Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baankiin Addunyaa Itoophiyaa dabalatee guddinni dinagdee biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii akka dabalu hime
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa Sahaaraan gadii bara kana keessa guddina dinagdee saffisaa dhibbentaa 3.8 ta'e akka galmeessisan Baankiin Addunyaa beeksise.
Tarkaanfii warri imaammata baasan qaala'insa jireenyaa tasgabbeessuuf fudhatan akka sababa tokkootti kan dhiyeesse Baankiin Addunyaa, waggoota lamaan itti aanan keessatti guddinni kun akka itti fufu eereera.
Guddinni kun ji'a Eblaa keessa kan turerraa dhibbentaa 3.5 kan dabale biyyoota akka Itoophiyaa keessatti Sharaf alaafi qaala'insa jireenyaa tasgabbeessuun, akkasumas dhala baankii hir'isuun hojii hojjetameen ta'uu Baankichi gabaasa isaa Afrikaa Puuls jedhu wagga lama keessatti baasuun mul'iseera.
Roohitars akka gabasetti, "haalonni mijatoo kunneen baasiin dhuunfaa fi invastimantiin akka dabalu taasisaa jiraachuu" Baankichi gabaasa isaa keessatti ibseera.
Waggoota lamaan dhufan keessa guddinni wagga giddu-galeessaan gara dhibbentaa 4.4tti akka ol guddatu Baankiin Addunyaa ibseera. Kun ammoo tilmaama dhibbentaa 4.3 duran ture caaleera.
Baankiin Addunyaa biyyoota 47 qaxanaa sana keessa jira keessaa tilmaamni guddina dinagdee biyyoota 30 akka ol guddatutti fooyyeeffameera jechuun gabaasa isaa keessatti eereera.
"Gatiin qaala'insa jireenyaa giddu-galeessaa %4 gadi kan ta'edha. Dabalataan ammoo, maallaqni ittiin walirraa bitan baayyeen dolaara bira yeroo qabaman laafanii turan amma dandamatanii tasgabbaa'aniiru," jechuun Baankii Addunyaatti Ikonomistiin Olaanaa Afrikaa Andiriiwu Dabaalan sabaa-himaaleetti dubbataniiru.
Qaxanaa kana keessatti kanneen dinagdee gurguddoo qaban keessaa tilmaama guddina dinagdee Itoophiyaa, Naajeeriyaa fi Ayivorii Kost fooyyeesseera Baankichi.
Galiin lammileesbara kanafi waggoota lamaan itti aanan saffisaan guddata jechuun Baankiin Addunyaa beeksisuu isaa Roohitars gabaaseera.
Gabaasichi itti dabaluun, "dinagdeen kun waggoota kudtti aansee erga dadhabeen booda suuta suutaan dandamachuu kan agarsiisu yoo ta'u, deebiyee fooyya'uun isaa kun garuu haala amansiisaa ta'erra kan dhaabbate miti," jechuun beeksiseera.
Dinagdeen qaxanicha keessa jiru tasgabbii dhabuu daldalaa sababa imaammata pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraampiin uumameen qoramaa jiraacuu ibseera.
Dabalataan, dhiibbaa liqaa olaanaafi hojii dhabuu dargaggootaa miliyoonaan lakkaa'aman biyyoota naannoo kana keessa jiraniif yaaddoo ta'uullee eereera.
Waliigaltee daldalaa ijoo Ameerikaafi biyyoota Afrikaa gidduu jiru AGOA ilaalchisuun, "daqaaleen daldalaa ammallee ifatti ni mul'atu. Kun akkamitti akka hiikamu hin beeknu. Mariin baayyeen taasifamaa jiru," jechuun Baankii Addunyaatti Ikonomistiin Olaanaa Afrikaa Andiriiwu Dabaalan dubbataniiru.
Baankiin Addunyaa gabaasa isaa kanaan mootummoonni kampaaniiwwan xixiqqoofi giddu-galeessa ta'an jabeessuuf haala daldalaa fooyyeessuun carraawwan hojii uumuurratti akka xiyyeeffatan yaadachiiseera.
Baankii Addunyaatti Ikonomistiin Olaanaa Afrikaa Andiriiwu Dabaalan,"hojiiwwan kunneen miindaa gaarii kan argamsiisaniifi jireenya amansiisaa kan uuman ta'uu qabu," jedheera.
Itti dabaluun, biyyoota kanneen keessatti carraawwan hojii uumaman afur keessaa harka sadii kan ta'u seektara idilee hin taane keessatti.
Carraan hojii dhibuufi komiiwwan biroo bara darberra kaasee Keeniyaa, Naajeeriyaa fi Maadagaaskaar keessatti mormiin dargaggootaan gaggeeffaman diddaa ummataa kaasaniiru.
Kun ammoo qormaata warri imaammata baasan qaban agarsiisa.
"Rakkooleen kanneen furuu dhabuun waan hordofsiisu malu yaaduun rakkisaadha. Sababoota isaanii ilaaluu waan jalqabne natti fayyaata," jedha Andiriiwu Dabaalaan.Reuters