Miseensi paarlaamaa qorichaan of wallaalchisanii miidhaa saalaa irra gahuu himatte

Biriitaanii Laawugaa

Miseensi paarlaamaa Awustiraaliyaa, Kuwiinslaand Biriitaanii Laawugaa qorichaan of wallaalchisuunii fi haleellaan saalaa irra gahuu himachuu hordofee poolisiin biyyattii qorannoo jalqabe.

Qondaalli minstirri ittaantuu Waajira fayyaa taate kuni lafa isheen uummata bakka buute Yeppoon jedhamutti halkan keessa haleelamuu himatte.

''Kuni nama kamirrayyu gahuu danda'a, haala nama gaddisiisuun ammoo baayyee keenyarra gaha,'' jette.

Taateen isheerra gahe kuni haleellaa dubartootarra gahuun mormii taasifameen booda mudate.

Aadde Laawugaan nama ganna 37 yoo taatu gaafa Ebla 28 buufata poolisii deemuun booda gara hospitaalaa akka dhaqxe himte.

''Qorannoon hospitaalatti taasifte qaamashee keessa qorichi akka jiruufi ofii garuu qorichi isheen fudhatte akka hin jirre himte,'' qorichi itti kenname dhiibbaa akka irraan gahe dubbatte.

Tajaajilli Poolisii Kuwiinslaand haleellaa saalaa iddoo Yeppoon jedhamutti mudate qorachaa akka jiru hime.

Aadde Lawugaan dubartooti biroo akkasuma qorichi isaaniif kennamuu himatan ishee quunnamuu dubbatti.

''Kuni waan homaa miti jennu miti. Magaala keenya keessatti sodaa qorichi nuu kennamaa ykn miidhaan saalaa nurra gaha jedhu otoo hin qabaatiin dhimma hawaasummaa raawwachuu qabna,'' jechuun booda ''qaamaafi miiraan fayyina argachuuf,'' yeroo akka barbaaddu himte.

Poolisiin naannichatii gabaasni wal-fakkaataa biraa hin dhufne jedhe. Tahus namni haalli wal-fakkaataa irra gahe odeeffannoo akka kennu gaafateera.

''Pooilisiin Kuwiinslaand dhugaatii namaatti qorciha naquun himannaawwan dhufan hunda itti dhimmamnee qorchaa jirra, yeroo baayyee balleessaawwan biroo kan akka haleellaa saalaa wajjin dhufu,'' jedhe.

Aadde Laawugaan paarlaamaa keessa waggaa 10 caala kan dabarsite yoo tahu, bara 2015tti ture teessoo Keeppeliif kan filamte.

Ministarri Tajaajila Manneenii Meegaan Iskaaloon himannaa miseensa paarlaamaa kanaa ''akkaan kan nama naasisu,'' jechuun miidiyaa Awustiraaliyaatti himan.

''Dubartoonni haleellaa saalaa naannoofi maatiidhaan gahuun saaxilamuun isaanii fudhatama hin qabu. Mootummaan keenyi dubartoota kunneen tiksuufi miidhaa saalaa hambisuuf waan danda'u hunda gochuu itti fufa,'' jedhan.

Awustiraaliyaan haleellaa saala bu'uura godhachuun namoota maqaa qabanirratti raawwatu argaa jirti.

Ebla darbe wiirtuu gabaa Sidniitti namoota jaha albeen waraanamanii du'an keessaa shan dubartoota yoo tahan, poolisiin namni haleellaa raawwate ''dubartoota miidhuurratti xiyyeefate,'' jedheera.

Ajjeechaan raawwachuun booda mormiin walitti fufinsaan adeemsifamaa ture. Haleellaan saala bu'uureffachuun taasifama muddama biyyaalessaatti akka labsamus gaafatachuun dabalataan seerri jabaan bahee dhimma kana akka dhaabsisus jedhaniiru.

Bara kana biyyattii keessa gidduugalaan guyyaa afur keessatti dubartiin tokko ajjeefamti.