Chaayinaan misaa'ela baalistiikii 11 dhiyeenya Taayiwaanitti dhukaaste

namoota misaa'ela Chaayinaa ilaalan

Chaayinaan misaa'ela baalistiikii fageenya dheeraa furguggatu 11 dhiyeenya qarqara galaana Kaaba-Bahaa fi Kibba-Lixaa Taayiwaanitti gara bishaaniitti dhukaaste.

Taayiwaan ammoo akka Kooriyaa Kaabaa misaa'ela gara galaanaa dhukaaste jechuun Chaayinaa qeeqxe.

Chaayinaan dhiyeenya Taayiwaanitti shaakala waraanaa guddaa gaggeessaa kan jirtu yoo ta'u, helikooptaroonni Chaayina samii galaana Taayiwaan irratti mul'ataniiru.

helikooptaroota Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, helikooptaroota Chaayinaa

Dhukaasni misaa'elaa fi shaakalli waraanaa Chaayinaan dhiyeenya Taayiwaanitti gochaa jirtu kun daawwannaa af-yaa'ii mana maree US Naansii Peeloosii waliin wal-qabata.

Naansii Peeloosii Roobii darbe akeekkachiisa Chaayinaaf osoo gurra hin kenniin Taayiwaan daawwatan.

Chaayinaan Taayiwaan akkaa naannoo isheerraa foxxoqxeetti ilaalti. Humnaan osoo hin hafiin akka ofitti deebiftus dhaadatti.

Ameerikaan gama isheen Taayiwaaniif beekamtii kennuufi baattullee, hariiroo cimaa waliin qabdi. Hariiroon kun akka Taayiwaan of ittistuuf meeshaa waaraanaa itti gurguru dabalata.

Daawwannaan Peeloosii Chaayinaa daran kan dheekkamsiise yoo ta'u shaakala waraanaa fi misaa'ela baalistiikii dhukaasuutti jirti.

Ministeerri Ittisaa Taayiwaan gama kaaniin sirna ittisaa isaa cimsatee haalicha hordofaa akka jiru beeksiseera.

Shaakalli waraanaa Chaayinaan gochaa jirtu kun ulaa galaanaa dooniiwwan hedduun irra deddeebi'an akkasumas kallattii xiyyaaronni Taayiwan qubatanii fi Taayiwaan irraa ka'an irra balali'an irrattidha.

Balaliiwwan gara buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Taayiwaan godhaman 50 ol kan haqaman yoo ta'u, dooniiwwanis karaa biraa barbaaddataa jiru.