Biyoonseen badhaasa Giraamiif si’a 99 kaadhimamuun rikardii haaraa galmeessite

Biyoonseen si'a 99 Badhaasa Giraamiirratti kaadhimamuun rikkardii haaraa qabachuu qofa osoo hin taane, abbaa warraashees caalteetti

Madda suuraa, Getty Images

Weellistuun beekamtuu Ameerikaa, Biyoonseen seenaa Giraamii Awwaard [Badhaasa Giraamii] keessatti si’a 99 kaadhimamtuu ta’uun rikardii haaraa galmeessite.

Badhaasni Giraamii kan bara 2025 Sadaasa 8, 2024 yeroo ifoomsametti, Biyoonsee Noowuls damee 11n kaadhimamteetti.

Isheetti aanuudhaan tokkoo tokkoon isaanii gosoota torbaan kaadhimamtoota kan ta’an, Kendiriik Laamaar, Chaarlii Eksiieks, akkasumas Biilii Ayilish fa'i jedhameera.

Biyoonseen yeroo ammaa kanatti ogeessa muuziqaa kamiyyu caaluudhaan Badhaasa Giraamiitiif kaadhimamuutiin rikardii kan qabatte yoo ta’u, badhaasa muuziqaatiin olaanaadha kan jedhu ‘Albamii Filatamaa Waggaa’ kan jedhuun garuu hanga ammaa hin mo’atiin jirti.

Badhaasa Giraamii 67ffaa abbaan mo’atu kan baramu Guraandhala 2, 2025 ta’a.

Kaadhimamtoota Badhaasa Giraamii bara kanaa keessaa akaakuuwwan 11 kan kaadhimamte Biyoonseen abbaa warraashee Jay-Z caalteetti.

Haati warraafi abbaan warraa kun kanaan dura tokkoo tokkoon isaanii si’a 88 kan kaadhimaman yoo ta’u,amma Biyoonseen albamiishee ‘Cowboy Carter’ jedhuun akaakuuwwan 11'n kaadhimamuushee hordofee caalteetti.

Biyoonseen Badhaasa Giraamii bara kanaan akaakuuwwan ittiin kaadhimamte gosa albamii filatamaa, albamii muuziqaa dhimma hawaasaafi Texas Hold 'Em kanneen jedhaman hojiishee muuziqaa filatamoo bara kanaa keessa galaniiru.

Tarree kaadhimamtoota Badhaasa Giraamii bara kanaa keessa The Beatles albamii isaanii ‘Now and Then’ jedhuun albamii filatamaa bara kanaa keessa galaniiru.

Albamiin kun miseensa garee kanaa kan ture Joon Leenen yeroo lubbuun turetti hojii muuziqaa hin xumuriin ture tokko Artiifishaal Intelijensii fayyadamuun xumuranii akka itti dabalan himameera.

Biyoonseen Giraamii Awaard kana dhuunfaatiin si'a 32, Destiny Child waliin ta'uun ammoo si'a sadii mo'achuun badhaafamtuu olaantuu ta'uu dandeesseetti.

Biyoonseen bara kana gosa albamii filatamaatiin dorgommiin cimaan kan ishee eeggatu si'a afur albamii filatamaatiin mo'achuun maqaa gaarii kan qabdu Teeler Iswiiftirraati.

Teeler Iswiift fi Sabiriinaa Karpeentar

Madda suuraa, Getty Images

Teeler Iswiift hojii waltajjii dadhabsiisaa walitti aansitee addunyaarra naanna'aa osoo jirtuu albamii 'The Tortured Poets Department' jedhamu baasteen ramaddii albamii filatamaatiin kaadhimamteetti.

Albamiin muuziqaa Teeler Iswiifti gabatee muuziqaa Ameerikaa keessatti torbanoota 15f walitti aansuun dursaa kan ture yoo ta'u, ammallee Giraamii Awaard bara kanaarratti albamii filatamaatiin kaadhimameera.

Kun osoo kanaan jiruu pirezidantiin duraanii Ameerikaa Jiimii Kaarter kaadhimamaa Giraamii Awaard umuriin deeme ta'eera.

Pirezidantiin kun sababa yeroo umuriin isaa waggaa 100 ta'ee jiru kanatti kitaaba isaa sagaleetiin waraabamee rabsameen kaadhimame.