Falmaan mirga namoomaa mootummaa Iraan mormuun of ajjeese

Kiyaanoosh Saanjirii

Madda suuraa, Getty Images

Namni Iraan keessatti mirga namoomaaf falmuun gurra guddaa qabu Kiyaanoosh Saanjirii mootummaa Iraan mormuun ofiin of ajjeese.

Qabsaa’aan mirga namoomaa kun bulchiinsa Ayaatolaa Alii Komaanii Iraan abbaa irreedha ittiin jedhu ifatti mormuun ture kan of ajjeesuun isaa dhaga’ame.

Namoonni siyaasaaf hidhaman afur hanga Roobii galgalaatti yoo kan hin gadhiifamne ta’e akka of ajjeesu miidiiyaa hawaasaarratti beeksisee ture qabsaa’aan kun.

Lubbuun isaa darbuu ammoo namoota michoota isaa ta’an akkumasaa mirga namoomaaf falmaniin ibsameera.

“Guyyaa tokko ummanni Iraan dammaqanii gabrummaa ni mo’atu” jechuun osoo of hin ajjeesiin dura miidiyaa hawaasaarratti barreessee ture.

Mootummaa Iraan cimsee qeequun kan beekamu Kiyaanoosh Sanjaarii, dimokiraasiif qabsaa'aa ture.

Osoo hin du'iin dura "namni kamiyyu sababa yaadasa ibsateef hidhamuu hin qabu. Mormii mirga Iraanota hundaati," jedheera.

Faatimii Sappihaarii, Naasiriin Shakiraamii, Tomaajii Saaliih, akkasumas Arsham Rezaay mana hidhaatii hin gadhiifaman taanaan "Mootummaa Komaaniifi michoota isaa mormuun ofan ajjeesa," jechuun fuula miidiyaa hawaasaarratti barreessee ture.

Afran isaanii kan hidhaman mormii dubartii umuriin ishee waggaa 22 taate Maasaa Amiin hordofee mormii ummataa mudate deeggaruu irrattihirmaachuu isaaniitiini.

Bara 2022 keessa Maasaa Amiin poolisoota naamusaa Iraaniin erga hidhamtee booda du'uushee hordofee Iraanitti mormiin ummataa mudatee akka ture ni yaadatama.

Kiyaanoosh Saanjiirii sababa sochii siyaasaatiin bara 1999 hanga 2007tti hidhamee ture.

Bara 2007 gaaffiin kolu-galtummaa isaa Noorwayitti fudhatama argateera. Isaan boodas Waashingiten DC'tti VOA Pershiyaatiif hojjeteera.

Bara 2016 maatii isaa waliin ta'uun gara Iraanitti deebiyeera. Hidhaan itti murtaa'ee mana-hidhaa Iviin keessatti waggoota 11'f hidhamee tureera.

Manni hidhaan kun ammoo bakka namoonni siyaasaa itti hidhamanidha.

Bara 2019 ammoo sababa rakkoo fayyaatiin wabiidhaan gadhiifameera. Gara wallaansa fayyaa sammuus akka geeffamu taasifamee ture.

Kiyaanosh miidiyaalee biyya keessaatiif akka ibsetti, dararaa elektiriikaan gubachuu fi sireerratti hidhamuun irratti raawwatameera. qorichi baayyeenis kennameeraaf.

Falmaan mirga yaada ofii ibsachuu Huseen Ronaagii fuula X isaarratti akka ibsetti, "Kiyaanoosh Saanjaa maqaa qofa miti. Mallattoo gidiraa bara dheera, goota duubatti hin jenneefi qabsaa'aa bilisummaati," jechuun barreesseera.