Mootiin Hayilasillaasee akkamiin Ingiliz magaalaa Baazitti baqatan?

Mootichi Hayilasillaasee erga humnoota nageenyaa Dargiin aangoorraa fonqolchamee waggoota 50 ta’eera.

ALI Fulbaana 2 bara 1967 miseensonni loltoota Dargii mootii Itoophiyaa duraanii waggoota 44’f biyyattii bulchan aangoorraa buusuu ibsan.

Mootiin Hayilasillaasee humna faashistii Xaaliyaanii loluusaaniif addunyaarratti akka ‘'gootaatti’ ilaalamu.

Haata'u malee, Hayilasillaaseen bara 1936-1940tti waggaa afuriif biyya Inigliziirraa Faashistii Xaaliyaanii Benito Mussolini mormaa turan.

Gaafa waraanni Xaaliyaanii Itoophiyaa to’ate, bara 1936 hanga 1940tti waggoota shaniif Hayilasillaaseen biyya Ingiliziitti baqatanii jiraatan.

Yunivarsiitii Weest Ingilaanditti piroofeesara kan ta'an Shawin Naaftaali Soober, akkatti Hayilasillaaseen biyya Ingiliziitti baqatan BBC World Service'tti himan.

Hayilasillaaseen buufata baaburaa Landan Paadiingtan yeroo gahan namoonni hedduun simataman.

Yeroo sana Hayilasillaaseen maatii fi hojjattootasaanii waliin Baaz dhaqan.

Hayilasillaaseen Fairfield akka dhaqan taasifamnaan jirattoonni magaalichaa waa’ee Haayilasillaasee ijoo dubbii godhatanii turan.

Haayilasillaaseen hawaasatti ''saffisaan dabalamanii turan'' jedha Pirofeesar Soober.

"Namoota biroo waliin hariiroo gaarii qabu turan," jedha piroofeesarri kun.

Yeroo tokko rizoortii 'Weston Super Mare Tropicana' jedhamu seenuuf hiriiranii otoo dhaabatanii dursa akka seenan gaafatamanii, hiriira keessa turanii dabaree eeggataa turani jedha.

Xaaliyaaniin Itoophiyaa erga weerarte booda Haayilasillaaseen biyyaa baqachuu akka hin barbaanne piroofeesarichi eerera.

"Haata'u malee, Itoophiyaan weerara sana eeboo fi goraadee qofaan ofirraa ittisuu akka hin dandeenye hubataniiru."

Kanaaf as dhufanii mormuu filatan," jedhu Pirofeesar Soober.

Hayilasillaaseen yeroo biyyaa baqataan sana dhaabbata‘League Of Nations’ jedhamutti iyyataa turan.

Pirofeesar Sober akka jedhutti "Hayilasillaaseen har'a dabareen nu gahe boru isinis hin hanqatu" jedhanii himatan.

Sababni mootichi Baaz keessa jiraachuuf filataniif, waraanaa Itoophiyaarratti harkasaanii gaaziin summii Xaaliyaanii gube yaaluuf iddoo bishaan daakaa magaalichatti argamutti fayyadamuu barbaadu ture.

Magaalaa 'Bath Fairfield' keessatti mana bitatanii ijoollee , hojjettoota isaanii, qeesii fi qondaalotasaanii waliin itti galan.

Baaz keessa wayita jiraatan baayyee beekaman tura,'' jedhu piroofeesarri kun.

Ijoolleen Haayilasillaasee ijoollee hawaasa naannoo waliin taphachaa jiran. Isaanuma waliin irbaata nyaachuu jalqaban.

Wantoota hawaasni naannoo sanaa mooticha ittiin yaadatan keessaa tokko "sa'aatii beellamaa eeguusaaniiti" jedha.

Hayilasillaaseen mana jireenyaa isaanii Baaz keessatti qabu jedhamee haasa’amus saree isaanii waliin daandii Baaz irra osoo deemanii mul'atan.

Hayilasillaaseen bakkeewwan bashannanaa magaalattii fi iddoo bishaan daakaa hawaasaatti gargaaramaa turan.

Akka namoota kaanitti hiriira eeggatanii bakka bishaan daakaa seenaa turani jedha.

Gaafa tokko hojjattuun manasaanii Ruut Haskiins Itoophiyaatti oduu waraana banamee dhageesse ture.

''Sagaleen dhukaasa boombii dhaga'ame, namoonni iyyaa fi boo'aa turan. Hayilasillaaseen kana dhagahanii boo’an jette''

Bara 1939tti Musooliiniin Aldoolf Hitilar wajjin michummaa uume ture.

Hayilasillaaseen bara 1940tti Biriteen erga isaan gargaartee Xaaliyaanii mo'atanii booda gara Itoophiyaatti deebi'an.

Mootichis baqataa akka turan hin daganne. Masaraa isaanii keessaa tokko magaalaa Biriteen keessatti argamtu Fairfield House jedhanii moggaasan.