Dubartiin biitkooyinii dolaara biliyeena 6 ol baasu hatte adabamte

Zhimiin Kiyaan

Madda suuraa, Metropolitan Police

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii hanna biitkooyinii irratti hirmaachuun adabbiin itti murame

Dubartiin lammii Chaayinaa taate biitkooyinii dolaara biliyeena 6.7 ol ta'u waliin dhahuun himatamte adabbiin itti murame.

Lammiin Chaayinaa Zhimin Kiyaan jedhamtu waliin dhahuu biitkooyinii addunyaarratti isa guddaadha jedhame raawwachuuni kan adabamte.

Zhiman Kiyaan waliin dhahuun kiriptoo karansii hangisaa guddaa ta'e seeran ala qabaachuushee amanteetti.

Bara 2014 hanga 2017tti garee hanna biitkooyinii Chaayinaa keessatti argamu kan dursite yoo ta'u, namoota 128,000 gowwoomsuun biitkooyinii irraa sassaabuu keessatti adda dureen hirmaachuu poolisiin UK beeksise.

Yakka karaa onlaayinii maallaqa waliin dhahuu guutuu addunyaarratti raawwatame kana keessatti dubartiin lammii Chaayinaa kun itti gaafatamummaa guddaa qabdi jedhame.

Poolisiin akka beeksisetti walumaa galatti biitkooyinii 61,000 isheen qabattee turte irraa fuudhera.

Dubartiin kun waggoota shaniif miliqaa erga turteen booda tattaaffii cimaa godhameen booda to'annaa jala oolfamte.

Zhimin Kiyaan sanada sobaa qopheeffachuun Chaayinaadhaa baqachuun UK kan galte yoo ta'u, maallaqa saamteen qabeenya bitachuuf yaalaa turte.

"Aadde Kiyaan yakka hojjachuushee amanuun namoota maallaqa isaanii saamamanii haqa dhabaniif boqonnaadha, gabaan kiriptookaransii baay'ee olka'uusaarraa kan ka'e, biitkooyinii ishee harkatti qabamee deebi'ee isaanif deebisanii kaffaluun ni danda'ama," jedhe poolisiin UK.

Bara darbe namni yakka biitkooyinii waliin dhahuu irratti Zhimin Kiyaan gargaaraa turte Jiyaan Ween jedhamtu hidhaa waggaa jahaan adabamtee turte.

Jiyaan maallaqa waliin dhahuun erga sooromtee booda mana xiqqoo wayii keessaa baatee battalumatti Landan keessatti manneen paawundii miliyeenan kireeffaman keessa jiraachuun shakkii uumee akka to'annoo jala galtu ishee taasise.

Akkasumas Dubaayitti qabeenya paawundii 500,000 baasuun bitachuunis shakkii biraa akka isheen to'amtee itti muramuuf sababa ta'eedha.

Mana jireenyaa qaalii Kaaba Landan keessatti Jiyaan Ween kireeffachuun keessa jiraataa turte

Madda suuraa, Crown Prosecution Service

Ibsa waa'ee suuraa, Mana jireenyaa Jiyaan Ween keessa jiraataa turte

Miidiyaan Chaayinaa Lifeweek jedhamu bara 2014 akka gabaasetti, lammiileen Chaayinaa heddu yeenii miliyeenan lakkaa'amu investimentii dubartiin yakka biitkooyiniin itti murame kun beeksisaa turtetti inveest godhanii turan.

Kaampaaniin Zyimin Kiyaan Chaayinaan wiirtuu faayinaansii fi teeknolojii akka taatu gargaaruu akka barbaadu beeksisuun namoonni heddu maallaqasaanii akka invest godhan hawwate.

Abbootiin qabeenyaa, hojjattoonnifi namoonni dhuunfaa qabeenyasaanii kaampaanii isheen beeksiftu kanatti invest akka godhaniifi bu'aa argatan jedhamuun duulli gaggeeffamaa ture.

Namoonni maallaqa isaanii baasan kun waan Zyimin Kiyaan waan beekan hin turre. Garuu isheen akka giiftii biizinasiitti beeksifamaa turte.

Dhumarratti namoota heddurraa biitkooyinii dolaara biliyeena 6.7 ol ta'u erga saamtee booda sanada sobaan Chaayinaa irraa gara UKtti baqatte. Boodarra poolisiin UK to'achuun mana murtiitti dhiyeessee adabbiin itti murame.