Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan akkamiin waggaa 32 booda Shaampiyoonaa Addunyaatii warqii malee galte?
Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan, Tookiyootti torban tokkoof dorgomamaa ture guyyaa har'aa xumurameera.
Gareen Atileetiksii Itoophiyaa atileetota 36 qabatee deeme hanga yoonaa medaaliyaa warqii injifachuu hin dandeenye.
Qabxiin guddaa galmaa'e medaaliyaa meetiidha.
Dorgommiin Itoophiyaan warqii fiduuf carraa itti qabdu, fiigichi 5,000m dhiiraa Dilbata waaree booda dorgomamee ture.
Ta'us, hin milkaa'iin hafaniiru.
Atileetiin Ameerikaa Kool Hookar 1ffaa, atileetiin Beeljiyeem Isaak Kimeelii 2ffaa, kan Faransaay Jiimii Gireesiyeer 3ffaa bahe.
Atileetiin Faransaay 10,000m'n kan shaampiyoonaa turedha.
Itoophiyaarraa atileet Biniyaam Mahaarii 5ffaa, Hagos G/Hiywat 13ffaan xumure.
Itoophiyaan erga Shaampiyoonaa Atileetiksii bara 1993 as yeroo jalqabaaf warqii malee galuun ishee mirkana ta'eera.
Faallaan morkattuun bara dheeraa Itoophiyaa, Keeniyaan, guyyaa xumuraa warqii 7ffaa ishee injifatteetti.
Tarii shaampiyoonaa guddoo itti milkoofte keessaa isa ijoo ta'uu danda'a.
Itoophiyaan immoo shaampiyoonaa Tookiyoo kanarratti meetii lamaafi nahaasa lama horatte.
Medaaliyaa afran keessaa sadii dubartootaan galmaa'e. Tokko dhiiradha.
Itoophiyaan waggoota muraasa darban qabxiin wal dorgommii idil-addunyaarrattii galmeessitu hamma abdatame ta'u dhabuun mufii uumeera.
Olompikii Tookiyoorratti akkasumas Olopmpikii Paaris irrattii qabxiin galmaa'e mufii uumee ijoo dubbii biyyattii ta'ees ture.
Haa ta'u malee, rakkoon bubbuleefi furmaaata hin argatiin hiree atileetotaa, leenjisaafi biyyaa balleessuu itti fufeera.
Shaampiyoonaa baranaarratti Itoophiyaan maaraatoonii dubartootaan Tigist Asaffaan meetii injifatte.
Fiigicha 10,000m dhiiraan Yoomiif Qajeelchaanis meetii mo'ate.
Fiigicha 10,000m dubartootaan Budaapestitti shaampiyoonaa kan turte Gudaaf Tsaggaay, Tookiyootti sadaffaan xumurte.
Fiigicha 3,000m gufachiisaan immoo Simboo Alamaayyoo nahaasa argatte.
Maaraatoonii dhiiraan atileetonni Itoophiyaa sadanuu dorgommii hin xumurre.
Fiigicha 3,000m dhiiraan abbaan rikardii addunyaa Lammeechaa Girmaa Dohaa, Oregoniifi Budaapestitti meetii mo'atee ture.
Barana garuu Tookiyootti medaaliyaa keessa seenuu hin dandeenye.
Fiigicha 800m dubartootaan atileetiin abdatamteefi Olompikiittis meetii argatte Tsiggee Dhugumaan gulaallii darbuu hin dandeenye.
Fiigicha 5,000m dubartootaan immoo Gudaaf fa'i hirmaatanis medaaliyaa keessa seenuu hin dandeenye.
Sababa kanaaf Itoophiyaan dorgommiin tokkichi medaaliyaa warqiii itti eegdu tokko qofadha.
Inniis fiigicha 5,000m dhiiraan Dilbata waaree booda dorgomamuudha.
Dorgommii kanarratti morkataan isaanii cimaa Joshuwaa Cheptegee hin jiru. Ta'us, atileetonni Awurooppaafi Ameerikaa dorgomtoota cimoodha.
Itoophiyaarraa Biniyaam Mahaariifi Hagos G/Hiywat ni dorgomu. Hagos muuxannoo waggaa dheeraa qaba.
Shaampiyoonaa Budaapest irratti jahaffaan xumure. Yeroos kan injifate atileetiin Noorwey Jaakob Ingibiristan har'as morkataa cimaadha.
Atileetiin Ameerikaa Giraant Fiishar, atileetiin Faransaay barana 10,000m warqii injifate Jiimii Gireesiyar ni dorgoma.
Keeniyaarraa dabalatee walumaagalaa atileeetonni 16 medaaliyaaf wal morkatu.
Itoophiyaan barana Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarraa warqii malee yoo galte waggoota 32 booda yeroo jalqabaaf ni ta'a.
Itoophiyaan yeroo xumuraaf Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti hirmaattee warqii malee kan galte shaampiyoonaa bara 1991 Tookiyootti dorgomamedha.
Shaampiyoonaa Addunyaa 3ffaa yeroosiirratti Fiixaa Baay'isaan 5,000m'n meetii injifatee gale.
Bara 1993 eegalee garuu Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaatii warqii malee galtee hin beektu.
Shaampiyoonaa Istuutgaart irrati Atileet Hayilee G/Sillaaseen 10,000m warqii injifate. Fageenya 5,000m immoo meetii gonfate.
Fiixaa Baay'isaan immoo 5,000m'n nahaasa argatee ture.
Egaa waggoota 32 booda Itoophiyaan warqii malee galte jechuudha.