Eenyutu waraana Yuukireen injifataa jira?

Waraana Yuukireen

Madda suuraa, Getty Images

Humnoonni Yuukireen guyyoota muraasa darban keessatti saffisaan lafa bal’aa Raashiyaarraa deebisanii fudhataa jiru.

Raashiyaan garuu humnoota ishee deebistee gurmeessaa jiraachu fi lafa Yuukireen harka shan keessaa tokko ammayyuu to’adheen jira jette.

Waraanichi akkamitti geeddarame?

Raashiyaan Guraandhala 24, 2022 Yuukireen weerarte magaalaa guddo biyyattii Kiyeev marsite.

Haleellicha karaa Kibba, Bahaa fi Kaaba biyyattiirratti bante.

Ebla keessammoo humnoonni Yuukireen lafa bal’aa naannoo Kiyeev deebisanii to’atan.

Yeroo sanaarra kaasee Raashiyaan tarkaanfii waraanaa Kibba, Bahaa fi Kaaba-Baha biyyattiirratti xiyyeeffachuun gaggeessituun lafa bal’aa qabatte.

Taatullee haalli kuni Fulbaana keessa saffisaan geeddaramu eegale. 

Kaaba-Baha Yuukireenitti loltoonni Raashiya humnoota Yuukireeniin duubatti deebifaman.

Humnoonni Yuukireen lafa km2 3,000 naannoo Karkiivitti qofayyuu deebisnee to’anneerra jedhu.

Walumaagalatti lafa Km2 8,000 ol Yuukireen Fulbaana keessa humnoota Raashiyaarra deebistee to’achuu beeksite.

Lafa bal’aa deebisanii to’achuun kun erga waraanni eegalame as tarkaafii jajjabduudha.

 Naannoo Kibba Yuukireenitti kan argamtu Kersoonitti humnoonni Yuukireen loltoota Raashiyaa deebisanii haleelaa jiru .

Jaarmiyaan qorannoo dhimma waraanaa ISW akka himetti, loltoonni Yuukireen injifannoo jabduu humnoota Raashiyaarratti gonfataa jiru.

Raashiyaan deebii maal kennite?

Raaashiyaan gama isheen akka mirkanessitetti, loltoonni ishee Iziyuum fi Kupiyaniskii bakkeewwan jedhaman keessa gara boodaatti deebi’aniiru.

Raashiyaan akka jettutti yoo ta‘e, loltoonni kunneen kan duubatti deebi’aniif tarsimoof yoo ta’u, ‘’ deebia'anii of gurmeessuf,’’akka ta’e himte.

Raashiyaan itti dabaluun akka beeksiftetti, haleellaan waraanaa iddoowwan gadhiisanii bahan kanatti ittifufee gaggeeffamaa jira.

Loltoonni Raashiyaa garuu meeshaalee waraanaa hedduu iddoowwan gadhiisaanii bahanitti gatanii bahan.

Raashiyaan lafa hangamii to’attee jirti?

Raashiyaan ammayyuu lafa Yuukireen keessa %20 toa’attee akka jirtu jaarmiyaan qorannoo dhimma waraanaa ISW jedhamu ifoomseera.

Iddoowwan toa’ataman kunneen harki caalaan isaanii naannoo Doombaasi fi Kibba Yuukireen keessatti argamu.

Kireemiyaanillee bara 2014 irraa kaasee to’annoo Raaashiyaa jalaa hin bane.

Lafa Yuukireen kan taate Dombaas keessatti hawaasa afaan Raashiyaa duubataniitu heddummata.

Bara 2014 Raashiyaan erga Kireemiyaa to‘attee as finciltoota Raashiyaan deeggartu naannicha harka sadii keessa tokko ol to’atanii jiru.

Amma yoonaatti namoota hangamiitu dhume?

Biyyoota lachuu jalaa namoonni hedduu ajjeefamaniiru. Taatullee biyyoonni lachuu namoonnii hangamii hanga yoonaatti akka jalaa du’an hin ifoomsine.

Yuukireen loltoota Raashiyaa 50,000 ol ajjeesera jetti, Hagayya keessa Yuukireen akka beekisteetti, waraannii erga eegalee loltoonni 9,000tti dhiyaatan jalaa ajjeefamaniiru.

Raashiyaan garuu loltoonni jalaa ajjeefaman hangam akka ta’an baayyee hin ibisitu.

Bitootessa 2022 keessa lolotoonni 1,351 erga waraanni eegalee jalaa ajjeefamuu beeksiteetti.