Egereen buufataalee waraanaa Raashiyaan Sooriyaa keessaa qabduu maal ta'a?

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin bara 2011 wal-waraansi Sooriyaa keessatti otoo hin eegaliin durallee aangoorraa kan fonqofaman Bashaar al-Asaad yeroo dheeraaf gargaaraa turan.

Fulbaana bara 2015 irraa eegalee garee hojjattoota humna waraana Raashiyaa guddaatu Sooriyaa keessa buufate.

Loltoonni kun biyyattiitti kan bobbaafaman bulchiinsa Asaad tiksuun, humnoota finciltoota irraa qolachuuf yaadameti. Raashiyaan buufataalee waraanaa lama Sooriyaa qabdi.

Buufataaleen waraanaa Raashiyaa gurguddoon lamaan - buufata humna galaanaarraa Tartuus fi buufata humna qilleensaa Himiyimim, kan Lataakiyarraa gara kibba bahaatti km 20 fagaatee argamu.

Amma Pirezedantiin duraanii Sooriyaa Asaad ofumaafu biyyaa baqatee, bulchiinsi isaas kufeera.

Miidiyaaleen Raashiyaa amma meeshaaleen waraanaa gatii qaaliin qaban, dooniiwwan, konkolaattotaa fi hojjettoota 7,500 ta'an akkam ta'u? jechuun gaafachaa jiru.

Hojjettootaa fi meeshaaleen waraanaa hangamitu achitti hafe kan jedhu jedhurratti tilmaama garaa garaatu jira.

Raashiyaan haala saffisaan jijjiramaa jiru kana keessatti meeshaalee kana eeguufi akkam gochuu akka qabdu rakkiseera.

Raashiyaan buufataalee Tartuus waliigatee liizii waggaa 49 turu fi maadhee humna qileensaa Himiyimim hanga bara 2066 itti gargaaramuuf bara 2017 Damaasqoo waliin waliigaltee liizii mallatteessiteetti.

Haata'u malee, amma to'annoo Raashiyaa jala turuu fi dhiisuu isaanii tilmaamuun rakkisaadha.

Hoggantoonni Raashiyaa buufataalee lamaan kanatti fayyadamuu ittifufuuf akka hin karoorfanne akeekan.

Wixata darbe Dubbi-himaan Pirezidaantii Raashiyaa Dimitiri Peeskov, Mooskoon egeree buufataalee Raashiyaa Sooriyaa keessa jiranirratti bulchiinsa haaraa Sooriyaa waliin akka mari'atan ibsan.

Dubbii Peskov irraa akka hubatamutti, hoggantoonni Raashiyaa egeree buufataalee Tartuus fi Latakiyaa jirurratti ammaaf hin murteessine, tarii loltoonni Raashiyaa biyyattii keessaa baasuuf qophaa'u malu.

Karoora Sooriyaa keessaa bahuu

Raashiyaan loltoota Sooriyaa keessaa baasuun hojii salphaa miti. Hojjettoota 7,500 ta'an malees, gareen humnoota Raashiyaa kun meeshaalee waraanaa baay'ee qaba, keessattu buufata humna qilleensaa Himiyimim keessatti meeshaalee waraanaa danuu qabu.

Meeshaaleen waraanaa kun konkolaattota waraanaa, sirna ittisa misaa'ela, meeshaalee ijaarsaa fi qabeenya biroos ni dabalata. Raashiyaan biyyatti keessaa waan qabduu baasuu yoo eegalte ifatti mul'ata jechuudha.

Gabaasonni waggoota darban keessa bahan akeekanitti, gareen waraana Raashiyaa Sooriyaa keessa maadheffate taankii waraanaa gurguddoo akka qabu akeeku.

Taankonni kun xiyyaarota Raashiyaa gurguddoo An-124 jedhamuun Himiyimim irraa fe'amu.

Raashiyaan hojjettoota ishee Himiyimim keessaa atattamaan baaafachuu yoo jalqabde, yeroo baayyee gabaabaatti baasuuf balalii xiyyaarota An-124 fi Il-76 jedhamanii si'a dhibbaan lakkaa'amu barbaachisuu mala.

Gama biraatiin karaan galaanaarraan buufata Tartuus geessu salphaa hin fakkaatu.

Dooniin meeshaalee fi h namoota danuu fe'uu danda'a, garuu ulaa Boosfaras fi Dardanelles jedhamaniin Turk keessaa qaxxaamuranii gara Galaana Gurraachaatti darbuu hin danda'an.

Raashiyaan biyya Yukireen weeraruu hordofuun, Turki dooniiwwan waraanaa Raashiyaa fi Yukireen daangaashee keessa akka hin qaxxamurre ulaa kana cufte.

Ulaan kun cufamuurraa kan ka'e Raashiyaan dooniidhaan Tartuus keessaa bahuuf yoo haala mijeessite, karaa dheeraa imaluun Galaana Meditiraaniyaanii, ulaa Jibilaatar qaxxaamuruun Awurooppaatti naanna'uun, karaa Galaana Noorweey fi Baarentsi gara Galaana Baaltik ceeti.

Raashiyaan humnoota ishee Sooriyaa keessaa baasuuf yoo murteessite, hojiin kun baasii guddaa biyyattii baasisuuf deema.

Raashiyaan buufataalee waraanaa Sooriyaa keessa dhabuun maal akeeka?

Buufanni waraanaa Raashiyaan Sooriyaa keessa qabdu bulchiinsa Pirezedant Asaad deeggaruun olitti Raashiyaas fayyadeera.

Buufanni waraanaa kun waraanni Raashiyaa Baha Giddugaleessaa keessa akka turu mirkaneessan, kana malees meeshaalee waraanaa fi loltoota gara Afrikaatti fiduuf haala mijeesseef.

Raashiyaan yeroo dhiyoon as Afrikaattis of mu'isuutti jirti.

Mootummaan Raashiyaa garuu buufata Tartuus akka buufata waraanaa humna guutuu qabuutti akka fudhanne ibse. Raashiyaan buufata kana akka buufata suphaa doonii qofatti ibsa.

Garuu buufannii humni galaanaa Raashiyaa galaana Meditiraaniyaanii keessa akka jiraatuuf wabii ta'eera.

Buufanni humna qilleensaa Himiyimim garee loltoota qacaramanii Afrikaa keessa socha'an Waagner dabalatee hojii Raashiyaan Afrikaatti hojjattu hundaaf wiirtuu loojistikii ijoo ta'ee tajaajila.

Raashiyaan buufata kanatti fayyadamuuf bulchiinsa haaraa Sooriyaa wajjin yoo waliif gale waliigaltichi bifa haaraa qabaata.

Bulchiinsi Bashar al-Asad Raashiyaa fi waraanashee Sooriyaa keesssa maadheeffaterratti hirkatee ture. Amma, Mooskoon waan Sooriyaan feetu biraa kennuu qabdi.

Bara 2015tti Puutin loltoota Raashiyaa kumaatamaan lakkaa'aman bobbaasanii Asaad gargaaruun Raashiyaan humna addunyaarratti qabdu yaalan.

Raashiyaan Baha Giddugaleessaa keessa socho'uun biyyoota Lixaaf qormaata guddaa uumte.

Yeroo tokkotti ergamni Raashiyaa Sooriyaatti raawwattu milkaa'aa fakkaata ture. Amma, bu'aan Raashiyaan karaa waraanaa fi dippilomaasiitiin waggootaaf Sooriyaa keessa qabdu shakkii keessa seene.