Viizaa Kaanaadaa isiniif xumurra jedhamuun kanneen gowwoomfaman waan isaan mudate ibsan

Lammiin Keeniyaa Henrii Kaaturiimaa gara Kaanaadaa imaluuf wayita murteessu yaadasaa keessa kan ture hojii haaraa fi jireenya haaraa eegaluu ture.
''Baayyee abdadheen ture. Achi deemee dafee hojii eegala jedhee waanan yaadeef jireenyi kiyya saffisaan naaf fooyya'a jedhee yaadeen ture,'' jedhe.
Henriin hojjetaa mootummaa ture. Qorataa ta'ee hojjetaa ture. Garuu sababa hojiisaan Keeniyaa keessatti jireenya itti fufuuf waan yaadda'eef kana murteessuu hime.
''Bakkan deemee koolugaltummaa gaafachuu yaaduu eegale,'' jedhe.
Keeniyaa keessaa hatattamaan ba'uuf jedheetu qaama adeemsa imalaa raawwatuu fi maqaa Skypins Travel Agency jedhamuun beekamu dubbisuu eegale.
''Hojii sirrii waan hojjetan fakkaatu turan,'' jedha waa'ee dhaabbata kanaa wayita ibsu.
Jaarmiyaan imala namaaf mijeessu kun Ebla 2023 hojiiwwan Kaanaadaa jiranii fi maallaqa meeqa akka argamsiisan Henriitti mul'ise.
''Carraa gaggaarii fi hojiiwwan maallaqa dansaa argamsiisantu turan,'' jedha Henriin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sanada isaa jaarmiyaa kanatti galchee adeemsa viizaa eegalchiisuuf doolaara Ameerikaa 930 akkasumas baasiiwwan dabalataa viizaa xumursiisuuf barbaachisaniif doolaara 386 kaffale.
Jaarmiyichi maqaasaatiin akkaawuntii banuu fi inni garuu ilaaluun akka isaaf hin eeyyamamne dubbata.
Lammiin Keeniyaa gara jaarmiyaa Skypins deemte kan biraan Meerii jedhamti. Meerii (maqaanshee kan jijjiirame) jaarmiyaa imala mijeessu kana miidiyaa hawaasummaarraa argatte.
Hospitaala mootummaa keessatti narsii turte. Qormaata narsootaa idiladdunyaa fudhachuu mannaa karaa jaarmiyaa kanaa gara Kaanaadaa imaluun salphaa akka ta'uuf amanteeti kan isheen adeemsa kana eegalte.
Maallaqa jaarmiyaan kun gaafate kaffaluu waan dadhabdeef liqii fudhatte.
''Waliigaltee mallatteessine. Viizaaf doolaara 150, ejansiif ammoo doolaara 930 kaffale,'' jetti narsiin Keeniyaa kun.
Akkuma Henrii, Meeriinis akkaawuntii viizaa Kaanaadaa gaafachuuf maqaasheetiin baname akka ilaaltu hin eeyyamamneef.
Viizaa gaafachuuf gorsaanis ejensiinis hin barbaachisu

Madda suuraa, Henry Kathurima
Henrii fi Meeriin viizaaf kaffaltii duraa gaafatamuu fi akkaawuntii maqaasaaniin baname akka hin ilaalle dhorkamuun booda ejensiiwwan ijaan shakkiin ilaaluutu irra ture jedha Komishiniin Olaanaa Kanaadaa Keeniyaatti argamu.
Sagantaa Viizaa, tajaajila baqattootaa fi lammiilee Kanaadaa magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti argamu kan hoogganan Maariipiir Kootee ''namni kamuu kallattiin akkaawuntii banachuu fi adeemsa jiru hordofachuu danda'a. Ejansii ykn gorsaa akkaawuntii namaaf banee namaaf hordofu hin barbaachisu,'' jedhan.
Ejantoonni ykn bakka buutonni maqaa gaafattoota viizaan adeemsa viizaa kamuu raawwachuu akka hin qabne komishinii olaanaan Kanaadaa ni akeekkachiisa.
''Namoonni viizaa gaafatan odeeffannoo akkaawuntiisaaniirratti galchaniif itti gaafatamummaa ni fudhatu. Odeeffannoon sobaa yoo jiraate dhimma gaafattoota viizaati malee dhimma ejantootaa miti. Kanaafuu namoonni viizaa gaafatan odeeffannoo dogoggoraa sirreessuu qabu. Ejantoonni baayyee waliin dhahaa jiru,'' jetti Maariipir Kootee.
Henriin akka jedhutti ejansichi karaa sobaan maallaqi doolaara Kanaadaa kuma 40 ta'u akkaawuntii baankiisaarra akka jiru sanada agarsiisu qopheesseera.
Kun mataansaa yakka guddaadha. Sababa kanaaf mootummaan Kanaadaa Henrii viizaa dhowwachuun alatti waggoota shanan itti aananiif Kanaadaa akka hin seenne dhorkaa irra kaa'eera.
Kana malees Awustiraaliyaa, Niwu Ziilaand, UK fi Ameerikaa akka hin seennes dhorkameera.
''An sobuuf karoora hin qabun ture. Dogoggora uumaa yookiin waliin dhahaa jiraachuu kiyya hin hubannen ture,'' jedha.
Meeriin ammoo ''maqaa kiyyarratti maqaa akaakayyuu kiyyaa dabalanii gaaffii viizaa galchan. Ni sirreessina jechaa turan, garuu hin sirreessine,'' jette.
''Sanadi baankii isaan galchanis isan itti kenneen adda. Akkamiin akka argatan beekuu baadhus sanada baankii kiyya hin taanee fi dogoggora qabu galchan,'' jetti.
Gaaffiin viizaa ishee deebii gaarii akka argatu abdiidhaan eeggataa turte.
''Warri Skypins obsaan eeggadhu naan jechaa turan. Imbaasiirraa email na ga'a jedhee eeggadhus homaa naaf hin dhufne,'' jette.
Meeriin waggaa tokko booda akka gowwoomsamte barte.
Wayita Skypins gaafattu gaaffiin viizaa ishii akka kufaa ta'e itti himan.
BBCn komii Henrii fi Meerii qabatee gara jaarmiyaa imala mijeessu- Skypins jedhamutti hoogganaa kan ta'e Jeeniis Kiimootoo qajeele. Namni kun himata jaarmiyaasarratti dhihaate kufaa godhe, ni waakkate.
Jaarmiyichi calallii hojjettootaa jedhame akka hin raawwannee fi sadarkaa biyyaalessaattillee galmaa'ee akka hin jirre ibsuun, hojiinsaanii imalaaf haala mijeessuu fi daawwachiisuu akka ta'e, kanaafis biiroo tuurizimii biyyattiin beekamtii akka qabu ibse.
Dhimmi Henrii ilaalchisee ''dhimmicha quban qaba. Qaamni komii qabu kamuu kallattiidhaan dhaabbata keenya dubbisuu danda'a. Nuti kallattiidhaan maamiloota keenya waliin dubbanna,'' jedhe Jeeniis.
Waa'ee viizaa hojii gaafachuu fi adeemsa gaaffii viizaa keessatti sanadi dogoggoraa dhaabbata isaan dhihaachuu waakkateera.
Beeksisa miidiyaalee hawaasummaa

Kanneen dhaabbilee hojii isaanii miidiyaa hawaasaa irratti beeksisaniin maallaqa gowwomfaman Heenrii fi Meerii qofa miti.
BBC'n fuula miidiyaa hawaasaa dhibbaan lakkaa'aman argateera. Lammiilee Keeniyaa gara Kaanaadaa imaluu barbaadaniif filannoo hundarra gaarii ta'uu isaanii of beeksisu.
Fuulonni miidiyaa kunneen baayyinaan TikTok, Facebook fi Instagram irratti kan argaman yoo ta'u, irra caalaa namoota hojii barbaadan irratti xiyyeeffatu.
Akka Ministeera Immigireeshinii, Lammummaa fi Viizaa mootummaa Kanaadaatti, lakkoofsi ejensii goyyomsitoota viizaa sobaa Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti dabaleera.
Naayijeeriyaa, Taanzaaniyaa fi Yugaandaa keessatti lakkoofsi isaanii dabaleera.
Bara faranjootaa darbe kanatti iyyanni viizaa jiraattota yeroo Kaanaadaa gara 29,577tti dhihaatu lammiilee Keeniyaatiin kan dhiyaate yoo ta'u, isaan keessaa dhibbeentaan 47 viizaan kan kennameef yoo ta'u, kanneen dhibbeentaan 53 ta'an iyyanni viizaa isaanii fudhatama dhabee ture.
Namoota iyyanni viizaa isaanii fudhatama dhabe keessaa dhibbeentaan 14 odeeffannoo sirrii hin taane ykn sobaa dhiyeessaniiru.
Ji'oota jahan jalqabaa bara 2024 keessa lakkoofsi iyyannoo viizaa %8 gadi bu'eera. Iyyata jireenyaa viizaa yeroo kan Kanaadaa keessaa dhibbeentaan 26 odeeffannoo sirrii hin taane ykn sobaa dhiyeessuun akka kufu taasifameera.
Lakkoofsi kun kan bara darberraa dachaa lama dabaleera.
Rakkoon jiru viizaa dhorkachuu qofa miti.
Viidiyoonni bara darbe miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifaman lammiileen Keeniyaa bakka seenan dhabuun daandii Kanaadaa irratti mul'ataniiru.
Irra caalaan isaanii hojii arganna jedhanii abdachuun viizaa turistii yeroon gara Kaanaadaa kan seenanidha.
Hojii argachuu yeroo dadhaban koolugaltummaa gaafachuu malee filannoo biraa hin qaban turan.
Akka itti gaafatamaan qorannoo yakkaa Naayiroobii Benson Kasieki jedhanitti, ejensiiwwan sobaa kanneen qacarrii hojii ni argamsiifna jedhan irratti qorannoon geggeeffamaa jira.
''Komiiwwan 615 kan ejensiiwwan 263 ilaallatu nu qaqqabeere, Qorachaa jirra, Miidhaamtoonni, gara biyyoota akka Kanaadaatti isin geessina jechuun maallaqa isaanii gowwoomfamuu dubbataniiru. "Namoonni kun ejensiiwwan irraa sanada iyyannoo viizaa hin arganne, gara Kanaadaas hin deemne," jedhan.
Ejensiiwwan kunneen kessaa tokko tokko hojii dhaabuun yookaan maqaa isaanii erga jijjiiranii booda deebi'anii gabaa seenuun isaanii adeemsi qorannoo qormaata akka ta'u taasiseera.
Maallaqa sobaa
Heenrii fi Meeriin irra deddeebiin poolisiitti erga himanii iyyataniin booda, maallaqa kaffalan keessaa muraasa deebifataniiru.
Namni biraa BBCn dubbise Pool (maqaan isaa dhugaa miti) maallaqni isaa akka hin deebineef dubbateera.
Pool umriin isaa waggaa 37 dha, konkolaataa fe'umsaa fageenya dheeraa oofuun maallaqa gaarii argata ture.
Garuu hojiin kun, yeroo sararri baaburaa haaraan hojjetamu addaan cite.
"Hiriyaan koo hojii koo jijjiiruu akkan hin qabne natti hime. Kanaadaa fi Iraaq hanqina humna namaa waan qabaniif biyya lamaanuu dhaqee hojjechuu akkan danda'u natti hime. Namoonni hedduun konkolaachisaa konkolaataa fe'umsaa barbaadu naan jedhe. Sana booda gara dhaabbata beekamaa tokkootti na qajeelche,'' jedha.
Ejensichichi, gorsaa baqattootaa akka ta'e ibsuun of beeksisa.
Ejensichi konkolaataa fe'umsaa oofuun ji'atti doolaara Kaanaadaa 4,000 hanga 7,000 argachuu akka danda'u Poolitti hima.
Pool ejensichaaf kaffaltii kaffaluuf, qabeenya isaa gurguruu qaba ture.
''Baankiidhaa maallaqa hin qabun ture. Lafa koo gurguruutu narra ture,'' jedha.
Kaffaltii gatii xiyyaaraaf, viizaadhaaf fi kaanaadaatti bakka jireenyaa mijeeffachuuf ejensichaaf doolaara 5,454 kaffaleera.
Ejensicha waliin waliigaltee hin mallatteessine, Akkaawuntii sana ilaaluuf hin kennamneef. Adeemsa kana hunda kan to'atu ejensicha ture.
''Yeroo viizaa gaafatan herrega baankii agarsiisuu fi gaa'ela qabaachuu fi dhiisuu keessan ibsuun barbaachisaa ta'uu hubadheera, ejensichi garuu odeeffannoo kana na hin gaafanne,'' jedha Pool.
Dhuma irrattis Pooliif viizaan kennameefii imalaaf qophaaʼuu eegale.
Maatii isaatti nagaa dhaamee gara buufata xiyyaaraatti qajeele.
Yeroo buufata xiyyaaraa gahu garuu, dogongora adeemsa iyyannoo viizaa irratti uumameen mootummaan Kaanaadaa viizaa isaa akka uugure itti himame.
Irra deddeebiin ejensichi maallaqa isaa akka deebisuuf irra deddeebbin gaafatus hin milkoofne, dhimmichas poolisiitti gabaase.
Dhimmi kun poolisiin qoratamaa kan jiru ta'us, Pool haqaa eeggatu hanga ammaatti hin arganne.
''Hojii akkan argadhuu fi jireenya haaraa akkan eegalu waadaa naaf galamee ture, amma garuu waadaan naaf galame dhugaa hin taane, herrega baankii duwwaa qabadheen taa'ee jira.''












