Miseensonni Paarlaamaa Senegaal dubartii ulfaa rukutan hidhaa buufaman

Madda suuraa, Dakaractu TV HD
Miseensonni Paarlaamaa Senegaal lama paartii mormituurraa filaman, falmii dhimma bajataa irratti miseensa paarlaamaa biroo ulfa taate waan dhiitaniif hidhaan baatii jaha itti murame.
Dubartiin ulfaa isaan rukutan tun akkuma isaanii miseensa parlaamaa biyyattiiti.
Miseensonni lamaan Aadde Ami Nidaaye irratti badii kana kan geessisan, erga dubartiin tun nama amantii beekamaa tokko qeeqanii boodadha.
Abbaan seeraa mana murtii Maammaduu Niyaangiifi Masaataa Saamb lama ta’anii Aadde Nidaayeef beenyaa dolaara 8,100 akka kanfalan muraniiru.
Taateen dubartiirratti miidhaa geessisan kun bal‘inaan kan balaaleeffatameefi waa’ee mirga dubartootaa irratti falmii kaaseera.
Viidiyoo onlaayinii qoodameen Obbo Saamb kallattiin gara Aadde Nidaayee adeemuun fuula keessa kabalan.
Eegasii Aadde Nidaayeen immoo aariin teessuma itti darbatan. Garuu yeroosuma sana garaa keessa miseensa paarlaamaa biraan rukutaman.
Yeroo kanatti miseensonni paarlaamaa biroo seenanii tasgabbeessuu yaalan. Eegasiis hidhamani.
Miseensonni parlaamaa Seneegal dubartii ulfaa rukuttan jedhaman hidhaman
Miseensa qindoomina paartii biyya bulchu kan ta’an Aadde Nidaayeen erga rukutaman paarlaamaa keessa of wallaalani.
Daa’ima isaanii jalaa miidhama jedhamee sodaatamees ture.
Hospitaala turanii bahaniis ammallee ‘’haala akkaan rakkisaa ta’e keessa jiru’’ jedhan abukaatoon isaanii Baabukar Siise AFP’tti yoo dubbatan.
Ragaan vidiyoo mul’isuus garuu miseensonni paarlaamaa lamaan Aadde Nidaaye hin rukunne jechuun mana murtii keessa waakkatan.
Dabalaniis, mirga himatamu akka hin qabne falmaa turan.
''Mana hidhaa keessa ta’anii ol iyyannoo dhiheessuu danda’u,’’ jedhan abukaatoo isaanii keessaa tokko Abdii Nar Nidaayee AFP’tti yoo himan.
Waggaa darbe mootummaan Senegaal filannoon erga sagalee gara caalu dhabee booda paarlaamaa biyyattii keessa muddamatu jira.












