Abbaan Alangaa Obbo Taayyee Danda'aarratti ragaa namootaa dhiheeffate

Humnootii farra nageenyaa deeggaruufii meeshaa waraanaa qabatanii argamuun kan himataman Deetaa Ministeera Nagaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aa, ragaan namaa irratti dhiyaate.

Seera Yakkaa ALI Bara 1996 bahe keewwata 251/C fi keewwata 257/E akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun kan himataman Obbo Taayyeen, uffata keelloo hidhamtoonni yeroo beellamaa uffatan uffatanii abukaatoo isaanii waliin dhaddachatti dhiyaatan.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaalus ragaalee namootaa lama kan Abbaan Alangaa Federaalaa dhiyeeffaterraa jecha fudhateera.

Ragaaleen lamaan dhimma meeshaalee waraanaa wayita manni Obbo Taayyee Danda’aa sakkatta’amu argamaniiru jedhaman irratti jechasaanii kennan.

Haa ta’u malee, Obbo Taayyeefii abukaatoon isaanii ‘ragaalee jecha kennuuf dhiyaatan keessaa inni tokkoo himatarratti korniyaan barreeffame ‘Aadde’ kan jedhu ta’ullee kan qaamaan dhiyaate garuu dhiiradha jedhan.

Kana malees, ‘teessoo ragaalee ilaalchisee garaagarummaan waan jiruuf ragaaleen dhiyaatan jecha kennuu hinqaban’ jechuun mormaniiru.

Manni Murtichaas waraqaa eenyummaa ragaalee erga ilaaleen booda ragaaleen lamaan jechasaanii akka kennan taasiseera.

Abukaatoon Obbo Taayyee Danda’aas ragaalee jechasaanii kennan lamaan gaaffii qaxxaamuraa gaafataniiru.

Manni Murtichaas galmee qoratee jalamurtii laachuuf ALI Waxabajjii 18, 2016’tti beellama qabateera.

Komii Obbo Taayyee…

Xumura dhaddachaarratti iyyata akka qaban Abbootii Seeraatti kan himan Obbo Taayyeen, herreegni baankii isaaniifi kan haadha warraa isaanii ugguramee jiru akka gadhiifamuuf kana dura gaafatanillee hanga ammaa furmaata osoo hin argatin jiraachuu himatan.

Sababa kanaatiin maatiinsaanii rakkoo keessa jiraachuu dubbatan.

Manni Murtichaas herreegawwan baankii kunneen kan ugguraman Mana Murtii Federaalaa Jalqabaa Ramaddii Araadaatti dhaddacha beellama yeroon akka ta’e eeruun mana murtichatti iyyata akka galfatan ajajeera.

Gama biraatiin Obbo Taayyeen maqaa miidiyaalee mootummaatti dhiyeenya qaban lama eeruun maqa-balleessii irratti raawwachuusaaniifi gabaasa biraatiin akka sirreessaniif gaafatanii turanis osoo hin sirreeffamiin hafuu himan.

Manni Murtichaas Obbo Taayyeen iyyata isaanii kana barreeffamaan akka dhiyeeffatan ajajeera.

Gama biraatiin Manni Murtichi beellama ALI Caamsaa 13, 2016 ooleen ittisa himataa jalaqabaa Obbo Taayyeen dhiyeessan kuffisuunsaa ni yaadatama.

Kana malees beellama darbeerratti Obbo Taayyee Danda’aa yakka akka hindalagne himuun jecha waakkii laatanii turan.

Deetaa Ministeera Nagaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aa Miseensa Caffee yemmuu ta’an, mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa kaafamuunsaa ni yaadatama.

Kana malees Obbo Taayyeen aangoorraa kaafamuufii to’annoo jala ooluusaaniin dura mootummaa Abiy Ahimadin hogganamu qeeqaa turan.