Meelaanii- dubartii qaama miidhamtuu jaalallee argachuf maallaqa kaffaltun wal baraa

Melaanii

Madda suuraa, MELANIE

Melaaniin dubartii miidhama qaamaa qabduudha. Sababii Covid-19n tibba namoonni hundi walitti dhufeenya hawaasummaan adda baafamanii turaniittis, Melaaniin waan tokko raawwachuuf ofisheef waadaa galte turte.

Innis yeroo Covid darbee mana baahuun hayyamamuutti, hojjettuu jaalallee barbaaddee durbummaa ishee keennuun miira qofummaafi jaalala dhabuu akka qaama miidhamtuutti itti umamee ofirraa ittisuu barbaade.

Kanaafis nama maqaansaa Cheeyis jedhamu filatte. Yaada kanas jalqaba kan dhiheesse hojjettuu deggersa Melaanii turte.

Wayita waliin adda baafamanii turaniitti, Tireesiin Melaaniidhaaf masaajii goteef.

Isaan dura karaa yaalaa alaatiin ala namni qaama Melaaniitti bu'e hin turre. Waggaa 43tti, kana caalaa akka barbaaddu hubatte.

Deggartuunshee Tireesiin (maqaa dhugaa kan hin taane) yeroo ta'eetti ofumaanu hojjettuu saalqunnamtii akka turtee fi tajaajilli dhuunfaa kanaaf filannoo yaaluu dandeessu akka ta’e yaada Melaniif dhiyeessite.

''Kunis ijakoo baneera,'' jechuun ture Melaaniin BBC Access All'tti kan himte.

Dhaabbata eegduu toora interneetii irrattis, piroofaayilli (seenaa duugduube) nama Cheeyiis jedhamu agarte jaalatte.

Gammachuudhaan beellama qabattes, haasaa yeroo jalqabaatiif gara mana jireenyaa isaa deemte.

"Yeroon wiilchariikoo irraa bu'eettis hojjettuun deggersakoo nu lamaan qofa dhiiftee deemte. Maal akka na eegu yaada tokkollee hin qabun ture."

Melaaniin eenyuu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Melaaniin wayita umurii waggaa sadiitti yeroo dhibee lagee dugdaatiin qabamushee adaa baafamee kaaftee wiilchariitti fayyadamaa turte.

Dhibeen kunis miila ishee akka laamsha'uufi harka ishees akka hin sochoone daangeffame taasiseera

Akka nama guddaatti hojii guyyaa guyyaa raawwachuufis nama ishee gargaarutti fayyadamti.

Jaappaan keessa jiraachuun hojjettee kan turte yoo ta'u, amma gulaaltuu viidiyoo taatee jirti. Haata'u malees, gonkumaa kan dhimma jaalalaatiin milkooftu ta'u yaadde hin beektu turte.

Addunyaan yeroo baayyee qaama miidhamtoota akka waan namoota fedhii saalqunnamtii qabaniitti hin fudhattu waan ta’ef, namoota biroof jaalala jalqabuufi wara kaaniitti of ibsuun sodaachisaa ta’u danda'a.

Melaaniinis akkamitti akka namatti dhiyaattu waan hin beekneef, akka waan carraatti dhiistee turte.

Cheeyiisif gaaffii erga karaa iimeeliin dhiyeessitee booda, innis akka sirriitti wal beekanii fi rakkoo mudachu maluu kamiyyuu irratti mari'achuuf bilbilaafi karaa viidiyoon yeroo hedduu mari'atan.

"Gaaffii miliyoona tokko gaafadheera," jetti Melaaniin: "Kana dura meeshaa namoota qaama miidhamtoota ta’an bakka tokko irra bakka biraatti dabarsuutti fayyadaman fayyadamtee beektaa?

“Bakki ati jiraatu wiilcheeriin ni dhaqqabamaa? Liftiin keessan yeroo meeqa isin jalaa bada?" "Ji'a jaha keessatti gara al tokko" jedhee deebise Cheeyiis.

Deebii Cheeyis kenne gaarii waan tureef, Melaaniin mana jireenyaa isaa keessatti beellama qabatte.

Lixa Awustiraaliyaa keessatti seera namoota hojii daldala quunnamtii saalaa irratti bobba'anii 2000 jalatti, hojii saalqunnamtii daandiirratti hundaa’e raawwachuun ykn mana quunnamtii saalaa geggeessuun seeraan dhorkaadha.

UK keessattis wal fakkaatadha. Mana quunnamtiin saalaa itti gaggeeffamu geggeessuun seera qabeessa miti.

Melaaniin mana Cheeyiis yeroo geessu, miira ddaatiin waan ta'u arguuf eegaa turte.

"Beekumsa saal-qunnamtii gadi fageenyaan waanan hin qabneef, ogeessa fuuldura koo dhaabatee jiru kanaan guutummaatti akka ajaa'ibaatu natti dhaga'ame jira."

Garuu beellamni sun akkuma jalqabameen, yaadni Melaaniitti dhufe.”

"Ani ogeettii qaama miidhamtootaa yoo ta'u, Cheeyiis garuu waa'ee isaa yaada tokkollee hin qabu ture. Wallaalummaa walii kolfaa turre. Sa'aatii lama booda hiriyyoota hunda caalu taane."

Waggoota jahaaf indastiricha keessatti kan hojjete Cheeyiis, maamiltoota haaraa ilaalchisee, yaadni jalqaba walitti dhufeenya walqunnamtii saalaa irraa rakkoo guddaa ta'uu dubbata.

Akkuma hariiroo walitti dhiyeenya kamitti "maaltu akka akka gaarii ta'e adda baasuu qabda," jedha.

Cheeyiis qacaruun dura, Melaaniin qaamni ishee bakka quunnamtii saalaatti maal itti dhagahamu akka danda'u irratti yaada omaatu hin qabdu turte.

"Gurbaa mana dhugaatii irraa dhufe tokko waliin gara manaatti deebi'ee wantoota namatti hin tolle, saaxilamoo fi nageenya hin qabne baruu hin barbaanne."

Kanaaf, Cheeyiis waliin gammachuu hedduu argachuu akka dandeessuufi of daangeessuu akka hin qabne hubatte.

Melaanii fi Cheyiis

Madda suuraa, MELANIE

Meelaaniin akka dubartii qaama miidhamtuu mana hin beekne keessa jirtutti, namoota baayʼee caalaa saaxilamti.

"Yeroo jalqabaaf qullaa dhiira fuulduratti ba'e, hospitaalaan alatti," jetti.

Kanaan dura namoota miidhaan qaamaa irra gahe waliin kan hojjete Cheeyiis, "bakka isheen to'annaa qabdu, bakka simannaa nageenya qabu umuun" waan dursa kennudha jedha.

Hir’inni qaamaa yeroo tokko tokko namoota qancarsuu fi muuxannoowwan namoonni kaan akka waan idileetti yaadan isaaniif akka waan hin malletti akka itti dhaga’amu gochuu danda’a.

Wal argaan walitti dhiyeenyaa dhiheenya kana godhame kun, Melaaniidhaaf jireenya ishee hunda keessatti humna guddaa argamsiiseera.

"Cheyiis filachu fi tajaajila kanaaf maallaqa kaffaluun, haalli kunin to’annaa koo jala akka jiru nan beeka ture. Cheyiis haala adda ta'een yoo na ilaale ykn waan natti hin tolle yoo hojjete akka dhaabu nan beeka ture."

Osoo sun ta'ee lammata akka beellama hin qabanne akka beektu dubbatti. Garuu baasii maallaqaatiin dhufa.

"Kumoota keessa jira," sa'aatii tokkoof gatiisaa gara doolaara Awustiraaliyaa 400 (£211) ta'a.

"Jaalalaan qabamuu dhiisuun rakkisaadha," jechuun Melaaniin amantee jirti." Garuu hariiroo ogummaa ta'uu isaa of yaadachiisuun qaba."

Melaanii fi Cheeyiis erga baatii Amajjii qabee wal argaa turanis, garuu ammoo innis walitti dhufanii saffisumaan kan mijatee quunnamtii saalaa raawwatan hin turre.

Ofitti amanamummaakoo baay’ee guddateera

Madda suuraa, MELANIE

Dandeettii isaa akka hojjetaa saal-qunnamtiitti kennuu bira darbee, Melaaniin gara fuula duraa namoota biroo wajjin walitti dhufeenya jaalalaa akka qabaattuu gargaaruuf leenjisaa jaalalaa waliin haasa'aa ture.

"Bakka bu'aa Cheeyiis barbaada. Nama na jaallatuu fi waanan jaalladhuu fi waan hunda bilisaan hojjata ture," jetti.

"Takkaayyuu Appii jaalalaa seenee dhiirota waliin toora interneetii irratti nan haasa'a jedhee yaadee hin beeku ture. Amma garuu guyyaa guyyaan baay'ee haasa'aa jira. Gaabbiin koo maaliifan dafee hojjechuu hin eegaliin kan jedhu qofadha."

Melaaniin mootummoonni qaama miidhamtootaaf tajaajila saal-qunnamtii akka argatan kaffaltii fi deggeruu qabu jettee amanti.

"Ofitti amanamummaa koo baay’ee guddateera, yeroo kamiyyuu caalaa gammachuun qaba. Muuxannoo kanaaf gatii kaa'uu hin dandeessu."

Akkasumas muuxannoo haaraa ishee hiriyootaafi maatii isheef qooduuf gammachuu guddaa qabdi.

"Jalqaba irratti dubbachuuf xiqqoo qaana'eera, garuu jireenya koo irratti jijjiirama guddaa fide. Namootatti himuu dhiisuus hin dandeenye akka isaanis naaf gammadaniif. Gammachuu fuulakoorratti balleessuu hin hin danda'u.”