MM Kanaadaa aangoo gadhiisan Jastiin Tiruudoo eenyutu bakka bu'uu danda'a?

Aanga'oota Kanaadaa Jastii Tiruudoo bakka bu'uu danda'u jedhaman keesaa

Madda suuraa, Getty Images

Hogganaa Paartii Libaraal Jastiin Tiruudoo aangoo akka gadhiisan ifa gochuu hordofee, taayitaan waggaa sagaliif ministeera muummee Kanaadaa ta'anis asumarratti waan xumurame fakkaata.

Kana jechuun paartiin isaanii filannoo dhufurratti hogganaa haaraa dhaabicha bakka bu'u barbaaduutu irraa eegama.

Yaadni sassaabame (opinion polls) akka agarsiisutti, paartichi filannoo dhufu sana mo'amuus mala.

Namootni dhuunfaa hooggansa Paartii Libaraal irratti dorgomuu danda'u jedhamee xiyyeeffannoon kennameefis kanneen aramaan gadditi.

Itti-aantuu ministira muummee duraanii Kiriistiyaa Firilaand

Itti aantuu ministira muummee duraanii Kiriistiiyaa Firilaandi

Madda suuraa, Reuters

Miseensi paarlaamaa Torontoo kan ta'an itti aantuu ministira muummee duraanii Kiriistiyaa Firilaand miseensota paartii Jastiin Tiruudoo keessaa beekamoodha.

Amma hogganaa aangoo gadhiise bakka bu'uuf dorgomtoota adda duree ta'an keessaa tokko ta'anii ilaalamu.

Yeroo dheeraaf akka harka mirgaa ministira muummeetti ilaalamaa turanillee, wal dhabdee waajjira ministeera muummee waliin isaan muudateen walqabatee baatii Muddee keessa aangoo gadhiisuu isaanii dhiyeessan.

Xalayaa hojii ishe gadhiisuu yeroo galchitu qeeqni ummata duratti Tiruudoo irratti dhiheessite dhiibbaan isarra ga'u dabalee aangoo gadhiisuun isaa waan hin oolle fakkeessera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haadha lammii Yukireen irraa dhiha Albertaatti dhalatte dubartiin ganna 56 Kiriistiyaa Firilaand osoo gara siyaasa hin seenin dura gaazexeessituu turte.

Bara 2013 mana maree bakka bu'oota uummataa kan makamt yoo ta'u, waggaa lama booda yeroo dhaabichi gara aangootti dhufu kaabinee damee daldalaa Tiruudoo ta'uun filatamte.

Yeroo Ministira Dhimma Alaa turanitti ammoo Kanaadaan Ameerikaa fi Meksikoo waliin waliigaltee daldala bilisaa irra deebitee akka mari'attu gargaaraniiru.

Boodarra itti aanaa ministira muummee fi Ministira Maallaqaa taatee muudamuun, dubartii jalqabaa bakka kana qabattee turte. Deeggarsa maallaqaa Kanaadaa yeroo weerara Covid to'ataniiru.

Ji'a darbe yeroo aangoo gadhiisuu ishee ibsiteetti, Tiruudoon doorsisa Doonaald Tiraamp meeshaalee Kaanaadaa irratti taarifa kaffalu ittisuuf cimaa ta'uu dhabuu isaaniin qeeqaniiru.

Deeggarsi cimaan Yukireenif taasisan namoota tokko tokko biratti jajamaniiru.Kanaanis tilmaamni bakka Jastiin Tiruudoo bu'uu kennameef guddaadha.

Bulchaa baankii giddugaleessaa duraanii Maark Kaarnii

Bulchaa baankii giddugaleessaa duraanii Maark Kaarnii

Madda suuraa, Getty Images

Tiruudoon tattaaffii dhiheenya kana ministeera faayinaansii gochuuf taasisan dabalatee,yeroo dheeraaf Maark Kaarnii kaabinee isaanii taasisuuf yaalaa akka ture dubbateera.

''Yeroo lammiileen Kaanaadaa siyaasa isaanii keessatti namoota gaarii barbaadanitti hojjetaa ajaa'ibaa ta'a,'' jechuun konfiraansii NATO baatii Waxabajjii bara 2024 irratti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.

Namni siyaasaa ganna 59, kun ji'oota darban keessa gorsaa addaa Tiruudoo ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, yeroo dheeraaf akka dorgomaa teessoo olaanaatti ilaalamaa turan.

Harvard irraa kan eebbifaman Kaarni, aangoo mootummaa qabatanii kan hin beekne ta'us, Baankii Kanaadaa fi Baankii Ingilaandi keessatti bakka olaanaa hojjachuun muuxannoo dinagdee cimaa qabu.

Ergamaa Addaa Haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta'uun dhimma eegumsa naannoo irratti gahee isaa bahateera.

Kaarni imaammata liberaal tokko tokko kan warra konsarvaatiivii biyyattii biratti hin jaallatamne babal'isuunis beekama.

Ministirri Geejjibaa Aniitaa Anaand

Ministirri Geejjibaa Aniitaa Anandi

Madda suuraa, Getty Images

Anaand yeroo baayyee miseensota paartii Liberal abdii guddaa qaban keessaa tokko ta'ee fudhatama.

Ogeettii seeraa ganna 57 kan taate Aniitaa Anaand, bara 2019 naannoo magaalaa Toroontoo Oakville bakka bu'uun filatamte.

Oksifoorditti kan baratte Anandi, imaammataa fi bulchiinsa gabaa faayinaansii irratti muuxannoo qabdi.

Yeroo weerara Kooviid itti gaafatamummaa tajaajila mootummaa fi bittaa kan turan yoo ta'u, kunis itti gaafatamaa talaallii fi meeshaalee ittisaa sochoosuu irratti qooda guddaa baatetti.

Waraana Yukireen Raashiyaa waliin taasiftu keessatti Kiyeev gargaarsa kennuuf tattaaffii Kanaadaan gootu hoogganuu fi rakkoo waraana Kanaadaa kan miidhaa saalaatiin qaqqabe furuuf bara 2021 ministeera ittisaa ta'uun muudaman.

Boodarra jijjiirraa kaabinee ji'a Muddee keessa taasifameen Ministira Geejjibaa fi Ministira Daldala Biyya Keessaa ta'uun muudamaniiru.

Firaankoos-Filiip Shaampaayin- Ministira Innooveeshinii, Saayinsii i Industirii

Firaankoos-Fiiliip Shaampaayin- Ministira Innooveeshinii, Saayinsii fi Industirii

Madda suuraa, Getty Images

Daldalaan duraanii kun ogeessa daldala idil-addunyaa yoo ta'u, ministeerota Libaraal dhaabicha hoogganuuf ilaalamaa jiran keessaa tokko.

Akka Ananditti yoo ilaalamu garuu adeemsi aangootti dhufuu isaa isuuta ture.

Fiiliip Shaampaayin kan ganna 54 bara 2015 paarlaamaa biyyattiitti kan makaman yoo ta'u, ergasii garuu daldala idil-addunyaa, dhimma alaa fi yeroo dhiyoo asitti ammoo kalaqa, saayinsii fi indaastirii irratti hojjechaa turaniiru.

Shaampaayin bulchiinsa Kuubeek irraa kan dhufe yoo ta'u, yeroo baayyee filannoo Kaanaadaa keessatti sagalee ishee barbaachisaa ta'e.

Hayyoonni tokko tokko oomisha Kanaadaa gurguruuf addunyaa irra naanna'uuf fedhii guddaa qabaachuu isaatiin "nama bakka hin bu'amne" jedhanii moggaasan.

Xiinxaltoonni siyaasaa ogummaa daldalaa isaanii irraa kan ka'e akka filannoo liberaalota giddugaleessaa tokkoomsuuf isaan xiyyeeffannoo keessa galchan.

Ministirri Dhimma Alaa Melaaniyaa Joolii

Ministirri Dhimma Alaa Melaaniyaa Joolii

Madda suuraa, Reuters

Akkuma Tiruudoo, Joliin naannoo Montriyaal bakka buti

Joliin amma waggaa 45yoo taatu , bara 2021 irraa eegalee hoggantoota biyyoota adda addaa waliin waltajjii addunyaa irratti Kanaadaa bakka bu'uun waan hirmaatteef fuulli ishee haaraa miti.

Ministira Dhimma Alaa ammaa ta'uun deeggarsa Kanaadaa agarsiisuuf yeroo baay'ee gara Yukireen imalteetti

Yeroo waraana Israa'elii fi Hamaas gidduutti godhametti gara Joordaan imaluun lammiilee Kaanaadaa naannoo sana keessaa baasuuf gargaarsa taasisaa turte.

Joliin ministeera dhimma alaa ta'uun isaanii kan dhufe rakkoo dippilomaasii hogganaa adda ba'uu Siik loltoota kiraa sassaabdota Hindiitiin Kanaadaatti ajjeefaman dabalatee rakkoolee gurguddoo imaammata alaa mootummaa mudate furuufi.

Namni siyaasaa Oksifoordiitti seera baratte kun kanaan dura kantiibaa magaalaa Montriyaalal ta'uuf dorgomaa turte.

Mootummaa federaalaaf dorgomuuf illee deeggarsa Tiruudoo irraa argatterti

"Yeroo yerootti 'Meelaanii dorgomuu qabda. Akka dorgomtu barbaanna' jedhee naaf bilbila," jetti Jooliin.

Hiriyoonniishee barruulee Kaanaadaa Maclean's jedhamutti akka himanitti, yeroo dheeraaf hoggansa Paartii Libaraal dorgomuuf hawwii guddaa akka qabdu himaniiru. Kanaanis bakka ministira muummee bu'uu akka danddeessutu eegama