Icciitii gaarreen Tooraa Booraa Osaamaa Bin Laaden, US fi Sooviyeet dhamaase

Madda suuraa, PM Media
Haleellaa Fulbaana 11, 2001 gamoo lakkuu Niwu Yoorkiifi Pentaagon irratti raawwatameen booda, Ameerikaan adda durummaan namni qindeesse hogganaan garee Al-Qaayidaa Osaamaa Bin Laaden ta'uu waan amanteef dhimmitee barbaadaa turte.
Pirezidantiin Ameerikaa yeroo sanaa Joorj Buush Onkoloolessa 7, 2001 shororkeessummaa fi warra haleellaa namoota 3,000 ol galaafate kanaaf itti gaafatamuu qaban irratti waraana labsuun akka adamsaman labsii dabarsan.
Xiyyeeffannaan guddaan Osaamaa Bin Laaden irratti ture. Bin Laaden ammoo Afgaanistaan keessa kan ture yoo ta'u, gareen isaa Al-Qaayidaan deeggersa Taalibaan argachaa Afgaanistaan harka caalu to'ata ture.
Osaamaan Caamsaa 2, bara 2011 oppereeshinii dhoksaa humni waraanaa US bulchiinsa Baraak Obaamaan gaggeesseen Paakistaan, Abotabaad keessatti ture kan ajjeefame. Kun ammoo oppereeshinii Bush jalqabe waggaa 10 boodadha.
Waggoota 10 oliif, Osaamaa Billaaden humna waraanaa US fi michootasheef yaaddoo guddaa ta'ee ture. Isaan ammoo bakka inni jiru barbaacharraa yeroo itti laafan hin turre. Erga Fulbaana 11, 2001 haleellaa gaggeesseen booda Osaamaa Bin Laaden dhokannaan waan jiraatuuf baayyee hin mul'atu.
Haleellaa 9/11 hordofee ji'oota muraasa booda loltoonni Ameerikaa Osaamaa Bin Laaden gaarreen Toraa Booraa Afgaanistaan keessa jiraachuu adda baafatan - akkas taanaan akkamitti isaan jalaa miliquu danda'e?
Miseensonni garee Tajaajila Doonii Addaa Biriteen (SBS) raadiyoo dambalii gabaabaa waraabamerraa sagalee yeroo dhaggeeffatan kan isaan xiyyeeffannoo itti kennanii barbaadan ta'uu baran.
Garee kana keessaa lama nama dheeraa jaakkeetii loltuu uffatee eegumsaa namoota 50 qabuun socho'aa jiru argan, innis seensa icciitii ta'een holqa tokkotti seene.
Haleellaa Fulbaana11 bara 2001 raawwatameen ji'oota muraasa booda, Osaamaa Bin Laaden gaarreen Afgaanistaan, daangaa Paakistaanitti dhihoo jiran keessatti waan kornee ta'e fakkaata.
Gaarreen Toora Booraan lafa miilli isaa inni dhumaa ejjetu ta'uu waadaa ofii gale. Akkas taanaan, akkamitti miliqe?
Loltoonni SBS garee Ameerikaan durfamu CIA fi Humnoota Addaa Ameerikaa waliin Bin Laaden faana dhahuun Jalalabad irraa gara gaarreen Adiitti qajeelan. Achiin booda ammoo gara Tora Bora, holqawwan fagoo wal xaxoo ta'anitti qaxxaamuran.
Gareen kun gaarreen kanneen jala akkuma gahanii booda mana barumsaa tokko akka buufataatti fudhatan.
Namoonni afur, Afgaanistaan 10 waliin gara gaarreen kanneenitti qajeelan. Bakki sun lafa rakkisaa, bu'aa ba'ii hamaafi holqa argamee hin beeknee gaarreen wal hidhganii deebisa hin qabnetti seenan.

Gabaasaaleen waraana Ameerikaa, gaazexeessitoota amanamoo fi lammiilee Afgaanistaan tokko tokkorraa argaman akka mirkaneessanitti, hogganaan Al-Qaayidaa kun naannoo Toora Booraa hedduutti mul'ateera.
Fulbaana 11, 2001 baha Afgaanistaan magaalaa Kohoost keessatti argame. Sadaasa 8, 2001 inniifi hogganaa Al-Qaayidaa waliin hojjetan Ayman Mohaammed Rabii al-Zawahirii barreessaa kabajamaa Paakistaan Hamid Mir waliin Kaabuulitti wal argan. Yeroo sanatti humni Ameerikaa magaalaa Kaabuul seenuuf ture.
Hoggantoonni Al-Qaayidaa sirna awwaalcha hogganaa hidhattoota Uzbeek Jumaa Kaan Namanganii kan haleellaa xiyyaara Ameerikaatiin ajjeefamanirratti argaman.
Sana booda Osamaan akka nama hafuura ta'ee; lammata hin mul'anne gaarreen Toora Booraatti dhokachuuf achi deeme jedhama.
Gaarreen Tooraa Booraa maaliif filataman?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Osaamaa Bin Laaden ofuma isaatiin hogganuun bu'uuraalee misoomaa gaarreen keessaa ijaarsisuun ulaawwan lafa jalaa loltoonni isaa naannoo tokko irraa gara naannoo biraatti osoo hin mul'atin naannoo sanaa osoo hin ba'iin ittiin socho'uu danda'an walitti hidhuu dhuunfaan to'ateera.
Holqa kana lola humnoota Sooviyeet waliin turerratti fayyadamaniiru.
Iccitiin guddaan gaarreen kanaa isaan bira gahuu dandeessa malee seensa holqa sanaa arguu dhabuudha.
Dhagaa keessaan baayʼee dhiphoo taʼanii kan bocaman waan taʼeef, daawwataan tokko jiraachuusaanii osoo hin argiin bira darbuu danda'a.
Warri Sooviyeet gaarreen argan malee qabsaa'ota hin argine. Isaan itti dhihaachaa turan, yeroo haleellaan isaanirratti raawwatamu dhukaasa dhaga'aa turan, garuu namoota hin argine.
Loltoonni Sooviyeet waan isaan hin eegnetu isaan mudate. Hedduun loltoota Mujaahidiin isaan dura dhaabbannaan rookkeettii fayyadamuuf dirqaman garuu ammas diddaa cimaatu isaan mudate.

Madda suuraa, Getty Images
Waraana Sooviyeet Afgaanistaan keessa waggaa 9tti siqu tureen booda, hogganaan gamtaa Sooviyeet saddeetteffaa fi kan dhumaa kan ta'e Mikhaa'el Sergeyevich Gorbaachev, loltoota Sooviyeet maallaqa garmalee itti dhangalaasaa jiraachuufi sababa kanaan dinagdeen raafamuu hubachuun achi keessaa baase.
Kanaan ammoo Bin Laaden waan injifate fakkaata.
Gaafa Guraandhala 15, 1989 waliigaltee nagaa mallatteessee loltoota dhumaa biyyee Afgaanistaan keessaa baaseera.
Weerara Sooviyeet bara 1989 booda Osaamaan garee isaa cimsuu itti fufee amma tattaaffii isaa Sudaan irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, dhiibbaa humnoota Ameerikaa fi NATO Sudaan keessatti shororkeessitoota lolaa turanirraan kan ka'e bara 1996tti Jeettii dhuunfaatiin gara Jalalabad, Afgaanistaan deebi'uuf dirqame.
Gaafa Toraa Boraatti deebi'u Osaamaan jabaatee deebi'ee kaampii guddaa qabsaa'otaaf ijaaruu eegale. Ofii isaatiif, maatii isaatiif, akkasumas hoggantoota olaanoo Al-Qaayidaa Tooraa Boritti gamoo guddaa ijaare.
Kutaawwan biroo hedduun gaarreen Toora Booraatti meetira 100 ol ta'u ijaaramaniiru.
Icciitii Osaamaa Tooraa Booraa keessaa miliqee bahe
Gaarreen Toora Booraa, kan magaalaa Jalalabad irraa gara kibba bahaatti maayilii 30 fagaatee argama. Gaarreen ajaa'ibaa garuu waraanaaf michuu ta'an, holqa gurguddaa fi dhagaa loltoota Al-Qaayidaa dhokannaaf tajaajilu qaba.
Gaarreen kunneen maayilii baayyee kan diriiran yoo ta'u, bifa isaaniirraa kan ka'e gammoojjii sana keessatti addaatanii waan mul'ataniif gaarreen Adii jedhamanii waamamu. Gaarreen kun fiixeewwan olka'iinsa waliigalaa meetira 4,300 ga'an qabu.
Ameerikaan Bin Laaden gara gaarreen Tooraa Booraatti baqachuu akka qabu cimsitee amante. Garuu Ameerikaan odeeffannoo sadarkaa olaanaa qabaattus yoom gara gaarreen sanaa akka deemu murteessuuf rakkisaa ture.
Boodarra CIAn dhuma baatii Sadaasaa keessa Bin Laaden gara gaarreen kanneenitti baqachuu isaa ragaa gahaa argateera.
CIA keessaa bahee booda nam,ni Ameerikaa Osaamaa Bin laadeen qorate, Piitar Bergen, Bin Laaden Sadaasa bara 2001 keessa loltootaa fi waardiyyoota 1,000 hanga 1,500 ta'an waliin gara Tooraa Booraatti baqate jedhe.
Gaaffii fi deebii televijiinii Sadaasa 29, 2001 taasisaniin, itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa yeroo sanaa Dik Cheenii, hogganaan Al-Qaayidaa gaarreen Tooraa Booraa keessa dhokatee akka jiru akka amanu dubbataniiru.
"Gareen loltootaa guddaa, garee eegdota dhuunfaa guddaa amanatu qabu, daangaa ce'ee miliquuf abdii qaba, garuu sun akka ji'oota muraasa duraa salphaa hin ta'u," jedha Cheeniin.
Jiraattonni kutaa Tooraa Booraa kanneen gaarreen keessaa nyaata fi meeshaalee biroo Al-Qaayidaaf geessuu turanis Osaamaa fi gareen isaa holqa Tooraa Booraatti argamuu isaanii mirkaneessaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Lolli Toraa Booraa gaarummaan isaa Osaamaa bakka dhokatee baasuudha
Bifti Osaamaa warqee ture. Odeeffannoon waa'ee bakka argama isaa Tooraa Booraatti humnoota Ameerikaa kutannoofi xiiqii guddaadhaan isa barbaadaa turanif odeeffannoo murteessaa ture.
Loltuun Ameerikaa duraanii Dalton Farii (maqaasaa isa dhugaa miti, kitaaba 'Kill Bin Laden' jedhamu bara 2008 maxxanfameen muuxannoo waraana kana keessatti isa mudate ibsuun, humnoota hojii addaa gara 90 kan hoogganan Farii, Bin Laaden Toaraa Booraa keessa dhokatee akka jiru akka beekan dubbata.
Fariin akka jedhutti, gaarreen Tooraa Booraa keessa yeroo jiranitti qunnamtii isaanii addaan kutuu waan danda'aniifi yeroo isaan haasa'an dhaggeeffachuun salphaa waan tureef, of eeggannoon socho'aa turan.
Kana malees, loltoota kana keessaa tokko tokko, gargaarsa namoota naannoo sanaatiin, loltoota Ameerikaa ta'anillee, uffannaafi dabbasaa kan isaan fakkaatuu guddisuun meeshaa waraanaa qabatanii namoota naannoo sanaa fakkaachuuf itti fayyadamaniiru jedha Fariin.
Akka addatti hin baramneef hin arganneef garee namoota naannoo sanaa waliin turan.
Namoonni naannoo sanaa meeshaalee GPS xixiqqoo isaan nyaata geessuuf gaara keessa fudhatan kennameefii ture. Meeshaa kana akka dhiibaniif qajeelfama kennameef, naannoo loltoonni baay'inaan itti argaman yoo argan, kunis bakka sana galmeessee Ameerikaanoonni boombiidhaan akka irratti xiyyeeffatan gargaareera.
Namoonni naannoo sanaa hojii kanaaf kaffaltiin kan kaffalame yoo ta'u, milkaa'ina kan argate yoo ta'u, US sakatta'iinsa boombii hamma gaarreen bal'aa barbadeessee gaggeessiteetti. Garuu Al-Qaayidaa balleessuu hin dandeenye.
Muddee 9 xiyyaarri boombii C-130 jedhamu guddaa toonii 6 ol ulfaatu gaarreen irratti darbachuun duumessa guddaa guutummaa gaarreen Tooraa Booraa haguuge uumtee ture.
Waraana Veetinaamii as boombiin Daisy Cutter jedhamu kun yeroo jalqabaaf faayidaarra ooleera.
Boombiin kun loltoota Al-Qaayidaa hedduu ajjeesuun kanneen biroo qabachuuf gargaareera, sababiin isaas holqonni sun ibiddi guddaan qabatee barbadaa'anii ture.
Akka Fariin jedhutti, Muddee 11, 2001, Osaamaan kiyyoo Ameerikaa keessatti akka kufan taasiseef dhiifama gaafatus, lola kana itti fufaa jechuun raadiyoodhaan yeroo walqunnamsiisu dhaga'ameera.
Fariin hanga walakkeessa baatii Muddeetti Bin Laaden Tooraa Booraa keessa dhokatee akka ture dubbata. "Bin Laaden Tooraa Booraa keessa akka ture shakkii hin qabu.
"Yeroo lola sanaa" jechuun kitaaba Kill Bin Laden jedhu keessatti barreesse.
Haata'u malee, boombii garee Al-Qaayidaa kan balleesse fakkaateen booda waraanni Tooraa Booraatti geggeeffamaa ture akka xumurame labsame. Dhugaan jirutti garuu loltoonni Ameerikaaf amanamoo hin taane tokko tokko Osaamaa Bin Laaden miliqee gara Paakistaanitti akka baqatu gargaaruun hin oolle.
Gaarreen Tooraa Booraa daangaa Paakistaan irratti argaman Bin Laadeniif bakka nageenya qabu ta'uun daangaa akka qaxxaamuru isa gargaareera.
Waggaa 10 booda humnoota Ameerikaa callisanii isa hordofaa turaniin Paakistaan magaalaa Abbottabad keessatti hanga ajjeefamutti deebi'ee hin mul'anne.












