Namichi Bitcoin dolaara biliyoona hedduu baasu saame hidhaan adabame

Addunyaarratti saamicha Kiriptookaarensii [maallaqa Kiriptoo] isa hundaa ol guddaadha jedhame daddabarseera kan jedhame lammiin Ameerikaa hidhaa waggaa shaniin adabame.
Namni maqaan isaa Iiliyaa Liikchinsitaayin jedhamu wagga darbe ture mana-murtiitti dhiyaatee yakkamaa kan ta'uu kan amane.
Waltajjiin irratti Kiriptookaarensii waljijjiiran Biitfaayineksi jedhamu bara 2016 butamee Bitcoin kuma 120 saamamuun isaa ni yaadatama.
Namni kun Kiriptoo hatame kana kan daddabarse haadha warraa isaa Heezer Morgaan waliin yoo ta'u, muuziqaa Hip Hop jedhamuun kan beekamtu haati warra isaa kun maqaa waltajjii Raazlikaan jedhamuun beekamti.
Bitcoin yeroo hatametti gatiin gabaarra ture dolaara miliyoona 70 ture. Haata'u malee, yeroo to'annoo jala oolfamre gara malee dabalee dolaara biliyoona 4.5 qaqqabeera.
Dhirsaafi niitiin kunneen yeroo to'annoo jala oolfamanitti Bitcoin gatiin isaa dolaara biliyoona 3.6 qabu qabamee ture.
Yeroo sanatti abbaan alangaa itti-aantuu US Liisaa Monaakoo seenaa ministeera haqaa Ameerikaa keessatti kun maallaqa guddaa to'annoo jala oolfamedha jechuun ishee ni yaadatama.
"Yakka kana fakkaatu raawwatanii osoo hin adabamiin hin hafan. Tokkoo tokkoon yakka raawwatanii waan hordofsiisu qaba," jechuun abbaan seeraa Kooliin Kolaar-Koteelii dubbataniiru.
Liikchiinsitaayin Guraandhala 2022 ture to'annoo jala oolfamee mana hidhaa kan gale. Namichi yakka raawwatetti gaabbuu isaa dhaddacharratti dubbateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabaluun hidhaa isaa xumuratee yeroo ba'u, dandeettii isaa fayyadamuun yakkawwan saayibarii ittisuurratti akka hojjetu waadaa galeera.
Haati warraa isaa Liisaa Morgaan maallaqa daddabarsuu keessa harkisaa akka jiru amantee yakkamaadha kan jette bara darbedha.
Galmeen mana-murtii akka agarsiisutti, Liikchiinsitaayil tekinooloojii baayyee cimaa fayyadamuun 'siistema' dhaabbatichaa keessa seenee maallaqa sana kan daddabarse.
Maallaqa sana erga saameen booda haadha warraa isaa waliin ta'uudhaan karaa wal xaxaa ta'e adda addaa fayyadamuudhaan daddabarsaa tureera jedha ibsi ministeera haqaa.
Namni kuniifi haati warraa isaa tooftaawwan itti fayydaman keessaa eenyummaa sobaa uumame, maallaqa sana gara Kiriptookaarensii garagaraatti daddabarsuufi saantiimawwan warqii bitachuun keessatti argamu.
Liikchinsitaayil Raashiyaatti dhalatee Ameerikaatti kan guddate yoo ta'u, maatii isaa waliin daawwannaaf yeroo deemetti namoota maallaqa isaaf daddabarsan argatee akka ture abbaan alangaa himeera.
Haati warraafi abbaan warraa kunneen wayita to'annoo jala oolfamanitti, maqaashee Hip Hop Raazilkaan jedhamuun kan beekamtu Liisaa Morgaan, maqaan ishee miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ta'ee ture.
Kiliippii viidiyoo sirba Hip Hop isheetiin ammoo akka "nama maallaqa guddaa hojjettu", akkasumas "Naacha Wool Istiriit" ofiin jechuun of jajji ture.












