Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seenaa Haji Adam Saaddoo iccitii liqimsuun gamatti
Hajii Adam Saaddoo namni hedduun iccitii qabsoo Oromoo luqimsuu isaaniin beekuu seenaan qabsoo isaanii hedduun hin baane jiraa jedhu ilmi isaanii barreessaa Muusaa Hajii.
Haji Adam Saaddoo bara 1877 Godina Baalee Aanaa Gobbaa ganda Daraara Magidaa jedhamutti dhalatan.
Haji Adama xiqqeenyarraa qabanii waggoota 104 lafarra jiraatan keessatti qabsoo bifa garaagaran gaggeessaa turaniiru jedhu ilmi isaanii barreessaa seenaa ta'an Muusaa Hajii.
''Waggaa 15fi 18 irraa qabanii diddaa gabrummaa keessa kan seenan gaafa weerartootni minilik Baalee qabattu, Nafxanyummaan biyya keenya keessatti fudhatama akka hin arganne uummata kakaasuun ture.''
Bara Haayila Sillaaseettis Baaleen Harargee waliin walitti qabamtee yeroo bultutti gaffii ofiin buluu qaamaan dhaqanii mootii Hayilasillaasee gaafachuus yaadatu.
''Biyya Itoophiyaa jedhamtu kana akka bulchinuu rabbitu nutti kenne jettee dubbata. Yoo galmee biyya Oromiyaa bulchuu rabbiirraa fudhattu kana Baalee keessattti argitee.''
Boodas mootiin Hayilasillaasee Baale daawwachuuf yoo buufata xiyyaara dhufan hundi nama gadi jedhee yoo simatu Hajii qofatu dhaabate jedhu.
Yeroo gaafatamaniis ''ani rabbiif malee namaaf gadi hin jedhu jedhan.''
Dhimma abbaa lafaa fi biyya ofii ta'urratti qabsoo gaggeessan laaffisuuf jecha badhaaa Hayilasilaaseen qopheessaniif diduun gootummaa isaanii ibsaniirus jedhu ilmi isaanii.
''Maqaa federaalummaatiin Kaabbaa fi badhaasa adda adda yoo kennaniif, wayita san Dalloorratti lolli deemaa waan tureef ani hin fudhadhu kobbortaas ofii bitachuun danda'a jedhan.'' jedhu ilmi isaanii seenaa qoratan obbo Muusaan.
Hajiin akka qabasaa'ota durii hedduu qawweetti hin amanan tures jedhu.
''Hajiin qawwee takka dhukaasanii hin beekan. Wanni bilisa nu baasu mataa jijjiiramaati jedhan.''
Qabsoon hidhannoo qonnaan bultoota Baalee wayita finiine garuu qabsoon kun bifa bittinnaa'en galma hin gahu jechuun kutaan biyyaa gidduu galeessaa qabsoo kanatti akka makamu miseensummaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti qabaniin qabso godhamu walitti hidhuuf ka'anii jedhu obbo Muusaan.
Kan garaa nu baate garaatti deebifne
Qabsoo hidhannoo Baaleetti eegale Finfinneettis akka cimuuf xalaayaa hooggantootni qabsoo Baalee barreessan janaraal Taaddassaa Birruu fa'an gahuuf yoo ergaman namoota tikaan butamanii bakka amma Ma'akalaawwii jedhamutti tursiifamanii wayita turetti seenaan namni hedduun ittiin isaan yaadatu raawwatamuu obbo Muusaan ni himu.
Achittis iccitiin xalayaan barressanii fidan akka hin baane mana fincaanii deemanii liqimsanii deebi'anii jedhu ilmi isaanii.
''Yoo isaan deebi'an Poolisiin afur sakatta'anii Hajii hidhuu dadhabanii achiis Shugguxiin yeroo hedduu harkaa hin dhabamne fi aalbee harkaa kufe.''
Xalayaa Janaraal Waaqoo Guutuufi Janaraal Huseen Buunee Daraaraan barreefame fudhatanii dhufan iccitii qabsoo Oromoo waan qabuuf liqimsuu isaanii namootni seenaa qoratan hedduun ni yaadatu.
Xalayaan barreefamee ture qabsoo hidhannoo kana akkamiin walgargaaranii galmaan gahuu akka qaban kan akeeku akka ta'e obbo Huseen wanna iyyafatan irraa kitaaba isaanii seenaa Waan Garaa nu Baate jedhurratti katabuu himu.
Mana fincaanii yoo dhaqanii deebi'aan namootni tikaa isan qabanii turan ragaalee fidanii dhufan akka itti kennan gaafatanii achiis sakatta'uu obbo Muusaan himaniiru.
Hajiin garuu xalayaa san liqimsanii ''waan garaa nu baate garaatti deebifanne jedhaniin jedhu. Iccitiin dhokate kun maal akka ta'e Oromoo hedduu biratti hin beekamus jedhan.
''Hajiin dubbii isaanii keesatti waan garaa nu baate malee waan garaa na baate'' hin jennes jedhu.
Haji Adam Saaddoo qabsoo uummanni Baalee sirna mootii Hayilasillaasee irratti taasisaa ture keessatti nama qooda adda durummaa qaban turan.
Boodarras miseensa boordii Waldaa Maccaafi Tuulamaa ta'uun hojjetaa turani jedhu pireezidantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa kan turan Dr. Gammachuu Magarsaa.
"Waldaa Maccaafi Tuulamaa fi Oromoota Baaleefi Arsii gidduutti riqicha turan," jedhu Dr. Gammachuun.
Siidaan Yaadannoo Haji Adama dhaabbachuuti maatiitti miirri dhagaahame maali?
Siidaan yaadannoo Haji Adama Saaddoo magaala Goobbaatti ijaaramee eebbifamuuf qophaa'aa jira.
Kana ilaalchisee yaada isaanii kan kennan obbo Muusaan gammachuu guddoo qabaachuu himan.
Anaan Gobbaa bakka dhaloota keenyaati. Magaalaa Gobbaa ammo bakka mana keenyaatii jedhu obbo Muusaan.
Adda babayii magaala Gobbaa bakka siidaan Jeedalaa turetti siidaan Hajii dhaabbachuuf yoo jedhamu hokkorri ka'ee akka tura kan yaadatan obbo Muusaan "akkuma ta'etti gaaffii uummataa deebisuuf ijaaramuun isaa akkuma uummata Oromoo hundaa gammachiise nu gammachiisa'' jedhan.
''Nullee siidaan abbaa keenyaa ni ijaarama jennee hin yaadne, namni kaaniis hin yaadne rabbiin yeroo isaa eeggatee seenaa kana baasee.''
Suurri siidaa kanaa eebbaan dura bahuun kan hin eegamne ta'uus, badooma hin qabuu jedhan obbo Muusaan.
Siidaan kun gaaffii uummataan kan ijaarame ta'uu isaatiin xumuramuun isaa uummata Oromoo hedduu gammaachiiseeras jedhan.
Siidaa eebbisuu qofa osoo hin taane galma guddaa mana kitabaa qabu ijaarsisuufis bulchiinsi magaalaa Gobbaa sochii guddaatti jira jechuun himaniiru.
Bulchiinsa magaalaa Gobbaatiif galata qabaniis himaniiru.
Wanni Haji Adam Saaddoorraa baratamu maali?
- Dhugaadhaan uummata Oromootiif dhaabachuu- ''Hajii Adamiin dhugaa dhaabataniif irraa dabsuuf yeroo hedduu lafa, maallaqaa fi wanna garaagaraan yaalanii dadhaban. Haji Adam nama homa tokkoonuu sobamu miti. Haqa ofiitiif nama dugda duubatti hin debine.''
- Murannoo
- Of kennuu
- Kayyoo qabataniif dhaabachuu
Haji Adam bara 1981 wayita lubbuun darban bakkuma dhaloota isaaniitti awwaalaman. Seenaan isaanii garuu dhalootaan yaadatamaa jira.
Bakka dhalootaa isaaniitti manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa ijaaramee jiru maqaa isaanii akka mogga'u ta'eera. Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa damee isaa magaala Gobbaas Haji Adam Saaddootti moggaaseera.
Buufatni Leenjii Teekinikaa fi oogummaa magaala Gobbaatti argamuus akkasuma magaa isaaniin mogga'uun seenaan isaanii awwaalaan ol jiraachuu isaaf ragaadha.