechuun deebisan.

Yeroo mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta'uun hojiiwwan hedduu hojjetaa jiranitti taateen akkasii mudachuun akka isaan riaasise ibsan qondaalli kun.

Tarkaanfiin tasaa fi haala rifaasisaa ta'een eegdota dahoo arbaa Baabbilee irratti fudhatamee fi walii galatti rakkoon kun akkamiin uumamuu akka danda'e hubachuuf mootummaa naannoo Oromiyaa waliin hojjechaa jiraachuu BBCtti himan Dr Adaaneen.

Bara 1962 kan hundaa'e dahoon arbaa Baabbilee paarkiiwwan arbaa Afrikaa keessatti adda durummaa maqaansaanii ka'an keessaati.

Sanyiin Arbaa adda ta'e paarkii kana keessatti argamuun cinaatti bineensoti hoosiftoota ta'anii fi simbirroonni Itoophiyaa qofa keessatti argamanis paarkii kana daheeffatanii jiru.