Miseensi mana-maree irra deebiin filatamuu waan dhabdeef miya mana fincaanii fudhatte deebiste

Madda suuraa, X/ Janaína Lima
Miseensi mana-maree magaalaa Biraaziil al lammata filamuu dhabde meeshaalee taa'umsa mana fincaaniifi gabatee sibilaa harka irratti dhiqatan fudhattee turte deebisteetti.
Viidiyoon hojjettoota Janaayinaa Limaa keessaa tokko meeshaalee kunneen yeroo fudhatan mul'isuu onlaayinii gadhiifame qeeqa kaase. Kunis yeroon tajaajilaa miseensa mana-maree magaalaa Saa'oo Pooloo kanaa dhumuun boodadha.
''Meeshaa qabeenya mataa kootiin waajira sanaaf hojjechiise deebisuuf murteesseera,'' jette miidiyaa hawaasaa irratti akkaan qeeqamuun booda.
''Akkuma beekamu anis tahe gorsitoonni koo meeshaa mana fincaanii kana hin barbaannu,'' jette.
Kaameeraan nageenyaa waajirichaa hojjettoonni ishee meeshaalee yeroo isheen hojii jalqabdu hojjetaman buqqaasan mul'iseera.
Ibsa miidiyaa hawaasaa irratti kenniteen Limaan yeroo manni fincaanii haarofamu qarshii ofiisheen waan hojjetameef kan mana marichaa miti jette.
Limaan gorsa waajira seeraa meeshaaleen dhuunfaan bitaman hundi kaafamu kan jedhuun hordofuun meeshaalee kana akka kaaste dubbateetti.
Miidiyaa Biraaziil G1 jedhamutti yeroo dubbatu teeknolojii bishaanii gamoo waajirashee waan salphaan kan baduu danda'u dha jette.
Kanaan alas waajiricha keessatti kutaan addaa addaa akka jiraatuuf meeshaa daawwitii galchuu akkasumas ibsaa sadarkaasaa eggate inni galchite nama itti aanee waajirichi qabatuuf akka hafe himte.
Limaan paartii Niiw Paartii jedhamuuf hanga Amajjii 1,2025tti tajaajilaa turte.
Dubartiin ganna 41 filannoo bara 2024'n aangooshee nama Leebar Paartii irraa dorgome Adriilees Joorgeef dhiiste.
Filatamaan haaraa Wiixata darbe yeroo simatamu hamma dubbiin furamutti mana fincaanii waloo fayyadamna jechuun miidiyaa G1tti hime.
''Yeroo waajiricha ilaale haala addaan ture kan ijaarame. Isheen garuu waan hunda fudhateetti,'' jedhe.
''Ta'umsa mana fincaaniifi gabatee harka irratti dhiqatanis fudhateetti. Akka fudhattuuyyuu otoo hin himiin fudhatte. Amma immoo dhimma ani gaafadhuufi isheenis natti himtu miti,'' jedhe.
Pireezidantiin mana marichaa Rikaardoo Teekseeriyaa, ''tarkaanfiin barbaachisaa ni fudhatama,'' jedheera.












